Obbo Leencoo Lataa: 'Itoophiyaa keessa aadaan siyaasaa jijjiiramu malee sirna dimookiraasii ijaaruun ni rakkisa'

Madda suuraa, Friedrich-Ebert-Stiftung
Paartileen siyaasaa Naannolee Itoophiyaa adda addaa irraa walitit babbahaan dhimma ijaarsa sirna dimokiraasii fi aadaa walmarii irratti guyyaa kaleessaa Adaamaatti mari'ataniiru.
Mariin kuni duraan paartilee Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa gidduutti adeemsifama kan ture yoo ta'u kan miilanaa kuni garuu paartilee naannolee Itoophiyaa biroos hirmaachiseera.
Marii kanarratti kan waraqaa qorannoo dhiheessan gameessi namni siyaasaa Oromoo Obbo Leencoo Lataa 'rakkoon ijoo aadaan siyaasaa Itoophiyaa keessa hin jiru. Inni horatamuu qaba,' jedhaniiru.
Kanaan achi, Itoophiyaa keessatti carraa 'si'a afraffaaf'sirna dimookiraasii ijaaruuf yaadame milkaa'u dhabuu mala jechuun ibsaniiru.
Marii paartileefi ogeeyyii garaa garaa hirmaachise kanarratti paartileen affeerraan taasifameefi dhimoota garaa garaa ibsuun akka hin hirmaanne kan ibsanis jiru.
Paartiin Gamtaa Dimookiraatawaa Oromoo (ODA) fuula fesbuukii isaarratti baaseen mariin kana duraa bu'aa hin argamsiisne akkasumas haala qabatamaa biyyi itti jirtus 'hin agarsiisu' jechuun ibseera.
Kanneen marii kana qindeessan keessaa tokko kan tahan Dr. Diimaa Noggoo, mariin kuni sirna dimokiraasii biyyattii keessatti ijaaruuf galtee kan tahudha jedhan.
"Kanaan dura ummanni Itoophiyaa kuni bara dheeraa qabsoo godhe. Warraaqsa ummattootaa 1974 irraa eegalee jechuudha.
''Qabsoon kuni sirni dimokiraasii, walqixxummaan ummattootaa akka jiraatuufi ture. Qabsoon kuni maaliif galma hanqate kan jedhu marichi" jedhan.
Waggoota 50 darban mootummoonni jijjiiramanis sirni ummattootni biyyattii fedhan ijaaramuun maaliif dadhabame kan jedhu ijoo marii kanaa ta'uus eeran.
Itoophiyaatti ''filmaannis ta'eera garuu sirna dimokiraasii utubuu hin dandeenye'' jechun rakkoo hawaasa, mootummaafi gama kaaniin jiru akka xiinxalame ibsan.
Mariin paartilee naannoo lamaatiin jalqabame kuni gara paartilee naannolee biraa hammachuutti akka cehu sababa ta'eef yoo himanis:
"Rakkoolee naannolee lamaan gidduu ture keessumaa yunvarsiitota keessatti mudaterraanii mariin kuni kan jalqabe.
''Amma haa bal'atu jedhamee walgahii kanarra kan jiran paartilee fi uummata naannoo lamaani qofa miti. Namni Itoophiyaa hunduu hirmaachaa jiru" jedhan.
Miseensota paartii fi namoota dhuunfaa 150 tahan maricharratti hirmaachaa jiran keessaas 100 kan tahan naannolee Oromiyaa fi Amaaran ala jiranirraa hirmaachuus himan.
Koree qindeesituu walgahii kana keessaa tokko kan tahanii fi maricha irratti barreeffama kan dhiheessan Obbo Leencoo Lataa gama isaaniin mariin dhibdee Amaaraa Fi Oromiyaa furuuf jalqabe gara biyyaatti ceheera jedhan.
"Oromoo fi Amaarri waltaanaan biyya kana nitasgabbeessa. Isaan lamaan waldhabnaan dhibdee guddaa taha.
''Kanaaf dhimma kanaaf xiyyeefannaa kennuun dhibdee hin qabu. Dhibdee kan qabaatu yoo naannooma lamaan kana gidduutti hafedha. Kanaaf bal'isuutti jirra," jedhan.
Waraqaa Obbo Leencoon dhiheessan
Obbo Leencoon barreeffama 'Itoophiyaatti si'a sadii carraan argamee maaliif gara dimokiraasiitti cehuun dadhabame? ' kan jedhurratti waraqaa qorannoo dhiheessaniiru.
Qorannoon kuni madda rakkoo fi furmaata akkasumas carraan amma jiru kuni akka hin dogogorre akeeka jedhan.
Kana dura, mootummaa gonfoo irraa mootummaa dargiitti, dargiirraa ADWUI'tti akkasumas boodarra filannoo bara 1997 carraan dimookiraasiitti ce'amuf ture milkaa'uu dhabu himu Obbo Leencoon.
''Kuni maaliif ta'e? Of duuba deebinee yoo sana ilaalle badii gaafa sana goone qajeelfanne malee si'a afraffaa amma nu dhufe kanas dogongoru keenyatu mala,'' jedhan.
Nami gameessi siyaasaa Obbo Leencoon akka furmaataatti wanta kaa'an dubbatu.
''Furmaanni isaa aadaan jijjiiramuu qaba. Aadaa polotikaa hin qabnu. Aadaa polotikaa horachuu qabna. Caasaa polotikaa hin qabnu. Dimookiraasii hin qabnu. Suni, ijaaramuu qaba. Kunimmoo yeroo fixa.''
Paartii Adda Bilisummaa biyyaalessa Ogaadeen irraa maricharratti kan hirmaatan qondaali Olaanaa dhaabichaa ta'u kan himan Obbo Hasan Mu'aarii barbaachisummaa marii kanaa dubbatu.
Obbo Hasan mariin paartilee siyaasaa biyyattii akkasumas aadaa siyaasa biyyattii fooyyessuuf taasifamu kuni filannoodhaan duratti cimee itti fufuu qaba jedhan.
"Itoophiyaa yeroo tokkoon dimokiraasitti hin ceetu. Rakkoo hedduutu jira. Fakkeenyaaf seenaa irratti waliingallu, heera mootummaa irrattis, dhimma Finfinnee irrattis sababoota hedduu irratti waliingallu.
''Rakkoolee akkanaa marii akkanaa kanaan furuun kan dandahamu," jedhan.
Dhimmoota hedduu irratti walii hin galle kunneen mariidhaan osoo hin furin jarjarsuudhaan filannootti seennaan rakkoo hamaa keessa biyya galchuu malas jedhan Obbo Hasan.














