Ilmi pirezedaanti duraanii Angoolaa hidhaa waggaa shaniin adabame

José Filomenoo dos Saantos

Ilmi pirezidaantii duraanii Angoolaa himannaa yeroo Fandii Qabeenya Walabaa (Sovereign Wealth Fund) biyyattii gaggeessaa turanitti qabeenya qisaasessaniiru jedhuun yakkamaa ta'anii waggaa shaniif hidhaan itti murtaa'e.

Joosee Filomenoo dos Saantos, gaheessii waggaa 42, bara 2013-2018tti fandii dolaara biiliyona shanii bulchaa turanitti dolaara biliyoona 1.5 qisaaseessuun himataman.

Achiinis fandiicha keessaa dolaara miliyoona 500 hatuun gara akkaawuntii baankii isaa biyya Siwiizarlaandiitti dabarse jedhamee himatame.

Abbaa Mr Dos Saantos, José Eduardo dos Saantos, waggoota 38f biyya qabeenyaa boba'aan badhaatuu taate kana babulchaniiru.

Joosee Eduwaardoo dos Saantos bara 1979 irraa kaasee hanga bara 2017tti pirezidaantii biyyattii turan.

Hanga Bitootessa darbe bilisa bahutti Joosee Filomenoo dos Saantos malaamaltummaan himatamee ji'a torbaaf hidhamee ture.

Namni maqaa Zenuu jedhamuun beekamu Joosee Filomenoo dos Saantos, akka qaama duula farra malaammaltummaa pirezedaant Laawornsoon taasisaa jiraniitti maatii pirezedaantotaa keessaa yakka malaammaltummaan himatamuudhaaf isa jalqabaati.

Kunis akka mootummaan Angoolaa malaamaltummaa hambsuuf kutannoo qabu kan agarsiisuudha jedhameera.

Pirezidaantii Joao Looreensoo

Madda suuraa, EPA

Manni Murtii Olaanaa biyyattii dhimma Dos Saantos irratti murtee dabarsees, abbaan alangaa Joao da Cruz Pitra akka jedhaniitti: "Yakka hannaa... fi yakka dhiibbaa maqaa balleessaa ... balaaleeffachuun jecha tokkichaan hidhaa waggaa shanii irratti murte.''

Mormitoonni waloo sadiis bulchaa duranii baankii biyyaaleessaa (BNA) Vaalter Filippee de Silvaa dabaltee, saba malaammaltummaafi dubbii sobaa odeessuun himatamaniiru.

Tokkoon tokkoo isaanii hidhaa waggaa afurii hanaga waggaa shanii itti murtaa'eera.

Himatamtoonni arfanuu himannaa maallaqa dadabrsuudhaan himataman. Isaan garuu balleessaa omaa akka hin raawwaneetti himannicha waakkatan.

Haatii warraa ilma pirezidaantii Ms Dos Saantos, akkasumas baleessaa omaa akka hin qabaannee himan.

Isheenis jireenya isheetiif waan sodaatteef amma biyya alaa jiraatti.

Akkasumas, pirezidaantiin duraaniis biyyaa akka bahan amanama.