'Miidhaan ajjeechaa Haacaaluutiin booda qaqqabe kan sabaan qoodee hin turre'

Madda suuraa, Tom Gardner/Twitter
Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa hordofee hookkara uumameen lakkoofsi namoonni 7,126 yoo to'ataman, qabeenyaafi lubbuu namootarras badiinsi cimaan gahu mootummaan ibse.
Miidhaan hookkara uumameen qabeenyaafi lubbuu namootaa irra qaqabee ture kan sabaan qoodee akka hinturree hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa BBC'tti himan.
Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa akka himanitti hookkara kanaan manneen jireenyaa 1,000 ol balaan gubachuufi caccabu mudateera.
Haa ta'u malee, miidhaan dhaqqabe 'sabaafi amantii tokkotti kan xiyyeeffate miti' jechuun himannaa ka'aa ture balaaleeffataniiru.
'Namni mana murtiitti hin dhihaatin hin jiru'
''Namoonni gara 7,126 ta'an to'atamanii jiru. Galmee 500 olitti gurmeessee poolisiiniifi abbaan alangeen hojii seeratti dhiheessu hojjetame jira,'' jedhu Obbo Getaachoon.
Haa ta'u malee, namoonni to'atamanii mana murtiitti dhihaachuu dhiisuu malu kan jedhuf yoo deebisan, odeeffannoo namni qabame mana murtiitti hin dhihaatin jiru kan jedhuu ''hin qabu'' jedhan.
''Sa'aatii 48 keessatti seeratti akka dhihaatan, manni murtii yeroo beellamaatiin tursuu akka danda'u kallattii sanaan ala akka hin deemamne hojjetamaa jira,'' jechuun himan.
''Adabbiin dhoksaatti gaggeeffamu hin jiru. Hunduu seera duratti qixxeedha,'' kan jedhan Obbo Getaachoon, yoo hidhamanii seeratti dhihaatuu dhaban maatiin abbaa alangee dhihoo jirutti 'iyyachuu qabu' jedhan.
Qabeenya barbadaa'ee
Hookkara torban lama dura mudateen lubbuu lammiilee darben alatti qabeenyi guddaa kan mootummaas ta'e ummataa manca'u qondaaltonni akkasumas kanneen qabeenyaan jalaa bade dubbataniiru.
Obbo Getaachoon yoo ibsan miidhaan lubbuufi qabeenyarratti gahe Arsii Lixaa aanaalee muraasa keessa, magaalaa Shaashamannee, magaalaa Baatuu, Baalee keessaa Roobeefi Agaarfaa akka ta'an himan.
Ragaa hanga yoonaa walitti qabameen manneen gubatan, caccababan akkasumas saamaman akka jiran himu Obbo Getaachoon.
''Manneen jireenyaa 523 ta'u kan gubate akka jiru odeeffannoon walitti qabame jira, kan caccabe 499 kan ta'udha.
''Hoteelonni gara 195 kan gubatan jiru, hoteelonni 32 kan caccabanidha,'' jechuun ibsu.
Gama kaaniin, ''waajjira mootummaa 104 kan gubate, konkolaataan mootummaa 12 kan gubate,'' jechuunis miidhaa waajjiraalee mootummaarra gahe ibsan.
Dabalataan, hookkara mudaten, warshaan xixiqqaafi giddugaleessa ta'an 6 kan gubatan, manneen daldalaa xixiqqaa 232 kan gubatan akka ta'an, gara 219 kan ta'an immoo caccabani akka jiran gabaasni ni agarsiisa,'' jedhan.
Manneenifi dhababilee daldalaan alatti, ''konkolaataan namoota dhuunfaa gara 232 kan ta'u gubateera kan jedhu gabaasni jira,'' jechun BBC'tti himan.
Waliigala qarshiidhaan meeqa akka tilmaamamu baruuf gareen kanarrati dalagaa akka jiru kan himan Obbo Getaachoon, ragaan qabeenya saamichaan bade ammallee akka walitti qabamaa jiru himan.
'10,000 kan ta'an qe'eerraa buqqa'an'
Odeeffannoo guyyaa duraa hookkarri mudate walitti qabameen namoonni kumaan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'u himu qondaallli mootummaa kuni.
''Baay'inaan ummata 10,000 ol ta'udha sababa kanaan deeggarsa keessa galee jiru. Kuni gaafa jalqabaa kan buqqa'anidha.''
Haa ta'u malee, ergasii kanneen manni isaanii caccabe suphameefi manatti akka deebi'an kan sodaan baqatanis kan manatti deebifaman waan jiranif lakkoofsi xiqqaatu mala yaada jedhu qabu.
Namoonni manni jalaa gubatee dahoo dhaban jiraachuu himun kanneen keessaas manneen amantaatti dabalatee kan dahatan akka jiran himan.
Namoota kanaaf gargaarsi namoonni garaa garaa akka dhunfaatti taasisan alatti mootummaan nyaataafi uffata akka dhihesseefi himu.
'Miidhaan gahe saba kan qoode miti'
Rakkoo nageenyaa walfakkaataa baatii muraasa dura dhaqqabeen sabi tokko saba kaanitti akka xiyyeeffate himannaan gara garaa ka'aa tureera.
Ta'us, MM Abiy dabalatee saba namoota du'ani ifa baasuun himannaan ka'e sirrii akka hin taane dubbataa turan.
Hookkara tibbanaanis poolisiin Oromiyaa saba namoota du'ani ifa godheera.
Jiraattonni dubbisne sabaan adda foo'e balaan raawwate akka jiru kan himan jiru. Kan faallaa dubbatanis jiru.
Miidiyaaleen garaa garaa 'akka saba tokkorratti' akka rakkoon dhalatetti kan himan jiru.
Mootummaan Naannoo oromiyaa kana akkamiin ilaala kan jenneen Obbo Getaachoon 'soba' jedhu.
''Miidhaan kan gahe sabaan kan qoode tokkoyyuu hin jiru. Magaalaa Shaashamannees fudhachuun hin danda'ama, bakka hundattuu sabaanis amantaanis kan adda bahe miti,'' jechuun himu.
''Kan saba Oromoos, kan sabaafi sablammoota hundaas miidhaan irra gahee jira,'' jechuun bakki rakkoon kuni dhalates bakkeewwan muraasa qofa ta'u ibsan.
''Amantaatti geessuuf warri barbaadan turaniiru, gara sabaatti geessuf warri barbaadan turaniiru. Garuu, akka yaadanitti gara sabaafi amantaatti gargar qoqqoodani kan deeman miti,'' jedhu.
''Taateen kuni ta'un isaa sirrii miti eessattuu haa ta'u.
''Guutummaa Oromiyaatti sab-lammoonni akka jiraachuu hin dandeenyetti ololli gaggeeffamu olola dharaa faayidaa siyaasaatif olfachuuf yaalame yoo ta'e malee kan ummataafi naannoo keenya bakka bu'u miti,'' jechuun balaaleeffataniiru.















