Pireezidant Saahilawarq Zawudee: 'Filannoo biyyaalessaa itti aanuun paarlaamaa keessatti sagaleewwan siyaasaa garagaraa ni dhagahamu'

Madda suuraa, EBC
Pireezidant Saahilawarq Zawdee yaa'ii waliinii Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa fi Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa adeemsisan irratti, filannoo biyyaalessaa itti aanuun paarlaamaa keessatti sagaleewwan siyaasaa garagaraa kan itti dhagahaman akka tahu ni hojjenna jedhan.
Yaa'ii jalqabaa bara hojii jahaffaa manneen maree lamaanii irratti preezidaantiin biyyattii Saahilawarq Zawdee, Ministirri Mummee Abiy Ahimad, miseensootni manneen maree lamaanii fi keessummootni affeeraman argamaniiru.
Yaa'ii har'aa kana dhaabni naannoo Tigiraay bulchu - TPLF, ''Walgahiin har’a waamame jedhame akkuma nama kaanii calliseema kan wal waaman yoo tahe malee, aangoo seera qabeessaa hin qabu,'' jechuun kuffiseera.
Preezidaantiin biyyattii Saahilawarq Zawdee haasaa baniinsaa taasisanin, barri darbe kan hojiileen ijoo biyyaalessaa itti milkaa'aniifi qormaatawwanis itti mudatan ta'uu dubbatan.
Badhaasni Noobeelii MM Abiy argatan, guutinsi marsaa jalqabaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, saatalaayitii biyyattiin furguggeessite, labsiin filannoo haaraa ragga'e fi rifarandamiin Sidaamaa bifa milkaa'aan raawwatamuun, milkaa'inoota biyyattiin bara darbe keessa galmeesiste keessaa ta'uu himan.
Sababa weerara Covid-19n barumsi addaan cituu, filannoon biyyaalessaa taasifamuu dhabuu, lubbuun namootaa darbuu fi madaa'uu akkasumas weerarri hoomaa awwaanisaa qormaatawwan bara 2012 keessa biyyattii mudatan keessaa ta'uu preezidaant Saahilawarq Zawdee dubbataniiru.
Dhimmoota bara 2013 irratti xiyyeeffatamu…
Preezidaant Saahilawarq Zawdee bara 2013 keessaa gama diinagdeetin dhiibbaa koroonaan diinagdee biyyattiirratti qabu ittisuuf akka hojjetamu kan himan yemmuu ta'u, dhibeen Covid-19 erga to'atamee boodas diinagdee biyyattii gara daandii sirriitti fiduu fi guddisuuf hojiin bal'aan akka hojjetamu himaniiru.
Qaala'iinsa gatii hir'isuufis immaammatawwan maallaqaa fi fisikaalaa mootummaan eegale cimanii akka itti fufan akka taasifamu dubbataniiru.
Qonna ammayyeessun omishaa fi omishtummaa guddisuun dhimma bara 2013 keessa xiyyeeffannaa itti kennamu akka ta'e kan himan Prezidaant Saahilawarq Zawdee, projeektota harkifataa turan xummuruun uummatni akka itti fayyadamu taasisuunis hojiilee ijoo mootummaan biyyattii bara 2013ti irratti xiyyeeffatu akka ta'es dubbataniiru.
Proojeektota damee tuurizimii daddamaqsuuf eegalaman cimsuun ijaarsi paarkiiwwan gurguddaa kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti akka ijaarraman kan himan prezidaantittiin, paarkiiwwan tuurizimii naannoo Amaaraa-Gorgoraa, Oromiyaatti hara Wancii fi naannoo Kibbaa Koyishaatti ijaaruun galmoota bara 2013 akka ta'anis himaniiru.
Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa GERD tarbaayinoota lamaan anniisaa akka maddisiisu taasisuu fi guutinsa bishaanii marsaa lammaffaa akka qabatu taasisuunis bara akana keessa akka hojjetamu dubbatan.
Dimokiraasii fi Olaantummaa Seeraa…
Filannoo biyyaalessaa itti aanu karaa naga qabeessa fi dimokiraatawaa ta'en raawwachuuf akkasumas gama hirmaannaa fi morkiitin ulaagaalee idil addunyaa kan guuttate akka ta'u gochuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu Preezidaant Saahilawarq Zawdee haasaa miseensota manneen maree lamaanif taasisanin himaniiru.
"Filannoon biyyaalessaa itti aanun paarlaamaa keessatti sagaleewwan siyaasaa garagaraan kan itti dhagahamaniifi paartiileen bakka bu'ummaa akka qabaataniif dirree wal morkii haqa qabeessa uumuu fi dirree siyaasaa mijataa taasisuuf xiyyeeffanoo guddaan ni hojjetama," jedhan.
Gama biraatin nageenya biyyattii sadarkaa amansiisaarraan gahuuf hojiin uummata hirmaachise akka hojjetamus himaniiru.
"Ijaarsawwan mirkanaa'uu olaantummaa seeraaf gufuu ta'an fi qaamoleen hidhatan gochaa seeraan alaa kamirattiyyuu akka hin hirmaanne gochuuf fi mootummaan ala ijaarsi seeraan alaa kamiyyuu hidhatee akka hin sochoone gochuuf ni hojjetama," jedhaniiru.
Gama mirgoota namoomaa eegun humna dhaabbilee mirga namoomaa kan akka Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Dhabbata Abbagaar Itoophiyaa cimsuuf akka hojjetamus Preezidaant Saahilawarq Zawdee himaniiru.
Tajaajila uummataa hanna irraa bilisa ta'e uumuuf ilaalcha fi gochaa hanna dhaabbilee mootummaa keessa jiran saaxiluun tarkaanfin akka fudhatamuu gochuun dhimma bara 2013 keessa xiyyeeffannoon itti kennamu akka ta'es dubbataniiru.
Gama fayyaatin walingahiinsa dhaabbilee fayyaa bal'isuu, kenniinsa tajaajilaa fooyyessuu, hojiin ittisa dhibeewwan daddarbaa xiyyeeffannoon itti kennamee akka hojjetamu preezidaantittiin himaniiru.















