Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hireen dhalataa Itoophiyaa dolaarri kumni 99 Ameerikaatti jalaa qabamee maal ta'uu danda'a?
Dolaarri Ameerikaa kuma 99 torban darbee keesssa buufata xiyyaaraa Ameerikaatti dhalataa Itoophiyaa lammii Ameerikaa ta'e harkatti qabamee ture mootummaan fudhatamuu danda'a jedhame.
Torban darbe keessa dhalataan Itoophiyaa Ameerikaa jiraatu tokko to'attoota gumurukaatti osoo hin beeksisiin dolaara Ameerikaa kuma 99 qabatee Ameerikaa bahuuf osoo jiruu qabamuun himamee ture.
Akka ragaa BBC Amaariiffaa kutaa to'annoo daangaafi gumuruka jalatti Waajjira Tika Nageenya Biyya Keessaa Ameerikaa irraa argadhe jedheetti, maallaqichi mootummaan fudhatamuu danda'a jedhameera.
Imalaan kun torban darbee guyyaa Roobii ture Waashingitan irraa gara Finfinneetti osoo imaluuf jiruu to'attoota daangaafi gumuruka Ameerikaatiin maallaqni dolaara kuma 99 ta'u to'atamuun kan himame.
BBCn akka mirkanneeffachuu danda'eettis, maallaqni nama kana harkatti kan qabame dolaara 98,762 yoo ta'u, kunis gara birriitti yoo geedaramu miliyoona 3.6 ol kan ta'udha.
Saba himaan waajjira gurumukaa Istiiv Saappii deebii gama barreeffamaan BBCf kennaniin, dolaarri namni kun qabatee ture kan to'atame, sababii seera biyyattii imaltoonni hanga maallaqa qabatanii beeksiisuu qaban waan cabseef.
Kana malees, namni jedhame kun sababii kanaan kan hin hidhamne yoo ta'u, waan himannaan yakkaa irratti hin banamneefu eenyummaansaa akka ifa hin taasifamne beekuun danda'ameera.
Seera cabsuun akkasii wayita mudatuuttis himannaa banuu ilaalchisee murtee kan kennuu abbaa alangaa biyyattii akka ta'e kan himan Istiiv Saappii, dhimmiakanarratti abbaan alangaa himannaan yakkaa banuu akka hin barbaachifne waan murteesseef dhimmichi gara mana murtii akka hin geefamne dubbataniiru.
Haata'u malee, namni kun haala seerri biyyattii gaafatuun hanga maallaqa qabatee turee waan hin beeksifneef, dolaarri kumni 98,762 jalaa qabameera.
Sabaa himaan kun akka jedhaniitti, imaltoonni karaa adda addaatiin baayina maallaqa qabatanii akka beeksiisan akka gaafatamaniifi dhumarratti kanuma barreeffamaan to'attoota gumurukaatti beeksiisuun irraa eegama. Kun ta'uu yoo baate ammoo maallaqni argame ni qabama jedhan.
Aanga'oonni akka jedhaniitti, namni amma maallaqa waliin qabame kunis Ameerikaatti hayyama jireenyaa dhaabbataa kan qabuu ture.
Yeroo sanattis hanga baayyina maallaqa qabatee ture afaaniifi barreeffamaan akka beeksiisuuf gaaffatamee, dolaara kuma 14,000 qabachuu beeksisulleen garuu boorsaa qabatee ture keessatti kan argame dolaara kuma 19,112 argame.
Kana hordofuunis boorsaa sakkatti'insa gumurukaa keessa darbee ture kan biraa irrattis sakkata'iinsa taasifameen dabalataan doolaarri 79,650 kopheefi kiisii surrii keessatti argamuun himameera.
Haaluma kanaanis waliigalatti maallaqni nama kana harkatti argame dolaara 98,762 ture jedhameera.
Kana malees, mantichi kun maallaqa amma kanaa tajaajila maalitiif oolchuuf akka ta'eef kan hin ibsineefi maddi maallaqichaa mataansaa akka hin baramne himeera Ispiiv Saappii.
Imaltoonni karaa lafoo, qilleensaafi galaanaatiin daangaa Ameerikaa qaxxaamuran hundi hangi maallaqa qabatanii seeraan daangaan kaa'ame jiraachuu baatulleen, wayita gara biyyaa seenaiifi yoo bahaan dolaara kuma 10 ol maallaqaan ykn meeshaalee maallaqaatti hiikaman kamiyyuu hojjattoota gumurukaatti beeksiisuutu irraa eegama.
Imaltoonni seera kana cabsanuun dhugaa osoo hin beeksiisiin argaman ammoo, maallaqnisaanii irra caalaan ykn hundisaa kan jalaa fudhatamu ta'usaatiin alaatti himannaan yakkaa irratti banamuu akka danda'u himama.
Namni maallaqni jalaa qabamee akka deebiifamuuf gaaffachuuf mirga kan qabu yoo ta'u, maddiifi kaayyoon seera qabeessi maallaqichi irra oolfamuuf ture mirkanneessuun irraa eegama.
Imaltoonni gara Ameerikaa wayita seenaniifi bahaniitti hamma maallaqa harka isaanii irratti argamu kamiyyuu beeksiisuun kan irraa eegamu yoo ta'u, kanas waajjira to'annoo daangaafi gumuruka Ameerikaatu raawwachiisa.
Dabalataanis waajjirichi daangaawwan biyyattii karaa lafoo, qilleensaafi galaanaatiin eegsisuun alattis sochiilee daldalaafi imalaa, akkasumas dadabarsuun maallaqaa seera qabeessaa akka jiraatuuf seeroota garaa garaa ni raawwachisa.