Koronaavaayiras: Atakaaroo baqattoota Eertiraafi eegdota daangaa Itoophiyaa

"Baqattoota galmeessuun dhoorkameera gara biyya keessaniitti deebi'a."
"Hin deebinu."
"Hin deebinu yoo jettan guyyaa 14 wiirtuu namoonni adda baafaman keesssa turtu. Baasii hundasaa ofii keessanii kaffaltu."
"Maallaqa hin qabnu."
"Boodarra rakkanne akka hin jenneef dursinee kan isinitti himaa jirru."
"Filannoo hin qabnu, nullee deebi'uu akka hin dandeenne isinitti himaa jirra."
Waliin dubbiin kun daangaa Itooophiyaa fi Eertiraan wal daangessaan Raamaa-Kisaadii Iqii irratti baqattota Eertiraa fi eegdota daangaa Itoophiyaa waliin taasifameedha.
Itoophiyaan weerara koronaavaayirasii sababeeffachuun daangaa lafoo cuftee, namni kamuu daangaa qaxxaamuree gara biyyaa akka hin seenne dhorkitee jirti.
Akkasumas namni biyya alaarraa dhufu kamuu iddoo namoonni adda of baasan kan mootummaadhaan qophaa'e keessa guyyoota 14'f tursiifamu jette.
Iddoo tursiisa sanittis namni hundi baasii ofiisaatiin tura. Finfinneetti imaltoota humna hin qabneef mootummaan bakka qopheessullee kuni Tigraay hin jiru.
Daangaa Itoophiyaa fi Eertiraa ce'anii namoota dhufaniif wirtuun isaan adda of baasanii keessa turan qophaa'e hin jiru.
Guyyaa guyyaadhaan baqattoonni Eertiraa daangaa ce'anii gara Itoophiyaa seenu.
Yeroo dhihootti baqattoonni Eertiraa gama daangaa Raamaa-Kisaadii Iqiitiin seenan gamoo ijaarsisaa hin xumuramne keessa turaa akka jiran BBC'tti himaniiru.
Jiraattonni magaalatti hamma danda'ameen gargaarsa taasisaafii akka jiran kan dubbatan baqattoonni kunneen jiraataa Obbo Takilee jedhaman maallaqa guddaa baasanii isaan gargaaraa akka jiran himu.
Lakkoofsi baqattootaa guyyaa guyyaadhaan dabalaa waan dhufeef kophaa isaanii nama hunda gargaaruuf rakkataa waan jiraniif qaamni dhimmi ilaallatu itti gaafatamummaa fudhatee akka isaan gargaaruuf gaafachuusaanii ibsu.
Namoonni naannichatti torbee lama dabarsan immoo labsii yeroo muddamaa naannoo Tigraay labseef jecha magaalaa tokkorraa gara magaalaa biroo deemuu waan hin dandeenneef gamoo ijaarsisaa hin xumuramne biroo keessa jiraachuusaanii himaniiru.

Muraasni isaanis mannen shaayii magaalattii keessatti argaman keessatti guyyoota muraasa dabarsuusaanii BBC'n mirkaneesseera.
Gama biraatiin immoo Godina Shiraaroo keessatti baqattoonni Eertiraa 300 ta'an manneen barnoota keessatti tursiifamaa jiru.
Magaalaa Shiraaroo keessatti tajaajilli fayyaa baqattootaafii miti jiraattota magaalattiifuu dhukkubbota xixiqqoo yaaluuf dhiheessiin qoricha gadi aanaa akka ta'e jiraataan maqaansaa akka hin eeramne barbaade BBC'tti himeera.
"Qorichi bowwoos ta'e garaa kaasaaf ta'u jiraachuu dhabuusaarraa kan ka'e baqattoonni rakkoo keessa jiru" jechuun kan dubbatan namni kun "hundaa caalaa garuu rakkoo bishaaniitu jira" jedhaniiru.
Weerara koronaavaayiras daangeessuuf harka keessan haalan bishaanii fi saamunaadhaa dhiqachuu yeroo murteessaa ta'e kanatti bakkeewwan baqattoonni Eertiraa jiran hundatti rakkoon bishaanii akka jiru namoota dubbisnerraa hubachuun danda'ameera.
Bakkeewwan baqattoonni kunneen tursiifamaa jiranitti bakka tokkotti namoonni heddu waan argamaniifi namni dhukkuba kanaan qabame osoo jiraatee adda baasuufis ta'ee of irraa ittisuuf carraan qaban xiqqaa akka ta'e dabalataan ibsu.
Yaaddoo biraa...
Mootummaan Itoophiyaa baqattoota haaraa galmeessuu dhaabeera. Sababa maaliif akka ta'e garuu ifatti hin himne.
Dawoon baqattoonni Eertiraa keessa jiran keessaa tokko ni cufama jedhamuurraa kan ka'e baqattoonni yaaddoo keessa jiraachuusaanii BBC'tti himaniiru.
Dhaabbanni Baqattootaa Addunyaa baqattoota Itoophiyaatti argaman irraa bajatni doolara miiliyoona lama akka hir'atu himee ture.
Baqattoota naannoo Tigiraayitti argaman irraas bara bajata kanatti birrii miiliyoona 34 hir'isuusaatiif baqattoota bakka tursiisa isaanii jijjiiruun barbaachisaa akka ta'e hojjataan dhaabbata dhimma baqattootaa naannoo Tigraay maqaansaa akka hin eeramne barbaade ibseera.
Mootummaan Itoophiyaa bakka tursiisa baqattoota akka jijjiiruuf Dhaabbata Mootummoota Addunyaatti qaamni baqattootarratti hojjatu kan beeksisee ta'us biyyattii keessatti namni koronaavaayirasiidhaan qabame argamuusaarraa kan ka'e achi siiqfame.
Dhuma ji'a Ebla irra deebiin akka jalqabamu daayiraketarri itti aanaan dhaabbatichaa Obbo Eyyoob Awwaq bakka AFP'tti himaniiru.
Bakka buutuun UNHCR damee Itoophiyaa kan ta'an Aan Inooktar akka jedhanitti dhaabbaticha bara kanarraa jalqabee deeggarsi Itoophiyaadhaaf taasifamu %14 hir'atuu mirkaneessaniiru.
Ta'us garuu inni kun cufamuu dawoo kanaatiif sababa gahaa akka hin taane AFP'tti himaniiru.
Yeroo kanatti baqattoota gara iddoo tursiisa biraatti jijjiiruun koronaavaayirasiif kan isaan saaxilu ta'uu ibsuun bakkeewwan tursiisa baqattootaa biroo rakkoo tajaajila bishaanii fi fayyaa akka qaban ibsaniiru.
Hojjataan Dhaabbata baqattoota naannoo Tigraay keesssatti hojjatu dubbisne bakkeewwan baqattoonni itti argaman Adii Haarshinii fi Maay Ayinitti tajaajilli ibsaa fi bishaan gaarii akka jiru ibsu.
Qaamni dhimma baqattoota Itoophiyaa hordofu baqattoota haaraa galmeessuu dhaabeera.
Baqattoonni osoo hin galmaa'in bakkeewwan garagaraa keessatti argaman immoo deeggarsa jirattoota naannichaa fi lammiileen Eertiraa taasisaaniin jiraachaa akka jiran BBC'tti himaniiru.
Baqattoonni kunneen dhaabbata Fannoo diimaa fi mootummaan naannoo Tigraayiin deeggaramaa kan jiran yoo ta'u lammiileen Eertiraa baqattoota kanaaf meeshaalee koronaavaayirasii ittisuuf barbaachisan kennuuf bakkichatti argaman baqattoonni rakkoo diinagdee fi hawaasummaa keessa akka jiran BBC'tti himaniiru.
Bulchaa godina Kaaba Dhiha Tigraay kan ta'an Obbo Takilaay Gabiramadin gamasaaniitiin mootummaan Federaalaa baqattoota haaraa hin simatu taanan naannoon Tigraay hayyama jireenyaa kennee bakka fedhanitti akka jiraatan gochuuf akka dirqamu ibsaniiru.
Yeroo ammaa kanatti magaalaa Shiree qofatti lammiileen Eertiraa kuma lama ta'aniif hayyamni jireenyaa kennameefi hojiilee daldala adda addaarratti hirmaachaa akka jiran Obbo Takilaay ni ibsu.
'Hiiyumaan Raayitis Wach' ibsa torbee darbe baaseen mootummaan Itoophiyaa baqattoota haaraa hin simadhu jechuunsaa "murtee mirga namaa sarbuu fi seerota idil addunyaa hojiirra oolchuu dhabuu" waan ta'eef fudhatama hin qabu jedheera.
Bakkeewwan tursiisa baqattoota naannoo Tigraay keessatti baqattoonni kuma 80 ta'an ni jiraatu jedhamee akka tilmaamamu Obbo Takilaayi dubbataniiru.













