WHOn hojjetoota isaa 'fedhii saal-qunnamtiif dubartoota rakkisan' jedhaman qorachuuf

Dhabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) hojjetoota isaa 'fedhii saal-qunnamtii' guuttachuuf dubartoota irraan miidhaa geessisaniiru jedhaman irratti qorannuu gaggeesuuf akka jiru beeksise.

Hojjetoonni dhaabbatichaa ittisa weerara Iboolaaf biyya Rippabilika Dimokiraatawa Koongoootti bobba'an fedhii saal-qunnamtii isaanii guuttachuuf dubartoota irraan miidhaa geessisaniiru jechuun himannaan irratti dhiyaateera.

Haaluma kanaanis hojjetoonni WHO fi dhaabbileen gargaarsaa kan biroo, yoo xinnaate dubartoota 30 irraan miidhaa kana qaqabsiisaniiru jedhamnuu himannaan irratti dhiyaateera.

Himannaan olaanaan dubartoota saddeettiin taasifameen, dhiiroota ministira fayyaa DR Koniigoo irraa dhufan irratti.

Gabaasicha keessatti maqaan Ejjansiiwwan UN lamaafi dhaabbilee gargaarsaa idil-addunyaa afuris eerameera.

Himmannichi maal jedhaa?

Dubartoonni miidhaa irra gahe kunneenis qorannoo miidiyaaleen lama waliin gaggeessan irratti ragaa bahaniiru.

Dubartoonni gana 32 keessaa akka jetteetti dhugaatiin sossobamanii, akkasumas hospitaalota keessatti "dhokatanii eeggachuun qabachuun" akka dirqamaan saalqunnamtii raawwatan taasifamaniiru.

Sababa kanaan kan ka'es dubartoonni lama garaatti baataniiru (ulfaa'aniiru).

Himannaan miidhaa saalaa kun kan qaqqabe yeroo bara 2018 hanga Bitootessa 2020tti jiru keessatti jedhameera.

Burqaan oduu 'Thomson Reuters Foundation' (Reuters) qorannoo waggaa tokko itti fudhate kana gaggeessaniiru.

WHOn akka jedhatti, himannaawwan dhiyaatan "ciminaan ni qoratamu, gocha akkasiis hin obsiinuus".

"Namni kamiyyu gocha kana keessatti hirmaachuun isaa beekame kan itti gaafatamuufi hanga guutummaatti ari'uutii kaasee adabbii cimaatu isa eeggata," jechuun ibsa baase keessatti dhaadateera WHOn. .

"Namoota ummata tajaajillu keessa jiran akkasitti ganuun fokkuudha (waan ceeraati)."

Weerara Iboolaa DR Koongoo keessatti dhalateen namoonni 2,000 ol du'aniiru.

Weerara kana ittisuu keessatti carraaqqiiwwan addunyaan gochaa jiru adda durummaan dursaa kan jiru WHOn dhibee kana Waxabajji ture kan labse.

Himannaawwan wal fakkaatan biyyoota biroo keessaa hojjetoota isaaniirratti dhiyaate hordofuun UN fi dhaabbileen gargaarsaa biroos miidhaa fedhii saal-qunnamtiif qaqqaban irratti obsa fixanneerra jedhaniiru.

Dubbi Himaan Waajira Dhimma Alaa, Komanwalziifi Misoomaa UK bu'aa qorannoo WHO itti dhiyeenyaan hordofaa jirra jedheera. "Fedhii saal-qunnmtiif akka malee namatti fayyadamuufi miidhaa qaqqabsiisuun aad-male.

Nuti yeroo yerootti hojiin michoonni keenya hojjetan hangama akka karaa nagaa ta'eefi sadarkaa isaa eeggate akka ta'e ni hordofna."

Qorannichi eenyutti caalaa quba qaba?

Himannaan fedhii saalqunnamtiif akka malee namatti dhimma ba'ufi miidhaan dhiyaate doktoroota dabalatee dhiirota WHO irraa ta'anidha.

Yoo xiqqaate dubartoonni 30 ta'an isaaniratti himmannaa dhiyeessuu isaanii maddeen oduu dhimmicha qoratanii gabaasaniiru.

Lakkoofsi himannaan baayyee ol-aanaa itti aanu ammoo dubartoota saddetiin kan dhiyaate yoo ta'u, kan isaan himatanis dhiirota ministeera fayyaa DR Koongoo irraa ta'anidha.

Ejensiiwwan UN lama biroofi dhaabbileen gargaarsaa idil-addunyaa afur gabaasa qorannoo kana keessatti eeramaniiru.

Kanneen himataman gariin kan dhufan Beeljiyeem, Burkinaa Faasoo, Kanaadaa, Firaans, Giinii-Konaakireefi AyiIvoorii Kositirraati.

Dhiiroonni baay'een kondomii fayyadamuulee waan didaniif, yoo xiqqaate dubartoonni lama kanaan walqabatee ulfaa'aniiru, jechuun gabaasan maddeen oduu dhimmicha gabaasan.

Dubartoonni himatan kun waan biroo maal jedhan?

Dubartiin umuriin ishee ganna 25 taateefi hojiin ishee ammoo qulqulleessituu taate, guddina sadarkaarratti mariyachuudhaaf mana doktora WHO tokkotti afeerameen ture jechuun dubbatte.

"Karra cufuun akkas naan jedhe: 'Kun haaluma jirudha. Amma saal-qunnamtii raawwachuun nurra jiraata," jette dubartiin kun.

"Uffata koo anarraa baasuu jalqabe. Duubattin deebiye inni garuu anatti rarra'eetuma uffata koo anarraa gototuu itti fufe. Boo'uu jalqabeen akka inni dhaabun itti hime...Inni garuu hin dhaabne. Achumaan karra banadheen ba'ee baqadhe."

Dhimma biraa keessatti ammoo, dubartiin umuriin ishee waggaa 32 taateefi Iboolaarraa fayyite tajaajila gorsaa maqaa jedhuun hoteelatti beellamamte.

Hoteela sanatti fuula dura bakka itti keessummaa simatan (lobby) keessatti dhugaatii lallaafaa tokko afeeramte. Sa'aatiiwwan booda qullaa koo qofaaman kutaa ciisichaa hoteelichaa keessattin dammaqe waan ta'eef dirqamaan gudeedameera jedheen amana jechuun dubbatte.

Dubartoonni maaliif akka hin taanetti dhimma itti ba'amaa?

Dubartoonni baay'een hojii argachuudhaaf saal-qunnamtii raawwachuudhaaf dirqamna jedhu. Dubartiin tokko haala kana akkas jechuun ibsite: "Paaspoortii ittiin hojii argatanidha." Dubartiin kan biraan ammoo, "isaan ija keessa si ilaalanii si qacaru," jechuun hangam akka dubartootatti akkka hin taanetti dhimma bahan ibsiti.

Dubartoonni bakka maqaan kaadhimamtootaa milkaa'an itti maxxanfame, fuuldura suuppermaarkeetii magaalaa baha Beenii, wiirtuuwwan qacarrii hojiifi hospitaalota keessatti kan dubbifaman.

Maddeen oduu qorannoo kna gaggeessan jecha dubartii tokkoo akks jechuun kaa'an: "[Hojii argachuu keessatti] dhiironni saal-qunnamtiif nama barbaaduu baramaa ta'eera. Karaan ittiin hojiin argamuu danda'u kana qofa ta'eera."

Yaaddoo guddaa maqaan nama baduu/salphachuu

WHOn bara keessa jirru kana keessa weerara Covid-19 dura dhaabbachuun yeroo isaa dabarse Imogen Foulkes, BBC News kan Jenevaatti argamurraa. Yeroodhuma kanattis Dhaabbatichi Chaayinaadhaaf looge himannaa jedhuun Ameerikaan akka keessaa baatus akeekkachiisaa turteetti.

Kana irratti ammoo himannaa [miidhaa saal-qunnamtii] kun dhufuun yaaddoo guddaa maqaan nama baduu/salphina waan ta'eef atattamaan qorannoo gaggeessuuf waadaa galeera WHOn.

Amma waggoota lamaa ol darbeera erga dhaabbileen gargaarsaa duula farra miidhaa saalqunnamtii "Me Too" jedhame kan hojjetoota Oksifaam Haayitiin yakka kana keessaatti akka hirmaatan kan saaxile.

Isaan booda dhaabbileen tola-ooltotaafi gargaarsaa gara garaa hojjetoota isaaniif leenjii kennuun yakka kana fakkaatu xiqqeessuuf hojjetaa turaniiru.

WHO dabalatee dhaabbileen hundi kanaan booda miidhaa sababa saalqunnamtiin dubartootarra ga'uuf akka obsa fixatan dubbachaa turan.

Dhaabbileen baayyeenis dhimma kana irratti hojjetoota isaaniif leenjii walirraa hin cinne kennuufi sirna warreen miidhaan irra ga'e sirriitti gabaasan diriirsanii irratti hojjechaa turan.

Akka himannaa DR Koongoo irraa dhiyaatu kanaatti garuu, hojjetootaaf leenjiin kennamaa tureefi sirni namoonni miidhaan irra gahe ittiin gabaasan hin hojjenne.

Hanga ammaatti qeequmsi WHO irratti dhiyaachaa jiru caalmaatti US irraatti. Biyyoota hedduu biroo irraa garuu Dhaabbatichi deegarsa maallaqaafi hamileen bira dhaabbatamaa jira.