Mormii Belaarus: Pirezedaantiin Belaarus mormitoota mana hidhaa jiran waliin walga'ii gaggee

Madda suuraa, Press Office of the President of Belarus
Pirezedaantiin Belaarus Aleksaander Lukaashunkoo gaggeessitoota paartii mormituu mana hidhaa jiran waliin walga'iin hin eegamne tokko gaggeessuun isaanii ibsame.
Sabaa himaaleen mootummaa biyyattii akka gabaasanitti, Pirezedaantichi walga'icha kan waaman waa'ee Heera mootummaa foyyeessuurratti mormitoota mana hidhaa jiran waliin mariyachuuf jedhameera.
Mormitoonni walga'ichi dadhabiinsa gama Pirezedaantichaatiin jiru kan agarsiisedha jedhaniiru.
Lukaashenkoon filannoo pirezedaantummaa Hadayya darbe gaggeeffameen sagalee caalmaan mo'adheera jedhaniyyu, kan mo'atan waliin dha'uudhaan jedhameera.
Kun ammoo biyyattii keessatti mormii cimaa kaasiseera.
Kan hordofee tasgabbii guyyootaaf dhabameen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman kan hidhaman yoo ta'u, kanneen dhibbaan lakkaa'aman ammoo poolisiitiin reebamaniiru.
Gamtaan Awurooppaafi Pirezedaantiin Ameerikaa bara Pirezedaantummaa haaraa Lukaasheenkoo hin fudhannu jedhaniiru.
Walga'ii gaggeffame sana irratti hirmaattonni kora sa'aatii 4 fi walakkaa fudhate sana icciitii ture akka eegan waliigalanii akka turanis Waajirri Pireesii Pirezedaantichaa beeksiseera.
Haata'u malee, suurri waajirichi qooda akka agarsiisutti Pirezedaanti Lukaasheenkoo gaggeessitoota paartii mormituu 11 waliin taa'anii wayita jiran agarsiisa. Suura sana irratti hundumtuu fajajanii fuulli ifaa irraa fagaatee mul'atu.
Isaan keessaa durarra kan jiru kan yeroo filannoo morkataa Pirezedaant Lukaasheenkoo cimaa ta'u jedhamanii kan turan ogeessa baankii Viktoor Babariyoon keessatti argamu.
Viktor filannoo Haggayya keessa ture irratti morkataa cimaa yaa ta'an malee, Waxabajji keessa dorgommiirraa dhorkamanii hidhamaniiru.
Ogeettii seeraafi miseensa Mana Maree Qajeelcha Mormitootaa kan ta'an Liiliyaa VIlaasovaamis suura irratti ni mul'atu.
Duula filannoo Pirezedaantii Ameerikaa irratti Senaatar Barnii Saandarsiif kan hojjetan namni Belaarus-Ameerikaa ta'aniifi yaada siyaasaa burqisiisuun (tarsiimoo baasuun) kan beekaman namoota siyaasaa suuricha irratti argaman keessatti argamu.
Waajirri Pireesii Pirezedaantii viidiyoo walga'ichaas qoodeera.
Viidiyoo sana irratti Pirezedaant Lukaasheenkoon hirmaatota walga'ichaatiif, "wanota jiran ballisnee yaaduun akka nurra jiraatu deggaroota keessan qofa osoo hin taane hawaasa biroollee amansiisuudhaaf yaalan jira," jedhan.
Mormii gaggeefamaa jiru eeruudhaan, "Ammas irra deebiin Heera Mootummaa godaanaarratti barreessuun hin danda'amu," jedhan Pirezeaantichi itti dabaluun.
Dhuma viidiyichaa irrattis mormitoonni wanta ta'e irratti osoo kolfaa jiranii kan mul'atan yoo ta'u, sagaleen isaa garuu akka hin dhaga'amne taasifameera jedhameera.
Walga'icha ilaalchisuun morkataan cimaa Pirezedaantichaa yeroo ammaa biyya Awurooppaa Lutiiniyaa keessa baqatanii jiraatan SIveetilaanaa Tiikihaanoviskaayaa miidiyaa hawaasummaa irratti yaada isaanii ibsaniiru.
"Pirezedaantichi yakkamtoota jechuun waamaa kan turan hidhamtoonni siyaasaa jiraachuu isaanii mirkaneessaniir. Kutaa mana hidhaa keessatti marii gaggeessuun hin danda'amu," jechuun ibsan.
Firaansitti ambaasaaddara duraanii kan turteefi mana maree qajeelcha mormitootaatti makamuun biyyaa akka bahaniif dhiibbaan kan irratti taasifamaa ture Paavel Laatushiikoon waa'ee walga'ichaa yaada qaban miidiyaa hawaasummaa irratti qoodaniiru.
"Namoota siyaasaa mana hidhaa jiran waliin marii gaggeessuun isaanii dadhabiinsa pirezedaantichaa agarsiisa," jedhan barreeffama isaanii kanaan.

Madda suuraa, EPA
Belaarusitti maaltu ta'aa jiraa?
Filannoo pirezedaantummaa ji'a Hagayyaa darbe gaggeeffame hordofee, mormitoonni kumaatamaan lakkaa'aman mormiif addabaabaayiitti bahanii turan.
Mormitoonni hedduunis reebichi irratti raawwatameera. Tasgabbii ji'ootaaf dhabamee tureenis namoonni kumaan lakkaa'aman hidhamaniiru. Ammallee hidhamtoonni siyaasaa hundumtuu hiikamanii filannoon bilisaafi haqa qabeessa ta'e akka gaggeeffamu gaafachaa jiru.
Kun osoo kanaan jiruu Jarmaniifi UK dabalatee miseensonni Gamtaa Awurooppaa saddet Lutiiniyaafi Polaand waliin ta'uudhaan ambaasaaddaroonni isaanii akka biyyatti deebiyan ajaja kennaniiru.
Belaarus ammoo Lutiiniyaafi Polaand mormitootaaf dahoo kennuudhaan dhimma biyya keessaa keessa harka galfataa jirti jechuun komatti.
Kana hordofuun Belaarus Jimaata darbe ambaasaaddaroota ishee Lutiiniyaafi Polaand keessa jiran kan waamte yoo ta'u, biyyoonni lameen lakkoofsa hojjetoota imbaasiiwwan isaanii biyyashee keessa jiran akka hir'isan itti himteetti.
Haata'u malee, biyyoonni kunneen lamaan ajaja Belaarus kana mormuun ambaasaaddaroota isaanii waamaniiru.













