Suuraa rogeettii mirgaaf falmitu akka shorkeessitu mirga namoomaa sarbituutti maxxanfame

Dr Jean Lindo on a medical mission responding to Typhoon Bopha in 2012

Madda suuraa, Jean Lindo

Dr Jiin Lindoo Filippins jedhamti. Biyya Filippiinsi iddoo wal’aansa itti kennitu tokko otoo jirtu, hiriyaa ishee suuraan fuula ishee agarsiisu namoota qabamuuf adamfaman biroo wajjiin waldaa Kiristaanaa naannoo tokko duratti maxxanfame arguu dhaamsa gabaabaan itti hime ture.

Beeksisa maxxanfame kana keessatti ishee dabalatee lammilee Filippiins saddeet biroo kan qeesii fi daarektarri mana barnoota fa’aa keessatti argamantu maxxanfame.

Namoonni kun hundisaanii garuu gargaarsa namoomaa kennuun beekamu ture.

Beeksisa kanarratti garuu akka ‘mirga namoomaa namoota sarbaniitti fi lubbu –galaafattoottaatti’ eeramanii, shiraan maqaan xureeffame.

Dr. Lindoon gartuu dubartootaa fi quuqamtota kunuunsa naannoo biyyattii keessatti dursiti.

Filippinsitti dhimma kunuunsa naannoon walqabaturratti rogeeyyiin quuqama qaban hedduutu ajjeefame.

Eenyutu poostara beeksisaa maqaa hakima kanaa xureessse maxxansuu duuba akka jiru garuu ifatti hin beekamu.

"Wanted poster"

Madda suuraa, Photo courtesy of Karapatan

Maqa-balleessii akkasii namootatti maxxansuun kana dura beekamaa kan ture garuu mootummaa biyyattiiti, akka tooftaatti itti gargaaramus.

Qaamoleen nageenyaa biyyattii dhokataniitu, ragaan otoo hin jiraatiin shororkeessaa maqaa jedhu namootatti maxxansu.

Pirezedantii biyyattii Rodirigoo Duterteen mirga namoomaa gatii akka hin laannee ifatti dubbachuurra darbee, namoota qeeqa irratti dhiyeessaniis yakkamtoota taasisuun himatamu.

Seera shororkeessummaan walfalmisiisaan biyyattiin haaraa baafatte keessatti, rogeeyyiin mirga namoomarratti qeeqa dhiyeessanillee yakkamtoota akka taasisutti keessatti hammatameera.

Dr Lindoon hojiishirratti mootummaan akka basaasaa ture quba qabdi.

Akka hakimaatti iddoo walitti bu’iinsi jirutti kanaan duras wayita hojjataa turtetti, mootummaan biyyatti akka hordofaa ture kaasteetti.

Uummata ganamaa Lumaad jedhaman Kibba biyyatti jiraatan, kanneen loote seentotaafi waraana mootummaa biyyatti gidduutti rakkatan keessa hojjachuun ishii tarii poostarii maxxanfame wajjiin hidhata qabaachuu hin oolle jedhe ogeessi anisteezhiyaa tokko.

Qondaaltoonni biyyatti uummanni Lumaad loote seentota deeggaru jedhanii himatu.

'Biyya quuqamtoonni naannoo hedduu itti ajjeefaman'

Pirezidant Duteerteen manneen barnootasaanii boombiin haleeluuf bara 2017 keessa dorsisaa ture, yaadni isaa garuu balaleeffatamaas ture.

Qaamolee mirgaaf falman garuu hawaaasni kun moggaatti baafamuu fi lafa isaaniirraa sababa albuuda baasuutiin dhiibamaa jiraachuu, akkasumas rogeeyyiin mirgasaaniif falmanillee akka dhiibaman ibsan.

Bara 2018 keessa biyya quqamtoonni kunuunsa naannoo hedduun biyya itti ajjeefaman ta’uun Filippiins addunyaarraa jalqabarra jiraachuu Global Witness ibseera.

Jeey Apiyaag dhaabbata mirga namoomaaf falmuurra gochii nama rifaasisu ta’uu ibsan.

Dr Lindoorratti ji’a tokko keessatti yeroo lammaffaaf qiyyaafatamullee ibsan. Hiriyaan isaa maqaan erga balleeffamee booda namoota hin beekamneen rasaasaan dhaanamee ajjeefamullee dhugaa bahe.

Jeey Apiyaag maqaa xureessiin akkasii ajjeechaaf ka’umsa akka ta’e argeera jedha.

Kana malees, ji’oota muraasaan gaazixeessitoota fi ogeeyyii seerarratti biyyattiirratti qiyyaafamuun illee ibsameera.

Waxabajjii darbe keessa waajirrii mirga namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, gochii maqaa xureessi akkasii namootarratti maxxanfamu mirga bilisummaan yaada ofii ibsachuu hawaasaa balaarra buusa jedhee ibsee ture.