Birigid Kosge haati rikardii maraatoonii addunyaa ammas Landanitti injifatte

Rikardii addunyaa fiigicha maraatoonii dubartootaan kan of harkaa qabdu Birigid Kosgee dorgommii maraatoonii Landanitti har’a gaggeeffame irrattis gahumsa guddaan mo’atteetti.

Lammiin Keeniyaa ganna 26 Birgid Kosge bara darbe Chikaagootti Rikardii adunyaa kan dubartootaa Pawulaa Radkilifiin qabamee ture cabsite. Har’a Shaampiyoonaa addunyaa kan taate Ruut Chepgetichiin Maayilii 18 booda gattee deemte.

Qofaa ishee galma keessatti yoo xumurtu sa’aatiin itti galte sa’a 2:18:58 ture.

Kanaanis badhaasa Doolaara 30,000 argatteetti. Chepingetich ammo atileetii Ameerikaa Saaraa Haaliin haala ajaa’ibaan caalamte 3ffaan yoo xumurtu Saaraan sadarkaa 2ffaa qabatte.

Saaraan badhaasa argattu guddisaan ijoollee dhalootaan Itoophiyaa irraa tahaniif akka gumaachitu himte meetiri xiqqan yeroo hafu ture saffisa dabaluun 2ffaan kan xumuruu dandeesse.

Maraatooniin Landan ji’a Eeblaa keessa gaggeeffamuuf ture sababa koroonaavaayirasiin darbee amma Istaadiyeemii ST Jeemsi Paarkitti marsaa 19’n gaggeeffamaa jira.

Atileetotni Biriiteen hirmaannaa Olompikii Jaappaniif kan isaan gargaaru sa’a fooyya’aa 2: 29:30 tahe galmeessuuf hojjetaa jiru.

Haa tahu malee Isteep Tiweel kan bara darbe Firaankifartitti galmeessitee medaaliyaa Awurooppaa argatte sa’a fooyya’aa sana irra deebi’uu hin dandeenye.

Atileetiin ganna 31 gara maayilii 16tti addaan kutte baate.

Lillii Partiriij, bara 2018 Shaampiyoonaa Biriiten taate akkasuma xumuruu hin dandeenye.

Dorgommii Maraatoonii Landan irratti ji’a Eeblaa keessa gaggeeffama yerii jedhame irraa eegaluun haalaan kan eegamaa ture morkii namootni saffisa guddaa Maraatooniin qaban lamaan taasisan ture. Qananiisaa Baqqalaa atileetii Itoophiyaa fi yeroo darbe sa’a fiigicha maraatoonii dhuunfaan sa’a lamaa gadi kan galmeessise Eliyud Kipchoogee atileetii lammii Keeniyaa ture.

Qananiisaan miidhama miilla isaa bitaa mudateen Jimaata darbe akka fiigicha kana keessaa bahe gaddaan ibseera. Eliyud Kipchoogeen amma dorgommii dhiirotaan fiigicha eegaleera.

Kanas daawwadhaa: