Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiileen Itoophiyaa mana hidhaa Saawudii irraa biyyatti deebii'an maal himuu?
Dubartiin ganna 39 Zawudnesh Baqqalaa guyyaa jala bultii ayyaana waggaa haaraa bara 2013’tti haadhooliifi daa'iman manneen hidhaa Saawud Arabiyaatii gara biyyaa debii'an 147 ta'ushee wayita bartu gammachuun itti dhagahamee daangaa dhabu himiti.
Hangan carroomtu ta'u hikka hinamanneen ture jetti.
Qabeenya horachuu baattullee; hiyyummaa injifachuu baattus; wantoota akka gammaddu ishee taasisan keessa tokko gidiraa ji’oota jahaaf mana hidhaa keessatti dabarsite sana keessaa bahuusheeti.
“Galata Rabbii biyya kiyya galeera; ijoollee kiyyattis deebi’eera,” jechuun imimmaanii hudhamaa erga biyyatti deebitee turtii ji’a tokkoon boodaa BBC waliin dubbatteerti.
Turtii mana hidhaa namoonni dhibbaa ol keessatti hidhaman keessaas “namoonni dhukkubsatan heddutu jiru, isaan maraatanis baay’eedha. Isaan dhippinni sammuu isaan mudatees jiru. Karaa seeraan alaatiin deemanii, dalaalonni seeraan alaa isaan fudhatu,” jetti.
Zawudnesh waggoota torba dura ture karaa seera qabeessaan gara Saawud Arabiyaa kan deemte.
Haalli achi ture garuu akka isheen ni ta’a jettee eegde sanitti salphaa hin turre.
Jalqabarratti rakkoon afaaniitu ishee mudate; hojjattuu manaa taatee yeroo hojjatutti warra ishee mindeesse waliin walii galuu hin dandeenye; akkasiin jalqabumarraa rakkina keessummeessuu jalqabde.
Hayyamni hojiishee erga xumurame boodas achuma turuun hojii adda addaarratti hirmaateetti; bakkaa bakkatti naannofteetti; daandiirrattillee rakkoof saaxilamteetti.
“Mucaan daa’imaa tokko luqqeettuu kiyya cuubeedhaan na waraaneera. Dhukkubsattuu ta’eera.”
Walakkeessa waggaa darbeetti garuun rakkoon guddaa biraatu ishee mudate. Mana jireenyaa baqattoonni Itoophiyaa waliin keessa jiraatan poolisiidhaan marfame.
“Qaama dhiqadhee pijaamaa uffadheen ture. Uffata jijjiiradhuyyuu osoo hin fudhatin nu fuudhanii deeman,'' jechuun haalaa mudate himti.
Erga to’annaa jala oolfamte booda turtiinshee mana hidhaa sarbamni mirga namoommaa fi hanqinni qabiinsaa keessatti mullachuuf gaazexoota idil-addunyaatiin baliinaan waa'ee isaa gabaafameefi dhaabbileen mirgootaaf falmaniin qeeqaman keessaa isa tokko keessa ta’e.
Gabaasaaleen adda addaas mana hidhaa keessatti hidhamtoonni ni reebamu, cancalaan walitti hidhamuu, humnaa ol walitti rukkatu jedhuun qeeqan.
Mootummaan Saawud Arabiyaas dhimmicha qorachaa jirra jechuunsaa ni yaadatama.
Zawudnesh manni hidhaa keessa turte hamaa ta’uusaa himti. Humnaa ol baay’achuu hidhamtootaarraa kan ka’e dhukkubsattootaaf tajaajilli fayyaa kennamu hin jiru ture jetti.
Hanqinna kunuunsaarraa kan ka’e hidhamtuun mana hidhaa keessatti duute akka turtes ni himti.
Kanaaf yeroo xiyyaara gara Finfinnee imalu keessa seentu gammachuunshee daangaa hin qabu ture.
Erga biyyattii deebii hoo?
Erga Finfinnee seente boodas sababa weerara koronaavaayirasii guyyoota 11’f mooraa yunivarsiitii tokko keessa turteetti.
Turtiishee boodas qarshiin geejjibaa birriin 250 kennameefiin booda gara bakka jireenyaa isheetti qajeelte.
Erga gara biyyaa deebiite baatii tokkoon booda Zawudnesh gargaarsa gaafatte. Hojiis argachuu hin dandeenye.
Jireenyashee eegaluuf mana haadhashee kan magaalaa Finfinnee gama bahaatti argamutti deebii'uun jireenyashee jalqabdeetti.
Aanaa naannichaarraa deeggarsi siif taasifame jedhamuun waadaan galamuufis hamma ammaatti omtu hin jiru. Lakkoofsa herreega baankiikees kenni jedhamtee isas kenneera jetti.
Deeggarsi baqattoota gara biyyatti deebi’aniif taasifamu guutuudha jedhamuu baatus waggoota darban keessatti fooyya’eera kan jedhan Deetaan Ministeera Hajaa Alaa kan ta’an Tsiyoon Takiluuti.
“Waa’ee Saawud Arabiyaa yoo haasofne Caamsaa bara 2017 irraa hamma Bitootessa 2020’tti lammiilee Itoophiyaa kuma 400 ta’an deebifneerra,'' jechuun eegalu.
''Isaan hundi namoota dhuunfaatii jettee yoo na gaafatte deebiin kiyya miti kan jedhu. Sababni isaas namoota kanan keessa kanneen si’a kudhan, kudha shan imalan argatta. Kanaaf wanni godhuu dandeettu imalasaanii adda lakkaa'uudha.”
Imaloota irra deddeebii hambisuuf odeeffanno jireenya dhuunfaasaanii funaanuu jalqabuusaanii ibsu.
Baqattoonni gara biyyattiitti deebi’an battalumatti Finfinneetti tajaajila wallaansa xiinsammuu akka argatan kan himan Deetaan Ministiraa kun, “achi booda waajjiraalee naannoleetti argaman waliin hojjanna” jedhu.
Waajjiraalee akka ministeera fayyaa, ministeera nagaa fi ministeera hojjattootaa fi dhimmoota hawaasummaa akkasumas Gamtaa Afriikaa, Gamtaa Awurroppaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uudhaan baqatoonni biyyatti deebi’an kunneen hawaasatti makamuun jireenyasaanii irra deebiin akka jalqabaniif hojjachaa jirra jedhaniiru.
“Haalli ture eeyyeen fooyya’eeraa. Garuu ammoo hojichi rakkoorraa bilisaa miti. Hojiin baqaattoota deebiisanii hawaasatti makuurratti jabaannee hojjachuu qabna,” jedhu.
Gannat Taakkala baqattoota Saawud Arabiyaatti gidiraan irra gahee amma deebi’an keessaa tokko.
Gannat waggoota kudhaniif Saawud Arabiyaa turteetti. Ji’oota sadiin dhumaa mana hidhaa keessa turte baayyee rakkisaadha jette. Isheenis akkuma Zawudnesh baqattoota Qaammee bara 2012 keessa deebi’an keessaa tokko.
Zawudnesh waliin mana hidhaatti kan wal baratan yoo ta’u, ammas walitti dhiyaatu.
Turtii mana hidhaatitti dhukkubaaf akka saaxilamte himti. “Miilli kiyya na dhukkubuu jalqabeera. Ammi yeroonsaa yeroo qorraati. Wanni uffatamu tokkollee hin jiru kan gatame yoo argatte malee. Uffata alkanii tokkotu ture, lafa sinmiitoorra ciisaa ture.”
Mana hidhichaa keessa kutaalee kudhanii ol akka jiran kan yaadattu Gannat, kutaa tokko keessatti daa’imman 60 olitu turan. Kutaa ani keessa ture keessatti daa’imman kudha lamatu turan jetti.
Erga gara biyyaa deebite booda mana yaalaatti deddeebi’uushee kan himtu Gannat, fooyyee qabaatus guutumatti akka hin fayyine ibsiti.
Akkuma Zawudnesh Gannatis erga turtiishee wirtuu koronaavaayiras keessa turte booda maallaqa muraasa geejjibaaf jedhamee kennamuusaa BBC’tti himteetti. Kanaan achi garuu gargaarsi argatte tokkollee akka hin jirre dubbateetti.
Ishee fi baqattoonni biyyatti deebi’an akka jedhanitti, maallaqa yookiin qabeenya yeroo duraraa Saawud Arabiyaa turanitti ergan yookiin kaayyatan qabaatan malee waan biraa waan hin qabneef jireenyasaanii zeeroorraa jalqabuun dirqama akka itti ta’e himti Gannat.
Zawudneshis taatee Gannat irra deebiin yaada gara Baha Giddugaleessatti deebi’uu akka hin qabne himu; ta’us garuu deeggarsa maallaqaa, kan ogummaa yookiin ammoo gurmaa’uurratti fala argachuu barbaadu.
Boru maal akka ta'u baruu baatan illeen, yoo xinnaatee maatiisaanii waliin yeroo dabarsaan nageenyummaan isaanii eegumaafii jira.