Artistii hangafaa Ali Birraa: 'Fayyummaankoo naaf deebi'aa jira'

Hangafti Artistoota Oromoo Alii Birraa yeroo ammaa dhukkubsatee hospitaalatti yaalamaa jira.
Gameessi umurii 73 kun torbeewwan lamaan darbaniif Finfinneetti yaalamaa ture. Guuyyoota muraasa asitti ammoo magaalaa Adaamaatti yaala argachaa jira.
"Duraan baayyee nadhukkubee ture. Amma fooyyeen qaba. Hospitaalan amma keessa jiru kanatti yaala dansaa ta'e waan naaf gochaa jiraniif galata Rabbii amma fooyyeen qaba," jedheera.
Alii Birraan yeroo ammaa dhukkuba keessoo garaa yaalamaa kan jiru yoo ta'u, dhukkuboota irra bubbulan kan akka onneefi sukkaaraas akka qabu BBC'tti himeera.
Namoonni tokko tokko miidiyaa hawaasummaa irratti waa'eekoo odeefannoo sobaa facaasanii nama rifaasisaa akka jiran dhagaheera kan jedhu Aliin, ummanni oduu namoonni facaasan amanuu hin qabu jedha.
'Aliin dhukkubsatee sireerra ciisee jiraatus hamileefi qalbii fayyummaa guutuutu fuula isaa irraa dubbifama' jedheera Ripoortarri BBC Hospitaalatti Alii dubbise.
Duuni Hacaaluu akka hamlee isaa tuqee akka ture BBC'tti kan hime Aliin 'Waa'een gurbaa sanii na hadooche….' jechuun imimmaan haasaa isaa adda kuchiisiise.
Hospitaala Waliigalaafi Koolleejjii Meedikaala Adaamaa bakka amma itti yaalamaa jiru kanatti hakiimonni hordoffiifi deeggarsa cimaa gochaafii akka jiran hime Aliin.
Haatii Warraa Alii Birraa Liilliinis deeggarsa taasisaafi jirti.
Miidiyaa Hawaasummaa irratti namoonni tokko tokko ''Alii Birraa du'e' jedhanii odeessu. Wanti akkis kuni baayyee na aarse, ummata burjaajessuun sirrii miti'' jetti Liiliin.
Artist Alii Birraa waggoota 50 caalaniif Aartii keessa nama tureefi sirboota erga cicimmoo qaban hedduu hawaasaaf kan gummaachedha.
Aliin yeroo garaa garaatti dhukkubsate fayyuun isaa ni yaadatama.














