Kooriyaan Kaabaa misaayeeliin agarsiisa waraa gaggeesite

Kim Jong-un

Madda suuraa, Reuters

Kooriyaan Kaabaa agrsiisa waraanaa halkanii sa'aatii yeroo baayyee itti gaggeeffameen hin beekne Sanbata darbe gaggeessuun hoggannaa biyyattii Kim Joong un ammoo irratti argamaniiru.

Agarsiisichis yaadannoo waggaa 75ffaa Paartii Hojjattootaa sababeefachuun kan taasifameedha.

Koriyaan Kaabaas yeroo baayyee agarsiisa akkasiitti fayyadamuun meeshaalee waraanaa hammayyaa'aafi misaa'eeloota ishee ittiin agrisiifatti.

Qondaaltoonni akka himanittif qophii agarsiisaa Sanbata darbee kanarratti misaa'eelli Baalastikii ardii qaxaamuruu danda'u akka mullatan himu.

Agarsiifni kun waggoota lamaan as kan yeroo jalqabaa yoo ta'u, filannoo pirezidaantii US gaggeeffamuuf torban lama yeroo hafuudha.

Koriyaan Kaabaa agarsiisa kana kan taasiifte erga yaa'ii yeroo jalqabaatiif pirezidaant Donaald Tiraamp fi Mr Kim bara 2018tti gaggeessaniin asi kun kan jalqabaati.

Akka waraana Kooriyaa Kaabaatti, agrsiisichi Sanbata gara barii gaggeeffame. Haata'u malee, maaliif yeroo sanatti akka taasifame sababiin hin eeramne.

Agarsiisichas midiyaaleen biyyaalessaas ta'ee lammiileen biyya biraa akka irratti argaman hin hayyamamne.

Kanaafuu, xinxaltoonni viidiiyoo midiyaa mootummaatiin erga gulaalameen booda dabarfame irratti hundaa'uuf dirqaman.

Loltoonni yeroo agarsiisarra jiran

Madda suuraa, AFP

Suuraan akka mulliseetti Mr Kim uffata suufii guutii aadaa warra biyyoota lixaa kan bifti daalachaa uffatee ijoollee harkaa abaaboo yoo fudhatu mullata.

Haasaa taasiseenis Kooriyaan Kaabaa ''waan itti dhufu ofirraa ittisuufi qolachuuf jecha waraanaashee cimsuun' itti fufti jedhaniiru.

Akkasumas lammiin Kooriyaa Kaabaa kamiyyu Covid-19n waan hin qabamneef baayyeen gammada jedhaniiru.

''Ummata addunyaa guutuu kanneen vaayirasii hamaa kana ittisaa jiran hundaaf fayyina gaariin hawwaaf,'' jedhan.

Koronaavaayirasiin namani qabame hin jiru jedhamulleen garuu, Mr. Kiim walgahiiwwan sadarkaa olaanoo gaggeessuun uggurri cimaan kaa'ame akka itti fufu taasiseera.

Xinxaltoonni garuu Kooriyaan Kaabaa karaan tasum koronaavaayirasiin qabamu itti dhabu hin jiraatu jedhu.

2px presentational grey line

Sababiiwwan yaaddoo

Kiim Jong-un haasa isaanii kan xumuran dhaadannoo ''ummanni keenya guddaan baraa bara jiraadhu'' jedhuun ture. Haata'u malee, ummanni biyattii rakkina dinadgee keessatti argama.

Gama biraatiin ammoo meeshaaleen waraanaa agarsiisicha irratti mullatan kan biyyoota gara biraatiin kan yaaddoo umuudha.

Kooriyaan Kaabaa waggoota lamaaniifi isaa oliif dandeettii nikulaaraa ishee cimsachaa akka jirtu himtee turte.

Kanaafuu, agarsiifni Sanbataa kunis ergaadhuma sana cimsuuf kan gaggeefame ta'uu xinxaltoonni ni himu.

2px presentational grey line

Agarsiisicha irrattis namni maaskii kaawwate tokkoyyuu hin mullatu. Haata'u malee, kan durii irra namoota muraasatu qophicha irratti hirmaate jechuun AFPn gabaaseera.

Biyyattiin weerara koronaa ittisuuf jecha daangaa ishee addunyaa biraa irraa kan cufatte Amajjii keessa ture.

Aanga'oonni ajaja daangaarratti ''dhukaasaa ajjeessaa'' jedhu baasuun akka namni kamiyyuu gara biyyattii hin galleef taasisaa jiru.

Loltoonni suura yerro agarsiisarra jiran

Madda suuraa, AFP

Torban darbee keessas Mr Kiim lammii Kooriyaa Kibbaa dhoksaan ajjeefameef dhiifama gaafatanii ture.

Kooriyaan Kibbaa akka himteetti namntichi ajjeefameefi gaheessii waggaa 47 erga du'een booda reeffisaa bishaan irratti argame.

Gama biraatiin ammoo fakkiwwan saataalaayitii akka mulliseetti, agarsiisa amma ta'ee namoonni kumaatamaan lakkaa'aman torbaniif shaakalaa turan.

Qondaaltoonni lammiilee biyya alaa Piyoongyaang keessatti argaman ammoo magaalaa keessaafi dhiiheenya bakka qophiichi itti gaggeefamu dhaquu, akkasumas suuraa qophichaa akka hin kaafneef itti himameera.