Mormii Naajeriyaatti adeemsifamaa jiruun namoonni lama poolisiin ajjeefaman

Hiriirtota gara jabeenya poolisii mormuun bahan

Madda suuraa, Barcroft Media

Mormii gochaan sukaneessaa poolisii haa dhaabbatu jechuun Naajeriyaatti gaggeefamaa jiruun qondaala poolisii dabalatee namooti nagaa magaalaa biyyattii keessa tokko kan taate Leeegoositti ajjeefamaniiru.

Poolisiin keemikaala Amooniyem jedhamu mormitoota bittimsuuf fayyadamuusaa gabaasonni bahaati jiru.

Guyyaa kaleessaa gareen poolisiin ajjeechaa fi hidhaa seeraan ala taheen himatame diigamee booda dha kun kan dhalate.

Mormitoonni garee poolisii saamicha dhaabuuf dhaabbate ‘Special Anti-Robbery Squad' akka diigamuufi hiriira bahaa turan.

Haa tahu malee murtoo gaafa Dilbataan uummatni gammadoo miti. Sababiinsaa immoo miseensonni garee sanaa amala sirreessuu mannaa garee poolisii biroo keessatti dha dabaalamani jedhu.

Namoonni ijaan argan akka jedhanitti yoo tahe dhukaasa poolisiin Leegoos naannoo Suuruuliiritti baneen Wiixata kaleessaa baayyeen miidhamaniiru.

Mormitoonni irra deddeebiin poolisiitti dhakaa darbachaa turan. Poolisiin mormitoonni ‘hidhatan’ lubbuun poolisii tokkoo akka darbuufi lama immoo akka miidhamaniif sababa taheera jedhan..

Poolisiifi mormitoonni du’a nama ganna 55f wal-yakkaati jiru.

Bulchiinsi Muhaammad Buhaarii mormitoota irratti dhukaasuun balaallefatamaa jira. Mormitoota namni gara buufata xiyyaaraa akka hin galle cufaa jiran dhorkan bittinsuuf konkolaataan hidhattootaan guutame bobbaafameera.

Pireezidaantiin biyyattii sirna poolisii irratti haaromsi gadi fagoo akka taasifamuufi garee poolisii addaa Saars keessaa namoonni dhiittaa mirga namoomaa qaqqabsiisan seeratti dhiyaatu jedhan.

Haa tahu malee poolisiin ammallee mormitootatti dhukaasuun dheekkamsaafi aarii jabeessuu mala jedhu gabaastonni.

Dubartii gara jabina poolisii mormuuf baate

Madda suuraa, Reuters

Ibsa Wiixata kennaniin Buhaariin garee poolisii kana diiguun tarkaanfii isa duraati jedhanii ture.Haa tahu malee namoota muraasaaf jecha poolisii jabinaan hojjechaa ture kabaja dhorkuun sirrii miti jedhan.