Puutiin gidduu-seentummaan gama Intarneetaa akka dhaabatu US'f waamicha dhiyeessan

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin biyyi isaanii US waliin dhimma filannoo keessatti gidduu seentummaan gama intarneetaan godhamu akka hin jiranne waliigalteerra akka gahan gaafatan.

Ibsa barreefamaan baasaniin Putiin biyyi isaanii US waliin waliigalteerra akka geessu akka barbaadan ibsuu Rooyitarsitu gabaase. ''Dhimmoota dhuunfaa kan filannoo dabalatu keessa teeknoolojiiwwan odeeffannoofi kominikeeshinii akkasumas maloota teknoolojiin deeggaraman biroon gidduu seenuun akka dhaabatu akka waliigallun yaada dhiyeessa'' jedhan Putiin.

US fi Raashiyaan waraana ololaan duubas wayita filannoon biyyoota lameenii dhiyaatu wal mudduun baratamaadha.

Filannoo bar 2016 US irratti Raashiyaan Doonaald Tiraampiin deeggaruun duula filannoo morkattuu isaanii Hilaarii Kiliintan hatuun ''hack'' burjaajii akka uumte amanama.

Mooskoon garuu himannaa kana hin fudhattu.

Filannoo pireezidantummaa Sadaasa 3 gaggeefamuuf jiru dursees hakaroonni Chaayinaa, Iraaniifi Raashiyaa namoota filannoo kana raawwachiisaniifi duula filannoo qindeessan gama intarneetaan odeeffannoo jalaa hatuun burjaajii uumuuf yaalaa jiraachuun dhagaahameera.

Puutiin ibsa isaanii kanaan ''yeroo amma keessa jirru kanatti qormaatni tarsiimawaan sadarkaa guddaan nu mudachaa jiru walitti bu'iinsa gama digitaalaan jirudha'' jedhaniiru.

Fayyadama keenya gama teeknolojii Odeeffannoo fi Kominikeeshiniin jiru fooyyessuuf ''tarkaanfiiwwan qabatamaa akka fudhannu mootummaa Ameerikaan gaafadhas'' jedhaniiru.

Maayikiroosoft ibsa torbanoota dura baaseen akka jedhutti buttootni saayibaraa Chaayinaa akkaawuntii imeelii namoota duula Baayidani keessa jiranirratti akkasumas nama beekamaa duraan bulchiinsa Tiraamp keessa ture tokkorratti xiyyeeffataniiru.

Gareen buttoota saayibaraa Chaayinaa 'Zirconium' jedhamuun beekamanii hawaasa dhimmoota idila addunyaa keessatti namoota beebbeekamo ta'an, dhaabbilee barnootaa, dhaabbilee imaammataafa'arratti xiyyeeffateera.

Gareen Iraan moggaasa 'Phosphorus' jedhamu ammoo akkaawuntii hoogganoota Waayit Haawus barbaadaa tura. Itti dabaluunis Guraandhalaafi Bitootessa gidduu nama hojjetaa duula filannoo Tiraamp adamsaa turan.