Tiraamp deggertootasaa hookkara keessatti badii uumanirra harka qabe

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp hookkara tibbana biyyasaa keessatti uumamerratti kan hirmaatan deggertoota isaaf falmaa jira.
Hiriira mormii tibba kana biyyattii keessatti yeroo lama gaggeeffamerratti dargaggeessa namoota lama ajjeeseera jedhamerras harka qabeera Tiraamp.
Kanneen namoota jibbiinsa sanyummaa mormuun hiriira ba’an waliin walitti bu’aniin ammoo, ofirraa qolatan jechuun dubbateera.
Pirezidaantichi morkataan isaa Joo Baaydan gocha namoonni hiriira irratti agarsiisan hin qeeqne jechuun komateera.
Joo Baaydan dorgommii filannoo dhufuuf taasifamaa jiru keessatti kaadhimamaa dursaa jiru ta’anii argamaniiru.
Kaleessa, Hagayya 31,2020, Waayit Hawus irraa ibsa kan kenne Pirezidaant Tiraamp, kutaalee US bulchiinsa qondaaltota dimokiraatotaa jala jiran keessatti hookkara uumameef kan itti gaafatamu Joo Baaydan akka ta’etti dubbate.
Gaazexeessaan CNN tokko, ‘’deggertoonni keessan mormitoota waliin walitti bu’uun miidhaa qaqqabsiisaniiru, kana akkamiin qeeqxu?’’ jechuun Pirezidaanticha gaafatee ture.
Keessattuu bulchiinssa Poortilaand magaalaa Oregoon keessatti deggertoota Tiraamp fi Joo Baaydan gidduutti walitti bu’iinsa hamaa uumameen miidhaan qaqqabeera.
Namoota lameen dargaggoo tokkoon hiriira kanarratti ajjeefamaniiru jedhamnirratti dabalataan deggertoota dimokiraatotaa keessaa namni tokko akka ajjeefame ibsameera.
Pirezidaant Doonaald Tiraamp gaaffii gaazexeessaa CNN’f wayita deebii kennetti, ‘’dhugaadha namoonni hedduun hiriira ba’aniiru, garuu hiriirichi naga qabeessa ture,’’ jedhe.
Bulchiinsa Wiskansiin magaalaa Kenoovaa keessatti dargaggeessi ganna 17 namoota hiriira ba’an keessaa namoota lama meeshaa waraanaan ajjeesuu isaa ilaalchisuun maal akka yaadu kan gaafatame Tiraamp, ‘’isa adda baasaa jirra’’ jedhan.
‘’Anis akkuma keessanin suuraan arge. Gurbaan kun hiriirtota keessaa ba’ee miliquuf yaalaa ture. Isa booda wayita inni kufu itti marsanii miidhaa irraan ga’an. Dhimmichi qoratamaa jira,’’ jechuun yaada nama kanarratti qabu ibse.
Qondaaltonni paartii dimokiraat yaada pirezidaantichi kennaniin hedduu ajaayibaman yaadasaanii karaa tuwiitarii isaanii ibsaa jiran.
To’annoo poolisii jala kan jiruu fi yakka raawwateen akka nama guddaatti kan himatame dargaggeessi kun hanga yoonaa mana murtiitti hin dhiyaanne.
Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi erga ajjeechaa Joorji Filooyid mormuun hiriirri US keessatti ba’amuu eegalee as namoota hiriira ba’aniin hattoota, jeeqxota, saamtota ittiin jechaa jiru.
Morkataan isaanii Joo Baaydan ammoo hookkara tibbana uumame mormanii Pirezidaantichi biyya keenya nagaa dhowwaa jira ittiin jedhan.
Bulchiinsa amma hookkarri itti uumame Wiiskansiin keessaa paartileen lameenuu deggertoota hedduu qabu.












