Itoophiyaatti bara 2020 keessa buqqaatota biyya keessaa miliyoona 1.8'tu galmaa'e

Itoophiyaa keessatti namoonni bara 2020 qe’ee isaaniirraa buqqa’an miiliyoona 1.8 tahu jedhe Dhaabbatni Dhimma Godaantotaa Addunyaa (IOM).
Gabaasni dhaabbatichaa baatii Fulbaanaa keessa xumuramee bahe kun qondaalota mootummaan kan mirkaneeffame yoo tahu, odeeffaannoonis baatii Waxabajjiifi Adooleessaa keessa kan funaaname jedha.
Sababiin ijoo buqqa’insa biyya keessaa kun wal-dhabdee/hokkora yoo tahu , hongeen sababa biraa namootni naannoo isaaniirraa akka buqqa’an taasisedha jedha gabaasichi.
Dhaabbatichi Naannoo Saboota, Sab-lammootaafi Uummatoota Kibbaafi Naannoo Sidaamaa haaraa hundaa’etti qorannoo taasisuuf yeroo jalqabaaf eeyyama kan argate yoo tahu, naannolee kanatti namoonni kuma 90 ol buqqa’uu hima.
Wal-dhabdeen sababa ijoo buqqa’insaa yoo tahu, namoonni harka 29 tahan balaa lolaatiin naannoo isaaniirraa buqqa’aniiru.
Naannolee tokko tokkotti boora’uu nageenyaan iddoowwan qaqqabuu hin dandeenye jiraatanis naannolee hundaafi magaalaa Dirree Dhawaatti qo’annoo akka geggeessan hima dhaabbatichi.
Mootummaan bara 2019 irraa qabee buqqaatota qe’ee isaanitti deebisuun deeggaraa ture. Bara 2019 Bitootessa keessa lakkoofsi namoota buqqa’anii miiliyoona 3.04 gaheetu ture.
Haaluma kanaan buqqaatonnii miiliyoon 1 ol tahan qe’ee isaanitti deebi’an adda baafamaniiru. Kunneenis sababa wal-dhabdeetiin kan buqqa’an turan.
Baqattoonni toophiyaa Sa'ud Arabiyaa jiran isa yaadessuu...
Gama biraan dhaabbatichi dararaan baqattoonni Itoophiyaa Sa’uudii Arabiyaatti argaa jiran na yaaddessa jedhe.
Dararaan lammiileen Itoophiyaa manneen hidhaa mootummaa Sa’uudii Arabiyaa keessatti argaa jiran tarkaanfii hatattamaa kan barbaadaniidha jedhe.
Dhiitamuun mirgaafi hidhaan baqattoota Itoophiyaa gara Sa’uudii Arabiyaatti imalan irra ga’aa jiru, erga weerarri koronaavaayirasii dhalatee ammoo sadarkaa nama sururu irra ga’eera kan jedhu dhaabbati kun, biyyoonni hunduu lammiilee kunneeniif dirmachuu akka qaban waamicha dhiyeesseera.
Baqattoota ari’anii humnaan gara biyyaatti deebisuufi yoo didan manneen hidhaatti dararuun dhaabbachuu akka qabus dhaameera dhaabbati kun.
Akkas gochuurra iddoo turtii baqattootaa hundeessuun daa’imman, dubartootiifi qaama miidhamtoonni akka dursa argatan gochuutu feesisa jedheera.
Mootummaan Itoophiyaa baqattoota 150'tti siqan, gara caalu dubartoota, torban darbe biyyatti kan deebise yoo ta'u kaanis deebisuuf akka jedhu dhihoo ibsuun isaa ni yaadatama.















