Veenusirra lubbu-qabeeyyiin jiraachuu maluu?

Madda suuraa, JAXA/ISAS/Akatsuki Project Team
Dachee irraa kan hafe hanga ammaa pilaanetoonni dhalli namaa irra jiraatu hin jiru. Sababiin isaas wantonni dhala namaaf jiraachuuf barbaachisan bu'uura ta'an akka qilleensaa, bishaaniifi kanneen biroo hin jiran. Haalli qilleensaa dhala namaaf ta'us akkasuma.
Gidduu kana garuu gara Pileentetii Veenus irraa wanti tokko dhaga'ameera. Pilaanetii kanarra lubbu qabeenyyiin jiruu laata? kan jedhu gaaffii kaasaa jira.
Qorattoonni sirna pilaanetotaa Veenus irratti gaazii argataniiru. Kun ammoo Pilaanetittiin kun wantota lubbuu qaban qabattee jirtii? kan jedhu gara gaafachuutti isaan geessee jira.
Gaaziin argame ammoo Forsfiin kan jedhamudha. Fosfiin Atoomii Fosfiinii tokkoofi Atoomii Haydiroojiin sadiirraa kan tolfamedha.
Gaaziin Fosfiin kun ammoo kan argame duumessa Veenus keessatti akka ta'es himameera.
Dachee irratti Fosfiin wantota lubbuu qaban waliin walitti dhufenya qaba. Keessattuu ammoo lubbu qabeeyyii naannawaa hir'inni Oksijiiniin jiru jiraachuu warra danda'an akka Peenguwiin waliin walitti dhufeenya qaba.
Fosfiin warshaattillee omishamuu ni danda'a. Haata'u malee Pilaanetii Veenus irra warshaan hin jiru. Penguweenonnis hin jiran.
Kanaaf gaazii maaltu Veenus irratti hojjeteree?
Gaaffiin piroofeesara Yunivarsiitii Kaardiif Jeen Gireevis kanadha.
Piroofeesarichiifi miiltoowwan isaanii foosfiin Veenas irraa maal godha gaaffii jedhu deebisuuf barreeffama maxxansiisaniiru. Barreeffamnisaaniis qorannoowwan taasisaniifi gaazichi baayooloojikaal ta’uu dhiisuu mala yaada jedhu of keessaa qaba.
Ta’us qorattoonni kunneen deebii guutuu argachuu waan hin dandeenyeef ajaa’ibsiifachuun isaanii hin oolle.
Dhalli namaa haga yoonaa hamma danda’e waa’ee Veenas baratus, Foosfiin kaaraa baayooloojikaal ta’een akkamiin achirra akka qubate baruu hin dandeenye.
Kana jechuunis Veenasirra lubbu qabeeyyiin jiraachu malu yaada jedhuuf ilfina kenne jechuudha.
‘‘Jireenyakoo guutuu lubbu-qabeeyyiin lafaan ala iddoo biro jiraachuu danda’uu isa jedhun qorachaa ture. Amma kuni dhugaa ta’uu akka danda’u yoon hubadhu hedduun dinqisiifadhe’’ jedhu Piroofeesar Giriivis.
"Namoonni biroon wantoonni dogoggorre yoo jiraatan nutti himuu danda’u, qorannoon keenya banaadha. Saayinsiin akkasitti kan hojjatu."
Gareen isaanii Veenasirra Foosfiin akka jiru kan hubatan, teeleskooppii Jamsi Kilarki Haawaayitti argamu fayyadamuuni.
Meeshaan biraan hojiirra oole Chiiliitti kan argamu Ataakaamaa Laarji Miiliimeetir dha.
Gaazichis kan mul’ate duumessa pilaaneetittiirraa km50-60 fagaatee argamu irrattidha.
Veenas pilaaneetii akkamiiti?
Lubbuun lafaan ala jiraachuu mala gaafa jedhamu, Veenas pilaaneetii dursitee sammuutti dhuftu miti. Lafaan wal-bira yoo qabamtus jahaannabadha. Qilleensi %96 ta’u kaarboon daayioksaayidiirraa kan hojjatamedha.
Ho’innishees akka voolkaanooti. Akka eelee sibiilaati. Ho’ina diigrii seentigireedii 400 ga’uu dandeessi.
Saatalaayitoonni garas imalan akkuma qubataniin barbadaa’ani. Lubbuun yoo jiraates duumessarra malee lafarra hin yaadamu. Kanaafi gaaziin kun km50 ol fagaatee duumessa gubbaa kan mul’ate.
Lubbuun jiraachuu malaa?
Duumessi Veenas yabbuudha. %70-90 Salfariik asiid irraa hojjatamani. Lafarra haala kana keessatti lubbu qabeeyyiin jiraachuuf ni rakkatu.
Tarii lubbu-qabeeyyiin jiraachuu danda’a taanaanis, dhaha keemistirii dhalli namaa irra hin geenyeeni jedhu qorattoonni.
Kanaan ala garuu, duumessa salfariik asiidiin guutame keessa lubbuun nijiraata jedhanii eeguun gowwummaadha jedhu ogeessonni kunneen.
Qorattoonni ammas qorannoo isaanii itti fufaniiru. Dhugumatti qorattoonni Veenas gubbaa lubbuu agarreerra hin jenne.
Akkamiin deebiin argamuu mala?
Gara veenasitti xiyyaara qilleensaa erguudhaan. Saayintistoonni xiyyaara 2030 keessa garasitti imaluu dandeessu akka hojjataniif NASA’n gaafateera.
Xiyyaronni kunneenis ga’umsa kan qabaniifi hedduu qaalii kan ta’anidha. Xiyyaarri kunis gara duumessa Veenasitti deemuun odeeffannoo sassaabuun ergamasaa ta’a jechuudha.













