Ameerikaa: Pireezidant Tiraamp hospitaalaa bahanii Waayit Hawusitti deebi’an

Trump after return to White House

Madda suuraa, EPA

Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp yaalii Covid-19f guyyaa sadii hospitaalatti erga dabarsaniin booda haala hin eegamneen Waayit Hawusitti deebi’aniiru.

Pireezidantichi Waayit Hawus fuuldura bakka hojjettootaafi gargaartonnisaanii jiranitti maaskii ofirraa baasaniiru. Hojjettoonni manichaa baayyeen koronaavaayirasiin qabamaniiru.

‘’Amma gaariin jira!’’ ‘’Koronaavaayirasii hin sodaatiinaa, jireeanya keessan akka to’atus hin eeyyamiinaa,’’ jechuunis Tiwiitara irratti barreessaniitu turan.

Ameerikaa keessatti namoonni miiliyoona 7.4 tahan Covid-19 yoo qabaman, 210,000 ammoo lubbuun darbeera.

Gaaffiin ammaa fayyaan pireezidaantichaa hamaaf isaan laataa kan jedhudha. Sanbattan irra ibsa wal-faallessutu bahaa ture.

Tiraamp yoo Waayit Hawusitti deebi’an maaltu dhalte?

Lammiilee Ameerikaa dhukkubicha akka hin sodaanne kan itti himan otoo hospitaala jiraniiti.

‘’Waggoota 20 darbanillee akkanatti fayyaa taheen hin beeku,’’ jedhaniitu barreessan Pirezedaant Tiraamp.

‘’Duula dorgommiittis amman deebi’a,’’ jechuunis katabaniiru.

Pireezidantichi koronaavaayirasiin qabamuun duula marroo lammataa morkataa isaanii Dimookiraatii waliin taasisuuf turan geeddaraniiru.

Tiraamp suufii cuquliisa uffataniitu Wiirtuu Fayyaa Wooltar Riid maaskii isaanii baafachaa kan mula’atan.

Viidiyoo lammiileen Ameerikaa hojiittii akka deebi’an gorsullee waraabanii gadhiisaniiru.

‘’Koroonaavaayirasii ni injifattuu, meeshaalee gargaarsa fayyaa filatamoo tahan qaban, qorichas akkasuma,’’ jedhan.

‘’Fuulduratti ni baana, animmoo akka hogganaatti kana gochuun qaba. Balaa ni qabaata garuu ni raawwanna,’’ jedhaniiru pireezidantichi.

Tiraamp, ‘’Amma fooyya’aa kooti jira, qaamni koo madiinummaa horatee ta’uu mala, hin beeku,’’ jedhan.

Kana malees, talaalliin, ‘’yeroo dhiyootti’’ ni qaqqaba jedhaniiru. Wiirtuun To’annoo Dhukkubaa Ameerikaa garuu talaalliin walakkeessa waggaan dura qaqqabu akka hin jirre dubbateera.