Jaarmiyaan fayyaa Itoophiyaa Covid-19 ala dhibeewwan isa yaaddessan maali?

Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa

Madda suuraa, EPHI

Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ministeera Fayyaafi dhaabbilee dhimmi ilaallatu waliin weerara Covid-19 to’achuurratti hojjechuurrati dalagaa jira.

Haa ta'u malee, dhibeewwan hawaasaaf yaaddessaadha jedhe biroorrattillee maddiitti hojjetaa akka jiru ibse.

Itoophiyaatti yaaddoo fayyaa hawaasaa gurguddoodha kan jedhaman akka Koleeraa, Busaafi Pooliyoodha.

Inistitiyuutichi wiirtuu balaa tasaa fayyaa hawaasaa mudaturratti hojjetu hundeessuun dhibeewwan yaaddoo hawaasaa ta’an to’achuuf hojjechaa akka jiru ibseera.

1. Koleeraa

Akka ibsi Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa agarsiisutti dhukkubni Koleeraa sadarkaa biyyaalessaatti hanga dhuma torban baatii Waxabajjiitti bakkawwan gara garaatti mul’ateera.

Hanga ammaatti namoonni 145 Koleeraan qabamanii namoonni 8 ammoo dhibeema kanaan lubbuun darbuu mul’isa gabaasni kun.

Naannoo Kibbaa aanaalee ja’aafi Naannoo Oromiyaa aanaa tokko keessatti weerarri koleeraa mudachuun gabaafameera.

Haa ta’u malee, akka ibsa Inistitiyuutichaatti gabaasa torban darbee waliin yoo wal bira qabamee ilaalamu dhibbentaa 50'n hir’ateera.

Hanga dhuma baatii Waxabajiitti garuu godina Omoo Lixaa aanaalee Gaacetiifi Gorgorshaatti akka haaraatti dhibeen kun deebiyee ka’uun gabaafame.

Weerara koleera kana ittisuudhaaf tajaajila fayyaa babal'isuu, keemikaalota bishaan ittiin qulqulleessan rabsuu, manarra deemuun qoricha biifuu dalagaa akka jiru ibse.

Dabalataan, namoota warra dhukkuba kanaan qabaman waliin walitti dhufeenya qaban barbaaduufi hojiiwwan hordoffii cimee itti fufeera jechuun ibseera Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa.

2. Busaa

Hanga torban dhumaa baatii Waxabajjiitti namoota guutummaa biyyattii keessaa 27,898 kan ta’an irratti mallattoon busaa kan mul’ate yoo ta’e, namoonni lama ammoo dhibee kanaan du’aniiru.

Itoophiyaatti aanaalee 42 fi godinaalee 19 keessatti weerarri busaa dhalateera.

Oromiyaatti godinaalee torbaafi aanaalee 15 keessatti, Kibbatti godina tokkoofi aanaalee lama keessatti, Amaaraatti godinaalee torbaafi aanaalee 21 keessatti mul'ate.

Somaaleetti godina tokkoofi aanaa tokko keessatti, Tigiraayitti ammoo godinaalee sadiifi aanaalee sadii keessatti mudachuu ibsa gabaasichi.

Bakkeewwan weerarri busaa itti mul’atan kanattis to’achuudhaaf hojjetamaa jira jedha Inistitiyuutichi.

3. Pooliyoo

Hanga dhuma baatii Waxabajjiitti biyyattii keessatti namoota 32 irratti Pooliyoon argamuu gabaasni Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa kun ni mul’isa.

Torbanuma kana keessa Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaa Aanaa Bookeefi magaalaa Adaamaatti namoota lama irratti Pooliyoon argamuun gabaafameera.

Rakkooleen weerara kanneen ittisuu keessatti mudatan

• Sadarkaa addunyaatti sababa weerara Covid-19 irraa kan ka’een meeshaaleen wallaansa fayyaa yeroon alaa galchuu dhabuu,

• Meeshaaleen gara naannoleetti raabsamuun boodatti harkifachuu,

• Rakkoo bishaan qulqulluu,

• Rakkoo boolii/mana fincaanii foyyaa’aa ta’e dhibuu,

• Naannoleen hojii ittisa koronaavaayirasiin ko’oommachuu isaanii,

• Duulli hubannoo hawaasaa jalqabame wal fakkaataa ta’uu dhabuu,

• Bakkawwan tokko tokkotti rakkoon nageenyaa jiraachuudha jedheera.