Kaarloo Akutis: Mucaan lammii Itaalii 'qulqullicha' bar-kumee kanaa ta'uufi

Mucaan lammii Italii intarneetii irratti amantaa isaa babal'isaa ture Waldaa Kaatolikiin 'qulqullicha' jedhamuufi.

Bar-kumee kana keessa nama 'qulqullicha' jedhamee moggaafame kan jalqabaa ta'uufis jira.

Bara 2006 umurii ganna 15tti kan du'e Kaarloo Akutis Sanbata darbe bakka maatiin isaa jiranitti sirni 'qulqullicha' (saint) jedhamee moggaafamuu gulantaa tokko dursee raawwatamu raawwateera.

Mucaan kun ijoollummaan jaalala koompiitaraa kan qabu yoo ta'u, dhaabbilee Kaatolikiif marsariitii qopheessaa ture.

Kanatti dabalataan dinqii hojjechuun lubbuu mucaa biraa du'arraa baraareera jedhamee 'qulqullicha' jedhamuuf kaadhimame.

Sambata darbe wayita sirni 'qulqullicha' jedhamuun gulantaa tokko dura raawwatamu raawwatametti fakkiin isaa bataskaana keessatti tolfame banameera.

"Kaarloon intarneetii tajaajila Wangeelaaf oolche, namoota hedduu bira gahe," jedhan Kaardinaal Agoostiinoo Vaaliinii sirnicha irratti.

Kaarloon 'qulqullicha' jedhamuuf dinqiin lammataa maqaa isaatiin dalagame galmaa'uu qaba ture. Haa ta'u malee Poop Firaansis ulaagaa kana dursanii dirqama akka hin taane taasisan.

Bara 1991 maatii isaa lammii Italii irraa Landan keessatti kan dhalate Kaarloon, maatiin isaa gara Miilaan waan deemaniif achitti guddate.

Ijoollummaan jaalala koompiitaraa kan horate Kaarloon ofumaan 'koodiingii' of barsiise.

"Dandeettii koompiitaraa guddaa qaba garuu haasawaaf ykn ittiin of bohaarsuuf dhimma itti hin baane," jetti harmeen isaa Antooniyaa Salzaaanoo.

Dhaabbilee Kaatoliikiif marsariitiiwwan qajeelchaa ture, ofiifis kan dhunfaa isaa uummatee qaba ture.

Dhiibbaa teekinoolojiin isarraan gahuu danda'us sirnaan nama hubachuu danda'e ture.

Gama biraan hojii tola ooltummaa keessattis qooda fudhachaa ture, maallaqa dhuunfaa isaan namoota rakkatan gargaaraa ture.

Maallaqa qusateen namoota mana hin qabneef waan irra ciisan bitee kennaafi ture jetti harmeen isaa.

Namni tokko akkamiin 'qulqullicha' jedhama?

Waldaa Kaatolikii keessatti namni tokko qulqullicha jedhamuun dura:

1) Xiqqoo turuu

Adeemsi nama tokko qulqullicha jedhanii moggaasuu yoo xiqqaate erga namni sun du'ee waggaa shan booda eegala.

Yeroo kun garuu ajaja Phaaphaasii bataskaanittiin gabaabbachuu danda'a.

2) 'Tajaajilaa Waaqaa' ta'uu

Namni sun jireenya isaa qulqullummaa gahaan jiraachuu isaa dursee qorannoon eegalama.

Ragaaleen walitti qabaman fudhatama kan argatan yoo ta'an, namni sun 'Tajaajilaa Waaqaa' jedhama.

3) Ragaa 'heroic virtue'

Muummeen Pooppii bataskaanittiif eeruu kennu ragaalee dhiyaatan sirnaan xiinxala.

Yoo dhimmichi kan fudhatama argatu ta'e Pooppii ykn Phaaphaasiif dabarsee, phaaphaasiin namni sun jireenya qajeelaa 'heroic virtue' jiraachuufi dhabuu murteessa.

Yoo murtaa'eef namni su Afaan Ingiliziin "venerable" jedhamee waamama.

4) Dinqii mirkaneessuu

Gulantaan itti aanu kan "beatification" jedhamu kadhannaan erga namni sun du'ee booda maqaa nama saniin taasifamee deebii argate jiraachuu mirkaneessuudha.

Kuni ragaan deeggaramuu qaba. Gulantaa kana booda namni sun "eebbifamaa" jedhama.

5) Qulqullicha jedhamuu

Kuni gulantaa isa xumuraa yoo ta'u, namni du'e sun qulqulluu jedhamee waamama. Kana gochuun dura garuu dinqiin maqaa nama saniin raawwate lammaffaan galmaa'uu qaba.