Ameerikaa: Tiraamp deeggartootasaa ilaaluuf hospitaalaa bahuun alatti mul'atan

Madda suuraa, Reuters
Erga Doonaald Tiraampiifi haatii warraa saanii Covid-19n qabamunsaanii dhagahamee kaasee, haalli fayyina Doonaald Tiraamp mata-duree ijoo addunyaa ta'eera.
Kanaafis sababii inni guddaan dhiibbaa dhukkubsachuun isaa filannoo dufaa irratti qabaatuudha.
Imaammanni namni filannoo Ameerikaatiin mo'atu tokko hordoofuus kallattii hedduun carraa biyyoota addunyaa kan murteessuudha.
Sababii kananafaa wal qabatee dhimmi fayyaa Tiraamp hedduu biratti xiyyeeffannaan kan hordofamuuf.
Haata'u malee, osoo haalli fayyaa Tiraamp ilaalchisee oduuwwan garaa garaa dubbatamaa jiruu, innis ammoo konkolaataa gur'aachaan suufiifi maaskii kaawwachuun hospitaalaan ala bahee mullachuunsaa addunyaa dinqisiiseera.
Hospitaalaa kan bahanis deggartoota isaa akka fayyaa ta'aniif hawwaniifi nagaa gaaffachuufi dinqisiifannaa isaa ibsuuf.
Haaluma kanaanis konkolaataan inni keessa ture dallaa hospitaalichaan alatti asiifi achi wayita deedeebiitu mallate jirti.
Gochaan Tiraamp kun ammoo namoota tokko tokkoo aarseera.
Konkolaachiisaafi eegdoonni Tiraamp waliin turan adda of baasnii turuu qabaatu jedhameera. Sababiinsaas nama vaayirasichaan qabame waliin konkolaataa tokko keessa taa'aan isaan saaxila waan ta'eef.
Hojjattoota hospitaala Tiraamp keessatti wallaanamaa jiru osoo hin hafiin gocha isaa kana qeeqaniiru.
Pirof. Dr Jams Filiip, Yunvarsitii Joorji Waashingitanitti oqeessi dhukkuboota yeroo tasaa tiwiitara irratti akka barresanitti, ''konkolaataan Tiraamp rasaasaa irraa ittisa ta'a malee vaayirasii hin ittisu. Namoonni isa waliin konkolaataa keessa turan balaaf saaxilamaniiru,'' jedhaniiru.
Kanaafuu, namoonni kunneen guyyoota 14 dhufaniifi adda of baasuun turan qoratamuu qabaatu jedheera.
''Lammiilee biyyattii kuma 205 ol du'aniiru. Ammas kan barbaadnu hooggansa murannooo qabudha Gaggeessaa suuraaf jecha siree irraa ka'u miti,'' hakimiin dura ta'aa bakka bu'oota mana maree dimokiraatootaa Jafariis.
Tiraamp garuu osoo konkolaataa keessaa hin bu'iin harka raasuun deeggartootaatti nagaa dhaamaniiru.
Tiraamp Wiixata waaree booda gutummaatti hospitaalaa bahuun gara manasaa kan Waayiit Hawusiitti deebi'uu danda'a jedhamee eegama.
Haata'u malee, haalli fayyina Tiraamp wayita hospitaala turanitti maal akka fakkaatu ilaalchisee ammalleen ragaan ifa ta'e hin baramne.
Mallattoo Covid-19 muraasa agarsiisuun alatti fayyaa turan ragaan jedhu sobaa akka ture mirkanaa'eera.
Hakima dhuunfaasaa dabalatee akka amananitti, Tiraamp Oksijiniin kennamaaf akka ture barameera.
Haalli Oksijiin isaa kan gadi bu'e ammoo yeroo lama ture. Kanaafuu, qoricha Isteroyid Dekesametazon akka fudhatu taasifameera.
Namoonni qoricha akkasii akka fudhatan taasifaman ammoo kanneen haala sodaachisaa keessa galan ykn dhukkubichi lubbuuf sodaachisaadha jedhamee shakkamedha.
Tiraamp qoricha kana fudhachuun midiyaatti kan ibsame baayyee turameeti.
Qoricha kanaan alattis qorichoota yaaliirratti argaman akka fudhachuu danda'ulleen himameera.
Tiraamp haala lubbusaatiif sodaachisu kana keessa ta'elleen hospitaala taa'uun hojiisaa hojjachaa jiraachutuu himamee ture.
Tiramp erga hospitaalaa bahuun deeggartootatti nagaa dhaamanii deebi'aniin booda erga tiwitaraa bareessaniin akkas jedhanii ture.
''Amma waa'ee Covid-19 baayyee baradheera. Mana barnootaa deemeen baradhe. Kun mana barnootaa sirriidha. Mana barnootaa dabtaraafi qalama itti hin abarbaachifne. Covid-19 jechuun maal jechuu akka ta'e bareera. Kanan hubadhe ammoo nan barsiisa,'' jedhaniiru.
Tiraamp hoogganaa dhimma Covid-19 irratti qoosaa turanidha. Umuriifi furdinni isaanii ammoo erga vaayirasichaan qabamee booda lubbuuf akka sodaatamu taasisee ture.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














