Iskindir Naggaa Qaallitti kutaa duraan itti hidhamee turetti deebifame

Obbo Iskindir Naggaa fi Sintaayyoo Chakool mana amala sirreessaa asiin dura itti hidhamanii turan Qaallittitti jijjiiramuusaanii abukaatoonsaanii Obbo Heenook Akliiluu BBC’tti himaniiru.

Obbo Heenook akka jedhanitti isaaniin dabalataan namni biraa tokkos gara mana amala sirreessaa Qiliinxootti geeffamuu dubbataniiru.

Manni murtii oolmaa gaafa Qaammee shan ooleen Obbo Iskindir Naggaarratti himannaan waan banameef gara mana amala sirreessaatti akka galan taasifamuusaa Obbo Heenook ibsaniiru.

Kanarraa ka’uun bakka tursiisaa yeroo poolisii federaalaa jala jiruu; guyyaa kaleessaa gara mana amala sirreessaa Qaallittii geeffamuusaanii himaniiru.

Obbo Iskindir Naggaa erga gara mana amala sirreessaa Qaallittiitti geeffaman booda bakkaa fi kutaa asiin dura waggoota jahaaf itti hidhamanii turanitti hidhamuusaanii ibsuun, kutaa Waayit Haawus jedhamuun beekamutti galfamuusaanii BBC’tti himaniiru abukaatoonsaanii.

Oolmaa Mana Murtii Obbo Iskindir fa’aa har’aa

Oolmaa mana murtii federaalaa ol’aanaa ramaddii Araadaatiin har’a ooleen Obbo Iskindir Naggaa dabalatee namoonni afur mana murtiitti dhiyaachuusaanii abukaatoonsaanii Obbo Heenook ibsaniiru.

Dhaddacha guyyaa har’aatiin manni murtii himannaasaanii dubbisuuf kan beellamee ture yoo ta’u,himannichis Obbo Iskindir fa’aaf dubbifamuu himaniiru.

Erga himannaan dubbifamee fi yaadni kenname booda gama abukaatoowwaniin gaaffii wabii dhiyaachuusaa Obbo Heenook himaniiru.

Himannaan irratti dhiyaate mirga wabii kan isaan hin dhorkinedha kan jedhan Obbo Heenook, kanaan wal qabsiisanii mirgi wabii akka isaaniif eegamu gaafachuusaanii ibsaniiru.

Abbaan alangaa gamasaatiin mirgi wabiisaaniif eegamuu hin qabu jedheera kan jedhan Obbo Heenook, falmiin dhiyaate osoo Obbo Iskindir Naggaan fa’aa hiikamanii nageenyummaa biyyaarratti rakkoo guddaa fidu, yoo bahanis yakka biraa raawwachuu waan danda’aniif manni murtii mirga wabiisaanii eegsisuu hin qabu jechuun falmuusaa himaniiru.

Abuukaatoowwanii fi Obbo Iskindir Naggaa falmii kana kan morman yoo ta’u, Obbo Iskindir paartiinsaanii ‘Baaldaraas La’iwunatagnaa Dimookiraasii’ paartii filannoo qabudha jechuun ibsuun filannoo itti aanurratti hirmaannaansaanii biyyattiif dimookiraasii fiduu keessatti baay’ee barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.

Keessumaayyuu filannichi ummata biratti amantii akka qabaatuuf isaan filannicharratti hirmaachuunsaanii barbaachisaa ta’uusaa ibsaniiru.

Abbaan alangaa, isaan yoo hiikaman biyyi hokkora keessa galti kan jechuun mormus, “inumaayyuu biyyi ni tasgaboofti” jechuun falmiisaanii dhiheessaniiru.

Obbo Sintaayyoo Chakool gamasaaniitiin Injiinar Taakkalaa Uumaa cinqitaniittu jedhamuusaanii ibsuun, isaan cinquunsaanii barbaachisaa akka ture himaniiru.

Himatamtoonni biroo hafan lamas himannaan isaan irratti baname sirrii miti jechuun mirgi wabiisaanii akka eegamuuf falmachuusaanii Obbo Heenook dubbataniiru.

Manni murtichaas falmii gama lamaan jiru erga dhaggeeffate booddee murtee kennuuf Fulbaana 12 bara 2013’tti beellama kenneera.