Itoophiyaatti barattoota naannoo Tigraay ammallee dhagaa jalatti horii waliin walkeessa taa'anii baratan

Barattoota daasii keessatti barataa jiran

Madda suuraa, TESFAY

Ibsa waa'ee suuraa, Barattoota daasii keessatti barataa jiran

Singaappor waraana addunyaa lammaffaa booda wantoota akkasheen akka biyyaatti jabaattu taasisan keessaa tokko barnoota.

Biyyattiin xiyyeeffannaa barsiisotaaf kennitu, keessumaayyuu barnoota gama saayinsiifi herregaan sadarkaa olaanaadhaan waamamti, biyyattiin xiqqoo taatus beekumsa barnootaatiin biyyoota addunyaa heddu dursaa jirti.

Dhimma kanaan baacoon hin jiru; maatiin sadarkaa beekumsaa ijoolleesaanii hin ijaaran akkasumas gara mana barnootaatti hin ergan taanaan seeraan gaafachiisu waan ta’eef baay’ee of eegu.

Gama biraan Singaappor irraa fageenya maayilii 4,389 irratti kan argamtu Naannoon Tigraay ammoo qarqara biraa qabattee jirti.

Addanatti barsiisota gabatee gurraacha hin qabne, darbee darbees kitaaba kan hin arganne, harkasaaniitiin muka qabatanii gaaddisa dhagaan marfame jalatti barsiisantu jiru yoo isiniin jenne hoo? ni amantuu? Kana qofa miti.

Barattoonnis ganamaa fi galgala dhagaa jala ta’aanii bineeldota sagaleesaanii dhageessisanii fi bineensota waliin osoo aduu fi qilleensi itti jijjiiramuu daasii jalatti akka baratan yoo dhageettan hoo?

Nuu fi isinillee barattoota jedhamuufii? Barsiisonni hoo barsiisota jedhamanii waamamuu? jechuunsaanii waan hin hafne ta’uu danda’a.

Barattoota Singaappoor

Ta’us isaan lamaanuu asillee ta’anii achi barataa fi barsiisaa jedhamaniiti kan waamaman. Barsiistuu Muluubirhaan Aragaawiif taateen kun muxannoo jireenyashee isa dhugaati.

Barsiistuu Muluubirhaan mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Sool naannoo Tigraay godina Qaaftaa lixaa aanaa Humaraatti argamutti barsiisiftuu fi daayirektara mana barnootichaa ta’uun hojjatti.

“Bakkichatti kutaalee barnootaa daasii heddu waan jiraniif dandeettiin barattootaa barnoota qayyabachuusaanii %50 gad yoo jedhe dhaadhessuu natti hin ta’u,” jetti.

‘Balaan uumamaa, bineensonni yookiin wantoonni biroo nutti dhufuu laata?’ jechuun barattoonni barnootarra jiran jidduudhaan ishee gaafatu.

Kanarraa kan ka’e qalbiinsaanii gara barnoota isheen isaan barsiiftuu osoo hin taane isa ijjisaanii gara alaa ilaaluu saniin hatama.

Miira yaadaan guutame kanaan baratanii gara manasaaniitti deebi’u. “Barataan dhagaa jalatti qilleensii fi aduun itti jijjiiramu qabxii gad aanaa fiduunsaa dirqama.

Keessumaayyuu yoo daa’imman ta’an haala kana keessa darbuunsaanii baay’ee ulfaataadha. Kutaa barnootaa wanti hundi hin guutamne keessatti barataan baratu wantoota hundaan qalbiinsaa waan hatamuufi beekumsa barbaachisuun hin argatu,” jetti barsiistuun Muluubirhaan.

Bakkichatti ammallee jijjiiramni hin jiru; hedduunsaanii daasii keessattii fi dhagaarratti barachuunsaanii dhimma filannoo hin qabnedha.

Barattoota daasii keessatti barataa jiran

Madda suuraa, TESFAY

Barsiisonnillee ta’an waajjira gaarii fi gahaa akka hin qabne eerti.

“Gammoojjii keessatti waggoota shaniif barsiiseera. Gamoon bilookii lamaa fi waajjirri barsiisotaa tokko ni jira. Kanarraa kan hafe kutaalee daasii waggaa waggaadhaan kufanii jiraattonni haaromsaa keessatti barsiifnutu jiru.”

Aanaan Humaraa haalli qilleensasaa ho’aa fi aduu itti jabaattu ta’uusaatiin barattoonni dhagaa irra taa’anii baratan, dhoqqee dibuudhaan barachuuf yaalii akka taasisan dubbatti barsiistuun Muluubirhaan.

Wanti argitu kunis yaaddoo keessa ishee galchaa akka ture himti.

“Haala kana keessatti guyyaa tokkoofillee daayirektara mana barnootichaatii mitii, barsiistuu ta’ee dabarsa jedhee hin yaadu ture. Turtiin booda garuu hawaasa hin caalu jedhee fudhe.”

Yeroo sanitti yaada maal barsiisa? jedhuun yaadda’aa akka turte kan himtu barsiistuun Muluubirhaan hojiin haala mijataa hin taane keessatti hojjatu nama hin quubsu” jetti.

Namoonni abdii kutatanii gara biyya alaa deeman ni jiru

Barattoota Tigraay

Madda suuraa, Tasfaay

Singaappor biyyoota barsiisotaaf kabaja kennan kudhan keessaa ishee tokko yoo taatu, maatiinis ijoolleensaanii barsiisota akka ta’aniif jajjabeessu.

Muluubirhaan barsiistuu ta’uu hawwaa guddadhe jechuun yeroo ganna 20 turtetti hojii barsiisummaa akka jalqabde himti. “Yeroo dura qacarame sanitti kutaa 1-8ffaa barsiisa ture.

Barattoonni barcumaa mitii gabatee gurraacha hin qaban. Yeroo kana argu abdii kuta ture; isaanis garuu uffata adiirratti halluu gurraacha dibuun qopheessu ture,” jetti.

Kanarraa ka’uun daa’immanii fi barattoonni dubartootaa hedduu barnootasaanii akka adda kutan kan dubbatu barsiistuun Muluubirhaan “bakka wanti tokkollee hin jirreetti fageenya deemuu qabdu deemuu hin dandeettu.

Kanaaf barannee? Jedhanii abdii kutuun namoonni gara biyya alaa deeman jiru; akkuma haalasaati jedhanii kan itti fufanis jiru,” jetti.

Kunis barsiisonni ergaa barbaachisu dabarsuuf isaan waan hin gargaarreef, dhaloota gammachuu qabuu fi jabaa ta’e qaruurratti dhiibbaasaanirratti uuma.

“Guyyaa tokko to'annoo gochuuf daasii tokko seene. Osoo barsiisaan barsiisaa jiru horiin wal dhiibaa gara daasii seenan. Bineensonni gammoojjii biroos ni dhufu.

Kunis naasuun ijoolleerratti uumuu fi sa’aatii barnootaa qisaasessuurratti dhiibbaan fidu salphaa miti,” jechuun taatee ishee mudate himti.

Mootummaan Singaappor sirna barnootaa jabaa ta’e hordofu keessatti barsiisonni barbaachisoo waan ta’aniif deeggarsa maallaqaa fi kitaabaa taasisuun, leenjii gahaa ta’e kennuun sirna barnootaa of eeggannoon guutame hojiirra akka oolchan jajjabeessa.

Kutaaleen itti baratamanis kan waan hunda guuttate, mijataa fi hawwataa ta’uusaaniirraa kan ka’e yeroo baay’ee ‘gara wirtuu kalaqaatti’ jijjiiramu.

Kanaanis barsiisonni ‘The key is teacher’ jechuun barnoonni biyyasaanii gaarii ta’uusaatiif ragaa bahu.

Barsiistuun Muluubirhaan haala barnootaa Tigraay jirutti gammachuu qabaattus “haala jiruun hojjataa as geenyeerra. Ta’us garuu haala kanaan itti fufuu hin qabu” jechuun haalli boru jiraatu fooyya’aa akka ta’uuf abdii qabdu ibsiti.