Jawaar Mohaammad fi Baqqalaa Garbaa 'yaaddoo nageenyaan' mana murtiirraa hafan

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhadhachi Lidataa dhimma uggura qabeenya himatamtoota galmee Obbo Jawaar Mohaammad jala jiranii irratti murtii kennuuf har'a [Sadaasa 03] beellama qabatee ture.

Haa ta'u malee himatamtoota keessaa Obbo Jawaar Mohaammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa dhaddacha har'aa irratti osoo hin argamiin hafaniiru.

Manni murtichaa dhadhacha Kibxata ganamaatiin himatamtoonni kunneen maaliif akka hin dhiyaanne gaafateera.Himatamtoota dhaddacha irratti argaman keessaa Obbo Hamzaa Booranaa, "Obbo Jawaar fi Obbo Baqqalaan haala qabatamaa amma biyyattii keessatti ta'aa jiru kanarraa yaaddoo guddaa waan qabnuuf jecha beellama kanarratti hin dhihaannu" jechuu mana murtiif himeera.

"Haala amma ta'aa jiru kanaan miidhaan yaa hafuutii yaaliin yoo nurratti taasifame biyyattii balaa caalu keessa waan galchuuf biyya kanaaf yaaduuf jecha sochii gara mana murtii kanarraa of qusataniiru" jedhan.

Kanaan alattis yeroo biyyi rakkina hamaa keessa jirtu kanatti dhimma qabeenya keenyaatiif jecha mana murtiitti deddeebi'uun nuuf qaanidhas jedhaniiru jechuun mana murtiitti himeera obbo Hamzaan.

Yaaddoo isaanii kanas caasaa mootummaatti beeksisuu isaaniis himeera.

Bulchiinsi Mana Sirreessaas himatamtoonni lameen yaaddoo amma ibsame kanaaf jecha beellama kanarraa hafuu isaanii mana murtiif mirkaneessee jira.

Isaan alattis himatamtoonni galmee Obbo Jawaar fa'a jala jiran biroo haala qabatamaa amma biyyi keessa jirturraa yaaddoo qaban dhadhacha kanarratti dubbataniiru jedhan Abukaatoon isanii Obbo Kadir Bulloo.

Manni murtichaas dhimmicha ilaaluuf A.L.I Sadaasa 15'tti beellama biraa qabateera.

Himatamtoonni galmee Obbo Jawaar jala jiran rakkoo nageenyaa ajjeechaa Haacaauu Hundeessaa booda uumameen wal qabatee gocha shororkeessummaan himatamani.

Seerota itti himataman:

• Seera Yakkaa A L I bara 1996 bahe Keewwata 240 cabsuudhaan walitti bu’insi sabaafi amantii bu’uura godhate kakaasuudhaan inni tokko isa kaan irratti akka ka’u gochuudhaan,

• Labsii yakka shororkeessummaa ittisuufi to’achuuf bahe lakkoofsa 1176/2012,

• Yakka telekoomii waliin dhahuu lakkoofsa 761/2004 fi

• Labsii bulchiinsa to’annoo meeshaa waraanaa lakkoofsa 1177/2012 cabsuudhaan yakka raawwatan jechuun Abbaan Alangaa ALI Fulbaana 6, 2013 mana murtii Federaalaa Ol-aanaa dhaddacha ramaddii Lidataatti himannaa banuu ibse.

Himatamtoonni kuneen mootummaan filannoo keessaa isaan baasuuf jecha yakka isaan hin raawwanneen isaan himachuufi dhimmi isaanii furmaata siyaasaa akka barbaadu irra deddeebiin mana murtiitti himaa turan.