Naannoon Amaaraa dogongorri qormaata irratti mudate akka sirratu gaafate

Madda suuraa, AMMA
Biiroon Barnoota Naannoo Amaaraa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa irratti dogongorri mudate dafee akka sirratu gaafate.
Maas miidiyaan Naannoo Amaaraa Hogganaa Biiroo Barnoota naannichaa eeruun akka gabaasetti Eejansiin Madaallii Qorumsaa yeroo qormaata sororee barattoota biraan gahu 'dogongora raawwatuu' isaa ibsa.
Hogganaan Biiroo Barnoota Naannoo Amaaraa Dr Yiliqaal Kaffaala ''gosa barnootaa 'Aptitude' irratti dogongorri mudatuu isaafi barattoonni naannichaa muraasni qabxiin isaanii hin gadhiifamne jira'' jedhaniiru.
Kunis, sababa qabxichi 'shakkisiisaadha' jedhuun osoo hin gadhiifamin akka hafe ibsa har'a kennanin himan.
''Naannoon Amaaraa barataan tokko qormaata hatee darbuu qaba ejjennoo jedhu hin qabu, qabxiin barattootaa yeroo badus hin callisu,'' jechuun isaanii gabaafameera.
Qabxiin barattoonni naannichaa kutaa 12ffaa galmeessan hanga yoonaa Biiroo Barnoota naannichaa akka hin geenye eeruun yaaddoo barattootaafi maatii akka deeggaran gabaasni miidiyaa naannichaa agarsiisa.
Yeroo qormaanni kenname rakkoon jiraate tarkaanfiin fudhatamuu qaba ture kan jedhan qondaaltichi, kanaafi dogongorri raawwate jedhan.
Rakkoon akka jiru erga gabaafame booda tarkaanfii eejansichi fudhate gaarii ta'u kan himan qondaalli kuni, rakkoon kuni dafee akka sirratus gaafataniiru.
Kana duras Naannoleen Oromiyaafi Naannoon Tigraay qabxii qormaata kutaa 12ffaa irratti rakkoon mudachuu isaa eeruun akka komii irraa qaban himanii turan.
Ejensichatti Daarektara Dhimmoota Kominikeeshinii kan ta'an Obbo Radii Shifaa ''Sadarkaa naannootti komiin akkasii wayita dhaga'amu kun isa jalqabaa'' akka ta'e BBC'tti himaniiru.
Yeroo qormaanni biyyaalessaa Itoophiyaatti kennamaa ture intarneetiin kan cufamee ture yoo ta'u, qondaaltonni Ministeera Barnootaa garuu qormaataan walqabatuu isaaf waan mirkaneessan hinqabani.













