Siyaasa Itoophiyaa: 'Qaamoleen nageenyaa tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachaa jiru'

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS
Torbee lamaan daraban rakkoo nageenyaa mudateen walqabatee namootni 5,000 ta'an to'atamuufi kaaniis hordofamaa jiraachuu Pirees Sekreetariin Waajira Ministira Muummee Nugusuu Xilaahuun BBC'tti himan.
Artiist Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamuu isaa hordofee namootni badii lubbuufi manca'uu qabeenyaa sana booda dhalate keessaa harka qabu jedhamanii shakkaman 5,000 ta'an qabamaniiru, haalli nageenyaas gara tasgabbiitti deebi'aa jira jedhan.
Taatee sana hordofee, ''qaamoleen nageenyaa tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachaa jiruus'' jedhan.
Ammallee namootni qaamoleen nageenyaa to'annoo jala oolchuuf barbaadaa jiran jiruu jechuunis dubbatan.
Miidhaa lubbuu namaafi qabeenyarratti qaqqabe gareen qoratu mootummaa federaalaafi Naannoo Oromiyaarraa babahe gara naannolee hokkarri hamaan itti dhalatee turetti bobba'uus Obbo Nugusuun dubbataniiru.
Qorannoo gaggeesaniin hammaa miidhaa qaqqabee gara fuula duraatti akka ifa godhaniis himaniiru.
Hidhamuu aanga'oota mootummaa
Ajjeefamuu Art. Haacaaluun booda magaalota Oromiyaa garaagaraa keessatti hokkara dhalateef gaafatamtoota ta'uun aanga'oonni mootummaa to'annoo jala oolan jiraachuu Obbo Nugusuun dabalanii himaniiru.
''Caasaa mootummaa keessa hooggansi gosa hundaa jira. Harki caalu garuu hokkoraafi jeequmsa to'achuuf kan qabsaa'uudha,'' jedhan.
Gariin hooggansaa ''bakka lama ejjetee jira'' kaan ammoo dogoggoree ykn hanqina gahuumsaa qabateetu jedhan Obbo Nugusuun.
Mootummaan aanga'oota kana kanneen badii isaan gaafachiisu dalagan seeraan akka gaafatuufi kanneen murtee siyaasaa barbaachisuunis akkasumatti akka adabu dubbatan.
''Rakkoo kan uuman, kan hammeessaniifi osoo arganii akka nama hin agareetti bira darban jiru,'' kan jedhan Obbo Nugusuun, kana irratti fuulduratti qorannoon ni gaggeefamaa jedhan.
Hidhaa gaazexessitootaafi namoota siyaasaa
Karaa sabaa himaalee summii faca'uun lubbuun lammiilee galaafatamuu hin qabu, Itoophiyaaniis carraan ittiin diigamtu uumamuu hin qabuu jedhan Obbo Nugusuun.
Biyyaafi uummata keessa jiraatan wal ficcisiisaa akka diigamu waamicha gochaa miidiyaadha ofiin jechuu hin danda'aan, gaazexessitoota ofiin jechuus hin danda'an jedhan. Namoota kana seeraan gaafannas jedhan aanga'aan kun.
Waayee adda cituu Intarneetaarrattis kan dubbatan Obbo Nugusuu Xilahuun, Intarneetni kan cufame nageenyaaf jechadha, haalli nageenyaa biyyattii yoo tasgabbaa'u tajaajilli kun ni gadhiifamaa,'' jedhan.
Itti dabaluunis hawaasni Feesbuukiirratti ammaas to'annon akka godhamu nu gaafachaa jiraa jedhan. Walitti bu'iinsi sabaafi amantaa bu'uureffate akka uumamu waamichi karaa kanaan godhamaa akka jiru hawaasni yaaddoo qabaachuu nutti himachaa jiras jedhaniiru.
Kibxata waaree booda irraa eegalee magaalaa Finfinnee keessatti tajaajilli intarneetaa kan biroodbaandii eegalamuu jiraattota irraa iyyaafanneerra
















