Siyaasa Itoophiyaa: Miseensota TPLF keessaa dubartiin tokkittiin Paarlaamaa keessatti hafte maal jedhu?

Madda suuraa, Yaayyesh
Addi Bilisa Baasaa Ummta Tigiraay (TPLF) miseensota isaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa, Mana Maree Federeshinii keessa jiranii fi mootummaa Federaalaa keessatti muudama siyaasaa gara garaarra jiran bakka bu'ummaa isaaniifi aangoo irra jiran akka gadhiisan ajajeera.
Kanaraa ka'uun sirna baniinsa waloo Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataafi Federeeshinii 5ffaa bara paarlaamaa 5ffaa bara hojii 6ffaa irratti bakka bu'onni naannoo Tigiraay akka hin hirmaanne ibsamee ture.
Miseensota TPLF naannoo Tigitaay bakka bu'an 38 fi kan mana maree Finfinnee bakka bu'an shan keessaa walumaa galatti 42 kan ta'an osoo hin argamiin hafaniiru.
Walga'ii irratti kan argaman bukka buutuu tokko qofaadha. Miseensi kun Aadde Yaayyesh Tesfahuneny.
Aadde Yaayyesh magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Eekkaatti TPLF bakka bu'uudhaan filannoo waggoota shaniin dura gaggeeffameen filatamuun ture kan miseensa mana maree ta'an. BBCn Aadde Yaayyesh waliin turtii taasiseera.
BBC: Ajaja TPLF akka walga'ii mana maree irratti hin hirmaanneef dabarse akkamiin dhageessan?
Aadde Yaayyesh: Ana karaa xalayaas ta'e karaa bilbilaa kan na qaaqabe hin jiru. Kanan dhaga'e sabaa himaaleerraati.
BBC: Dhimmicha irratti mariin taasifame jiraa?
Aadde Yaayyesh: Ani hin mariyanne. Warra kaan bakka bu'ee dubbachuu hin danda'u, waa'ee warra kaaniis hin beeku.
BBC: Isinirraa kan hafe bakka bu'oonni TPLF walga'ii mana marichaa irratii hin argamne. Isin maaliif argamuu murteessitan?
Aadde Yaayyesha: Akkuma beekamu barri hojii mana marichaa kan xumuramu waggaa shaniin. Haata'u malee, sababa weerara koronaavaayirasii biyyattii keessatti uumameen walqabatee yaaddoofi rakkoo ummameen Boordiin Filannoo Biyyaalessaa filannoo gaggeessuuff kan rakkatu ta'uu ibsee ture.
Kanarraa kan ka'een haaluma adeemsa Heera mootummaatiin dhimmichis gara mana maree bakka bu'uutaa dhufeera. Isaan boodas haaluma murtee Manni Maree Federeeshinii dabarseen filannoon akka dheeratu ta'eera.
Adeemsi kunis Heera mootummaa kan hordofofeefi faayidaa ummataatiif yaadamee waan ta'eef anis murtee kana wanan fudhadheef walga'ii kana irratti argamuu danda'eera.
BBC: Murtee kana irra ga'uudhaaf dhiibbaan maatiirraa ykn qaama biraa irraa isinirra ga'eeraa?
Aadde Yaayyesh: Dhiibbaan qaama kamiiniyyu ana irratti raawwatame hin jiru. Wanti beekamuu qabu tokko ani gaheettii of dandeessedha. Namni umuriin isaa waggaa 18 guute tokko ofiin murteeffachuu akka qabaatu nama cimsee amanudha ani.
Yaada akkasii fiduun isaanii na dinqisiisuus baatullee, namni ilaalchaafi hubannoo mataa isaatiin kan murteessu ta'uu beekamuu qaba.
Kanaafis maatii waliinis yaada walfakkaataa ykn yaada gara garaa qabaachuu nan danda'a, amantaan garuu kan dhuunfaakootiiti.
BBC: Isin miseensa Paartii Badhaadhinaa naannoo Tigiraay ?
Aadde Yaayyesh: Lakki.
BBC: Akkas taanaan hanga filannoon gaggeeffamutti eenyuun bakka bu'uudhaan itti fuftu? TPLF? Ykn…?
Aadde Yaayyesh: Mana maree keessatti ummataan bakka buunee malee paartii bakka buunee hin turre. Kanaafiyyu bakka bu'iinsa ummataa qabadheen itti fufa.
BBC: Filannoo bara kana gaggeeffamu irratti dorgomuudhaaf yaada qabduu?
Aadde Yaayyesh: Hin murteessine.
BBC: Osoo dorgomtanii garuu eenyuun bakka bu'uudhaan kan dorgomtan isinitti fakkaata?
Aadde Yaayyesh: Isa kanallee hin murteessine.
BBC: Kanaan dura miseensa mana maree bakka bu'oota ummataa ykn mana maree federeeshinii taatanii beektuu?
Aadde Yaayyesh: Miseensummaan mana maree bakka bu'oota ummataa kan jalqabaakooti. Miseensa mana maree naannooyyu ta'ee hin beeku. A. L .I 1992tti garuu miseensa mana maree magaalaa maqalee ta'ee nan beeka.
BBC: Mootummaa Federaalaafi mootummaa naannoo Tigiraay gidduu wal dhabdeen siyaasaa jiraachuun ni beekama. Dhimma kana akkamiin ilaaltu?
Aadde Yaayyesh: Rakkoo ummataaf fala barbaaduufi dhimmi ummanni itti rakkate haalaa haqa qabeessa ta'een hundi keenyayyu dhaabbachuu qabna jedheen yaada. Namoonni dhuunfaa ykn paartileen yaada garaa garaatiin wal takaaluu danda'u.
Haata'u malee, kan argamnu bara ammayyoome keessatti. Waan kana ta'eefis, faayidaa ummataa bu'uura godhachuudhaan waliin taa'anii dubbachuun waliin rakkoolee keenya hiikuu qabna yaada jedhun qaba.
BBC: Miseensota TPLF keessaa isin qofatu walga'ii mana marichaa irratti argame. Murteen kun bu'aa maalii argamsiisa jettanii yaaddu?
Aadde Yaayyesh: Ani TPLF bakka bu'ee kanan dorgome magaalaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Eekka irraati. Walumaagalattis Finfinneerraa TPLF bakka bu'uudhaan mana maree bakka bu'ootaa kan galle nuti shan.
Anis paarlaamaa yeroon galu ummata sagalee naaf kenne kabajeetan. Gaaffii ummataa keessummeessuufi dirqamaafi itti-gaafatamummaa ummanni narra kaa'e ba'uun qaba jedheen kanan gale. Ammas ilaalamuu kan qabaatu kallattii sanaan.
Paarlaamaa wayitan galu yaada TPLF ykn ADWUI qofaan tarkaanfachiisuuf miti. Gaaffilee ummataa deebisuuf ani kanan gale.
BBC: Murtee kana hordofee rakkinni isin mudate jiraa?
Aadde Yaayyesh: Gaaffiin dhufes ta'e wanti na qaqabe omtuu hin jiru. Yeroo ammaa kana dargaggos ta'e ummanni bal'inan kan itti fayyadamu miidiyaan hawaasummaa jira.
Achirratti sababiin ummataaf dhaabadhe kan deeggarsa qaban naaf ibsan hedduudha. Haata'u malee, yaada finxaalessaa ta'e kan TPLF qaban jiru. Miidiyaa hawaasummaa irratti barreessan jiru.
Arabsoofi doorsisa yaada namaa hin kabjne barbaachisaa hin taane argaan jira.
Hundi keenyayyu yaadaa fi ilaalcha adda addaa qabna. Yaadaafi mormii isaanii dhiyeeffachuu nan kabaja, na dinqisiifadhas. Ta'uus qabaata. Isaafis hin mufadhu.
Haata'u malee, dhuunfaan nama arrabsuu, dorsisuufi sodaachisuun hin barbaachisne eenyuunuu waan hin barsiifneef, osoo ta'uu baatee jedheen yaada.
Kanaan alatti gaaffiin kallattiidhaan dhufe hin jiru.
BBC: Murtee taasistan hordofee gama TPLF irraa wanti isin qaqqabe jiraa?
Aadde Yaayyesh: Dhimmi kallattiidhaan dhufe hin jiru. Haata'u malee, namoonni miidiyaa hawwasummaa irratti qarqara qabatanii barreessan hedduun jiru.
BBC: Sababii murtee kana irra geessaniif rakkinni anarra ga'a jettanii yaaddoftan jiraa?
Aadde Yaayyesh: Qaamni maaliif ummataaf dhaabbatte jedhee yaaddoorra na buusu jira jedhee hin yaadu. Haata'u malee, wanta dhufu hunumaa ummata waliin ta'uudhaan dura dhaabbanna jedheen yaada.
















