Koronaavaayiras: Taphattoonni garee biyyaaleessaa kubbaa miilaa Itoophiyaa shan Covid-19n qabaman

Madda suuraa, STAFFORD ONDEGO
Taphattoota garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa dhuma Onkoloolessaatti calallii dorgommii waancaa Afriikaatiif shaakalaaf waamaman keessaa kanneen cimoodha jedhaman shan koronaavaayirasiin qabamusaanii Itti-gaafatamaan Waajira Federeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Baahiruu Xilaahuun BBCtti himan.
Obbo Baahiruun taphichaaf taphattoonni 41 waamamusaanii yaadachuun, shana isaanii garuu sababii adda addaatiin osoo garichatti himakamiin hafuusaanii himan.
Shanan sana keessaa lamaan isaanii ammatti yaaliif biyya alaatti taphataa jiru kan jedhan itti-gaafatamtichi, tokko sababii miidhaan irra gaheen garichatti osoo hin makamiin hafuu dubbatan.
Osoo qorannoon Covid-19 miseensoota garee kubbaa miilaa kanaaf hin taasifamiin dura, taphattoota 18f qorannoon onneen wal qabate taasifamuuf himan.
Itti-aansuunis taphattoota 36f qorannoonni Covid-19 taasifamuun shanan isaaniirratti vaayirasichi argamuu himaniiru.
Akkasumas, taphattoonni kanneen vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'e waliin tutuqqaa qabu jedhaman adda baasuun hojjatamaa jiraachuus himaniiru Obbo Baahiruun.
Taphatoonni vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'e kunneenis hoteela keessatti adda of baasuun akka turan taasifamuun, leenjii hojjachuun dafanii akka bayyanataniif yaalii danda'amu hunda taasisaa jiraachuu ibsan.
Akkuma bu'aan qorannoo taphattoota kanneenii dhagahameettis garee keessatti naasuun uumamee kan ture yoo ta'u, oggeessoota Insitityuutii Fayyaa Biyyattiirraa dhufaniin gorsi ogummaa kennamuufiisaa dubbataniiru.
Taphattoonni amma vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'ees harra gara hoteela tursiisuuf hayyama qabaniitti akka dabarfaman himaniiru.
Taphatoonni kunneenis isaan ciccimoo waan ta'aniif garee irratti dhiibbaa xinsammuu qabaatulleen, 'dafanii akka bayyanachuun gareetti deebi'aniif yaalii hunda ni taasifna' jedhan.
Taphatoonni guyyoota 14 dhufan keessatti deebisanii taphaaf ni qaqqabu jedhamee kan yaadamu ta'ulleen murtee garuu kan leenjiftootaati jedhan.
Taphatoonni hafan garuu akka hin qabamneef tarkaanfiiwwan of eegannoo fudhataa akka jiran himan.
Dorgommiin Itoophiyaan Niijar waliin taasiftu Onkoloolessa 30, 2013 ta'uu isaas itti-gaafatamaan kun dabaluun himaniiru.
Haaluma walfakkatunis, walakkeessa Sadaasaa keessa liigii olaanaa, liigii tokkoofaafi liigii Pirimiyeerii dubartootaa eegaluuf Federeshinichi karoorafachuusaafi gareewwanitti himuun qophiin taasifamaa jiraachulleen ibsaniiru.
Dorgommiiwwanis kan gaggeeffaman istaadiyoomii cufaa keessatti yoo ta'u, adeemsa keessa filannoowwan jiran ilaaluun haalli deegartoonni itti galan ni hayyamama jedhamee yaadamuulleen dabaluun dubbataniiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















