Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ijoolleen Tiraamp rippaabilkaanota filannoorratti abbaasaanii hin deggerre komatan
Ijoolleen dhiiraa Tiraamp lamaan Tiraamp filannoo kana mo’achuuf qabsaa’us, rippaablikaanoti isa deeggaruurrraa hanqataniiru jedhan
Ilmi hangafaa pireezidantichaa Doon Juuniyar, paartii rippaablikaan ‘dadhabaa’ jechuun yoo ibsu, Eriik immoo, ‘’warri sagalee nuuf kennan, deeggaruu dadhabuu keessan ammoo yoomiyyuu hin irraanfatan,’’ jedhe.
Wal-dhabdeen akkasii kun hordoftoota Tiraampiifi paarticha gidduutti qaawwi uumamuu agarsiisa.
Bu’aan filannoo ammallee madaaluma wal-fakkaaturra jiraatus kaadhimamaan warra Demookiraatii Joo Baayidan injifannootti kan dhiyaate fakkaata.
Tiraamp sagaleen hatameera jechuun himannaa seeraa akka banu dhaadatus,ragaa sagaleen hatamuu agarsiisu garuu hin dhiyeessine.
Rippaablikaanoti gameeyyiin Utaah, Miit Roomneey fi bulchaan Meeriilaand Laarii Hogaan sirna demookiraasii keenya salphisaa jira jechuun akeekkachiisaniiru.
Doon Juniyar kaayyoo siyaasa mataa isaa waan qabuuf warreen filannoo 2024 eeganiif aariisaa qusachaa jira jedhameera.
‘’Rippaablikaanoti filannoo bara 2024f abdii qaban amma deeggarsa agarsiisuu dhiisuun isaanii nama dhiba,’’ jedheera.
‘’Waltajjii isa sirrii otoo qabanii waanuma miidiyaan hafarsuun liqimfaman, Donaald Tiraamp inni sirriin qabsoo isa sirrii ni qabsaa’a, isaaniis ni argu,’’ jedheera.
Yaada kana Tiwiitarii irratti kan barreesse falmaa mirga dhiirotaafi deeggaraa Tiraamp Maayik Seernoovich dhaaf.
Maayik, UN’tti ambaasaadara pireezidaantichaa kan turte Nikii Haaley komate.
Isheen Waayit Haawus bara 2024f qopheessuu yaada jedhu dhiyeessaa turte.
Tiraamp Juniyar ,’’Rippaablikaanoti waggoota kudhaniif dadhaboo gatii turaniifi warri dimookiraatotaa akka fedhan tahuuf kan danda’an,’’ jedheera.
Obboleessi isaa Eriik immoo,’’Rippaablikaanoti meerre? Onnee qabaadhaa. Hanna kana lolaa malee, yoo kana gochuu baattan warri sagalee nuu kennan deeggarsa kennuu dhabuun isin hin irraanfatan,’’ jedheera.
Jarri kun lameen Rippaablikaanota abbaa isaanii deeggaraa turaniin galateeffataniiru.
Deeggartoonni Tiraamp biroofi namichi Rippaablikaanaa kongireesii Filooriidaa Maat Geez gariin keenyi Tiraampiif falmiina Nikii Haaleey garuu isa leellisaa jirti,nama gaddisiisa jedheera.
Siyaasa waggaa afuriin Tiraamp paartii Rippaablikaanaa akka fedhii isaatti geeddaraa ture. Keesumaa miseensota paartii tokko tokko irraa immoo deeggarsa harka 90 tahu argachaa ture.
Dhaadannoon paartichaa laafachaa dhufeeti, ajandaa pireezidantichaa ‘’Ameerikaan haa dursituun’’ bakka bu’eera.
Sararri pireezidantichaa fi paarticha gidduu jiru yoo inni aangooorraa bu’u akkam taha kan jedhu ammallee gaaffii dha.