Naannoon Tigraay barattota yunvarsiitii Amaara keessa jiranitti akka hin ergine beeksise

Mootummaan naannoo Tigiraay barattoota yunvarsiitii naannoo Amaaraa keessa jiranitti ramadaman akka hin ergine beeksise.
Itti-gaafatamaan Biiroo Barnoota nannoo Tigiraay Dr. Injinar Gabramasqal Kaahisaay akka jedhanitti barattoota gara yunvarsiitiiwwan naannoo Amaaraa keessa jiranitti erguurra fala biraa barbaadaa jiru.
Biiroon Barnootaa naannoo Tigiraay barattoota haaraa dhaabbileen barnootaa ol-aanoo naannoo Amaaraa keessa jiranitti ramadaman 600 ta'an akka hin ergine beeksises sodaa nageenya amansiisaa dhibuudha jedheera.
Akka Biiroon Barnootaa kun jedhutti barattoota bara kana naannoo amaaraatti ramadaman 2,000 akka yunvarsiitiiwwan naannichaan ala ta'anitti akka ramadaman gochuu ibsuun, kan hafan barattoota 600 ammoo falli akka barbaadamuuf gaafateera.
Biiroon naannichaa kun ibsa dhimma kanarratti kenneen qaamni mootummaa itti gaafatama fudhachuun nageenya barattootaatiif wabii ta'u hin jiru jedheera.
Ibsa kanaan Biiroon kun akka yaadachiisetti, ramaddiin barattootaa haala nageenyaafi tasgabbii yeroo ilaacha keessa galchuun ta'uu qaba jedheera.

Madda suuraa, Biiroo Komunikeeshinii Tigraay
Ramaaddii kanaan dura tureen barattoonni %40 ta'an naannoo isaanii keessatti yeroo ramadaman %60 ta'an garuu yunvarsiitiiwwan biyyattii naannolee gara garaa keessa jiranitti ramadamaa akka ture jedhu Itti-gaafatamaan kun.
Haata'u malee, yeroo ammaa miidhaan sabummaarratti hundaa'ee yeroo hammaataa jiru kanatti barattoota %10 qofa yunvarsiitii naannoo isaanii keessatti ramaduun %90 ammoo naannoo biraatti ramaduuf yaaduun yaachisaadha jedhan.
Naannoon Tigraay qabxii biyyaalessaa barattoota kutaa 12ffaa irratti komii kaasuu isaa ni yaadataama.
Qormaanni biyyaalessaa yeroo kennamaa turetti ''bakkeewwan biyyattii tokko tokkootti keenninsi qormaataa hanqina qaba'' ture jechuun Biiroon Barnootaa naannoo Tigiraay ibsee ture.
''Haa ta'u malee, naannoolee tokko tokkotti naamusa hin eegne ture,'' jechuun qormaataa hatuun akka ture himu.













