Naajeeriyaatti mormiin irratti kaanaan mootummaan Humni Poolisii Addaa Farra Saamichaa diige

Protesters shout slogans as they hold a banner with the inscription "End SARS now"

Madda suuraa, EPA

Humni Poolisii Addaa Farra Saamichaa maqaa SARS jedhamuun beekamuuufi falmisiisaa ture diigamuu isaa Janaraalli Qorataan Poolisii Naajeeriyaa beeksise.

Erga namtichi tokko gara jabina poolisiin ajjeefameen booda Naajeeriyaatti gocha poolisootaa mormuudhaan ummanni daandiitti ba'uun mormaa jiru.

Mormiin Naajeeriyaatti ka'ee akka Humni Poolisii Addaa Farra Saamuchaa jedhamuun hundeeffame kun akka diigamuuf gaafate biyyoota addunyaa waliin ga'uun magaalota gurguddoo UK dabalatee gaggeeffamaa jira.

Pirezedaantiin biyyatti Muhammaduu Buhaarii gama isaanitiin deebii kannaniiru.

Akka fuula Tiwitera Waajira Pirezedaantii biyyattiirratti barreefamettis, "Humi Poolisii Addaa Farra Saamichaa (SARS) kun dhiibbaa mormii mudateen atattamaan diigameera".

Pirezedaantiin biyyattii dhimma kana irratti maal jedhanii ture?

Pirezidaantichi gara jabeenya poolisootaa dhaabuuf murannoo qabaachuu isaanii riiformii gaggeessuuf qophaa'aniiru. Kana malees, kanneen balleessaan irratti argame seeratti dhiyeessuuf jirra jedhan.

Yaadni pirezidaantichaa kunis erga viidiyoon namticha poolisiin ajjeefamu mullisu hordofuun mormiin biyyattii keessatti baballateen guyyoota lamaan booda kenname.

Sochiin mormii jalqaba kan xiyyeefate Garee Addaa Farra Hannaa Federaalaa qofarratti ture. Kanaanis seeraan malee hidhuu, dararuufi ajjeechaan himatamu.

Mormitoonnis kutaan sun riifoormiin irratti gaggeefamuurra akka diigamu gaafataniiru.

Qeeqxoonnis waadaan kana dura amala poolisootaa jijjiruuf galame hojiirra hin oollee jedhu.

Ergaa Tiwiiteraan pirezidaantiichi akka himaniitti ''mootummaan poolisoota irratti riiformii gaggeessuuf kutateera,'' jedhaniiru.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

1px transparent line

Itti-dabaluunis ''gara jabummaafi naamusa maleessummaa poolisootaa dhaabuuf rifoormiin gaggeefamaa jiraachuu natti himameera,'' jedhaniiru.

Haata'u malee, poolisoonni caalmaan lammiilee biyyattii tiksuun kan hojjatan waan ta'aniif akka ummanni obsuuf waamicha taasisaniiru.

Guyyaa Jimaataa, magaalaa guddoo biyyattii Abijaan keessatti poolisoonni namoota mormiif bahan irratti gaazii imimmaaneessaa itti dhukaasanii ture.

People run during a protest in Abuja, Nigeria, October 9, 2020

Madda suuraa, TWITTER/@_EL_AMEEN/via REUTERS

Dubbi himaan poolisii tarkaanfii gadaanaatuu fudhatamee jedhulleen, mormitoonni garuu namoonni muraasni reebamuufi dhukaasni akka ture BBC'tti himaniiru.

Duulli hashtag #EndSARS jedhuun guyyaa Jimaataa midiyaalee hawasumaarratti gaggeefamuuf namoota bebbekammoo kan akka wallisaa beekamaa biyyattii Wizikid fi Daavidoo fa'i waliin deegarsa mormii qaban mullisuuf tiwiitaraan qoodamaa ture.

Taatoon lammii Biritish- Naajeeriyaa Joon Boyegaanis deegarsa isaa midiyaa hawaasaarratti qoodeera.

Protesters carry a placard reading "Special Anti-Robbery Squad SARS Are Authorised Criminals"

Madda suuraa, Getty Images

Janaraalli Qorannoo Polisii biyyattii waliigalaa Mohaammad Adaamuu guyyaa Dilbataa gareen SARS akka hojii dhaabuun sakkata'u hin gaggeessine dhorkaniiru.

Akkasumas, miseensoonni kutaa kanaa yeroo hunda uffata danbii akka uffatan ajajuun akka qoratamanis waadaa galeera.

Haata'u malee, mormitoonni kutaan sun gutummaatti akka diigamuuf gaafataa jiru.

Kana dura waadaa maaltu galamee?

Waggoota lama dura, Itti-aanaan Pirezidaantii Yemii Osinbaajoo fuula tiwiitarii isaaniirratti, ''sochiin bulchinsa SARS akka qoratamuuf tarkaanfii atattamaa dabareesna,'' jechuun barreessaniiru.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

1px transparent line

Booda ammoo bara darbe keessa, garee dhimma qondaaltoota garee kanaa lammiilee biyyattii dararuun maqaansaanii eerame qorachuun himannaa irratti banuufi hojjiirraa hari'achuuf gumii pirezidaantii addaa hundeeffamuutu himame.

Yeroo sanattis Pirezidaant Buhaariin duree poolisitiif yaadawwan ka'an haala itti hojiirra oolfamu ilaalchisee baatiiwwan sadii qofa kennan, garuu geedarumsi taasifame waan xiqqaadha jedhu qeeqxoonni.