Itoophiyaa: Filannoo Covid-19 gufachiiseefi dirree siyaasaa Itoophiyaa tasgabbii dhabe

Filannoon Itoophiyaa marsaa 6ffaa sababa weerara koronaavaayirasiitiif jedhamee yeroo hin beekamnetti hin dabarfamne osoo ta’e Hagayya 29, Sanbata darbe kana, gaggeeffama ture.
Adeemsi yeroo filannoon dheeressuu paartilee siyaasaa dabalatee qaamolee gara garaa biratti yaada wal falmisiisaa turedha.
Paartileen jajjaboo yeroon filannoo achi butamuu isaarratti yaada paartii biyya bulchaa jiru waliin waliif galanillee adeemsa isaarratti komii akka qabamniif waliif hin galle yoo irra dedeebiin dubbatan dhagahamu.
Paartiin naannoo Tigiraay bulchu TPLF ammoo yeroo filannoon achi butuuyyu ni morme.
Kanaanis TPLF yeroon filannoo achi butuun isaa ‘mootummaa Federaalaa bara aangoo isaa dheereffachuuf’ jechuun mormuudhaan filannoo sadarkaa naannootti gaggeessuuf sochii eegaleera. Filannichas gaggeessuuf guyyoota 10 qofatu isa hafe.
Filannoon naannoon Tigiraay gaggeeffachuu deemaa jiru kunis dhimmoota madda atakaaroo siyaasaa biyyattii ta’an keessaa ta’ee itti fufeera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa mootummaan naannoo Tigiraay filannoo gaggeessuun seera qabeessa hin ta’u jedhe ture.
Erga yeroon filannoo yeroo adda hinbaaneetti achi butamu isaa himamee kaasees biyyattii keessatti jijjiiramoonni siyaasaafi nageenyaa bal’aan uumamaa jira.
Paartileen siyaasaa mormitootaa hedduunis filannoon achi siquu yaada jedhu irratti walii galan garuu yeroosaa dheeressuudhaan walqabatee yaada furmaataati jedhan kaa’anii ture.
Heerii mootummaa filannoon akka darbuuf waan hin eeyyamneef akka biyyatti irratti mariin gaggeeffamee filannoon yoomiifi akkamiin gaggeeffamuu qaba kan jedhu murtaa'uu qaba ture ejjennoo jedhu kaasanii turan.
Biyya Neezerlaand kan jiraatu xiinxalaan siyaasaafi nageenyaa Adam Kaasee (PhD) filannoon biyaalessaa lammileen hedduun hawwii guddaadhaan eegaa turan sababa koronaavaayirasiitiin darbuun isaa carraa sirriitti qophaa’uu uuma ture jedha.
Haata’u malee, qabatamaan haalli mul’ataa jiru rakkooleen siyaasaafi nageenyaa mul’achuun isaa akka isa gaddisiise hima.
“Duraaniyyu Itoophiyaan yeroo ce’umsaa hinititne keessa turte,” kan jedhu Adam (PhD) “paartileen siyaasaa tokko tokkoof yeroon filannoo dheerachuun qabxii falmii siyaasaa uumuun haala siyaasaafi nageenya duraan dhiifamee ture caalaa hammeesseera,” jechuun BBCf ibsa.
“Murtee filannoon yoom yaa gaggeeffamu jedhu murteessuu keessatti mootummaa Federaalaa qofaan ta’uun isaafi paartileen mormitootaa ammoo yeroo ce’umsaa kana keessa gahee ifa ta’e dhowwatamuun isaanii atakaaroon siyaasaa akka daran hammaatu taasiseera.”
Taateen ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa baatii lamaan dura Finfinnee keessatti raawwatame ammoo rakkoo siyaasaafi nageenyaa biyyattii keessatti daranuu hammeesseera.
Namoota ajjeefamuu Haacaluu mormuun bahaniin hokkaa Oromiyaafi Finfinnee keessatti dhalateenis namoonni 170 ol ta’an ajjeefamanii qabeenyis manca’eera.
Kana hordofuun ammoo tarkaanfii mootummaan fudhateen miseensota paartilee siyaasaa gurguddoo ta’an dabalatee namoonni kuma hedduu ta’an hidhamaniiru.
Fakkeenyaaf, Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessaa namoonni jajjaboo baayyee hidhamaniiru.
Turtii BBC waliin taasisaniin Durasaan KFO Piroof. Mararaa Guddinaa, “Wanti ijoo biyyattiifi siyaasa keessatti tasgabbiin akka deebiyee uumamu gochuu ta’uu qaba,” jedhan.
“Haata’u malee, karaan itti deemamaa jiru kun kan eenyuufiyyu bu’aa buusu miti. Akkaataa itti namoonni hidhaman dargaggoota Oromoo biratti fudhatama waan argate natti hin fakkaatu. Akka mormitoota ukkaamsuuf yaaluutti kan lakkaa’ame natti fakkaata.”
Piroof. Mararaan itti fufuun: “Rakkoon keenya rakkoo siyaasaati. Mootummaan kan hordofaa jiru garuu ‘ol-aantummaa seeraa’ kan jedhudha. Rakkoon keenya rakkoo ol-aantummaa seeraa hin turre. Rakkoon keenya rakkoo siyaasaa bakkuma duriitti dhaabbatee hafedha. Keessattuu ammoo yaaliin ce’umsi gara dimokiraasiitti taasifamu fashaluun isaa gatii nu kaffalchiisaa jira.”
Namoonni hidhaman osoo himannaan irratti hin banamiin yeroo dheeraatiif turuufi gaaffii poolisiifi abbaan alangaa guyyoonni dabalataa nuuf yaa kennamu jechuun irra deddeebiin dhiyeessan akka adeemsi murtii harkifatu taasiseera. Kun ammoo qeequmsa biroo mootummaa irratti dhiyaachaa jirudha.
Kana ilaalchisuun gaaffiin Waajira Ministeera Muummeetti kutaa Pirees Sakireetaariif dhiyaateera. Waajirichis BBCf barreeffamaan deebiseera. Miidhaan qaqqabe bal’aafi gadi fagoo waan ta’eef kan yeroo fudhatuufi qorannoo qabeenyaa gaafatudha jedha Waajirichi. Kunis kan taasifamu yeroo biyyattiin weerara Covid-19 waliin wallaansoo wal qabaa jirtu keessatti jechuunis dabalee hubachiisa Waajirichi.
“Dhaabbileen keenya seera kabachiisuurratti hojjetan carraaqqiifi cimina guddaadhaan adeemsa qorannoo xumuraa jiru,” jechuun adeemsi qorannoo namoota siyaasaa bebbeekamoorratti taasifamu xumuramee adeemsi dhaddachi himannaa duraa jalqabamuu akka fakkeenyaatti kaasuun ibseera Waajirri Ministeera Muummichaa kun.
Sababii kun ta’eef ammoo namoonni siyaasaa kunneen dhiibbaa guddaa qaban fayyadamuudhaan warren raga bahan irratti yaaddoo uumuu danda’u sodaan jedhu uumamuu isaatiin akka ta’e dubbata.
“Mootummaan taateewwan hokkaraa namoota siyaasaa tokko tokkoon qabsiifame ce’umsa dimokiraasii keenya irra balaa kan buusan jedhee amana,” kan jedhu Waajirri Ministeera Muummee kun, “warreen itti-gaafatamummaa malee socho’aniif, mormitoota seera biyyattiin ittiin bultullee kan akka waan tokkootti hin lakkoofneef deebii yeroo kennutti mootummaan of qusachuu gudaa agarsiisaa turullee; of qusachuun akkasii kun kanaan booda kan jiraatu miti,” jedheera.
Itoophiyaan ammallee muddama siyaasaarraa kan furamte hin fakkaattu. Torbeewwan lamaan darban keessa Oromiyaa keessatti hiriirawwan mormii gaggeeffamaniiru.
Kana hordofees namoonni ajjeefamanii kaan ammoo miidhamaniiru.
Paartileen akka Kongireesii Federaalawaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaaden, Shangoo Biyyaalessaa Agawu, Paartii Dimokiraasii Moochaa, Paartii Aranaa Tigraay fi Paarii Magarasii Kafaa waliin ta’uun ibsa jalqaba Caamsaa 2020 baasaniin qabxiiwwan furmaataa kaa’anii turan.
Paartileen kunneenis rakkoo uumameef falli heera mootummaa keessaa waan hin jiraanneef, mariifi wal-ta’insi paartilee siyaasaa dirqama jedhanii tuan.
Kanaan alatti tarkaanfiin fudhatamu kamiyyuu gama siyaasaa, heera mootummaafi uummata biratti fudhatamummaa waan hin qabneef biyyattii gara goolama siyaasaa badaatti oofuu danda’a jechuun ibsanii turan paartilee kunneeni.
Kanaaf jecha wal ta’iinsa hunda biratti fudhatama qaburra ga’uuf qajeeltoowwan armaan gadiirratti wal ta’uu qabna jedhu.
1. Mariin paartilee siyaasaa filannoo bara 2020 irratti hirmaachuuf ulaagaa guutanii galmaa’an gidduutti ta’uu qaba.
2. Mariin gaggeeffamu qaama walaba ta’een hoogganamuu qaba.
3. Waliigalteen marii kanarratti irra ga’amu qaama hunda iyyuu kan hirmaachise ta’uu qaba.















