Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mormii Walaayittaa hordofee lakkoofsi namoota ajjeefamanii 16 gahe
Godina Walaayittaatti Dilbata darbe hoggantootni godinichaa fi kanneen gaaffii akka naannootti ijaaramu irratti hojjetan hidhamuu hordofee mormii dhalateen booda hanga Roobii Hagayya 12 ganamatti namootni 16 ajjeefamuu maddeen Hospitaalaa BBC'tti himan.
Hospitaala Riifaraalaa Yunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo keessatti barsiisaa kan ta'an akkasumas ogeessa kutaa yaala lafee kan ta'an Dr. Mabraatuu Ceeshoo dhaabbilee fayyaa iyyaafatan afur irraa odeeffanno argataniin namoonni du'an 16 ta'uu dubbatan.
Odeeffannoowwan kun Hospitaala Ottoonaa, Hospitaala Kiristaanaa Walayittaa Sooddoo, Hospitaala sadarkaa jalqabaa Boddittiifi buufata fayyaa Boddittirraa argames jedhaniiru.
Magaalaa Boddittii keessatti namootni 7 rasaasaan dhahamanii erga hospitaala gahanii booda yoo du'an, namoonni lama ammoo magaalaa Sooddoo keessatti rukutamanii erga hospitaala gahanii lubbuu dhabaniiru.
Kanaan alatti magaalaa Sooddoo keessatti kanneen rasaasaan rukutamanii ajjeefaman namootni torba jiraachuu kan dubbatan Dr. Mabraatuun, sadii naannoo Maazagaajaa jedhamutti, lama naannoo Ma'idoot jedhamutti, lama ammoo naannoo 21 maazoriyaa jedhamutti ta'uu himaniiru.
Namoonni kun kanneen mana yaalaa hin geeffamne akka ta'e mirkaneessaniiru.
Namoota hedduu yaala argachuuf gara manneen yaalaa kunneen dhaqan keessaa namoonni 49 kan rasaasaan rukutaman ta'uullee dubbatan Dr. Mabraatuun.
Erga Dilbata galgalaatii kanneen rasaasaan rukutaman keessaa walumaagalatti namoonni 16 yeroo du'an, 30 kan ta'an ammoo yaalamanii mana mana isaaniitti deebi'uu dubbataniiru.
Kan hafan namoonni sadii Hospitaala Kiristiyaan jedhamutti kutaa yaala dhukkuba jabaa keessatti yaalamaa akka jiraniifi kanneen keessaa namoonni lama miidhaa akkaan hamaan irra gahuu dabalanii himaniiru.
Namoota miidhamanii gara Hospitaala Riifaraalaa Yunivarsiitii Walaayittaa Soddoo Ottoonaa jedhamuunis beekamuu dhufan afur keessaa daa'imni ganna 12 harki isaa uleen dhaanamee cabe jiraachuullee himan.
Lakkofsa namoota ajjeefamanii ilaalchisee mootummaan naannoo Kibbaas ta'e kan federaalaa ibsa baase hin qabu.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa garuu qaamoleen nageenyaa humna hanga barbaachisuu olii fayyadamuun yoo xiqqaate namoonni jaha ajjeefamuu himee, qaamoleen nageenyaa humna hanga barbaachisuu ol fayyadamuurraa akka of qusatan ibsa baaseen gaafateera.
Magaalota mormiin keessatti dhagaahamaa tureefi miidhaanis qaqqabe keessaa Sooddoo fi Bodditti keessatti har'a tasgabbiin hangi ta'e jiraatus, tajaajilli geejibaas, daldalaas akka hin jirres ogeessi kun himaniiru.
Guyyaa kaleessaa hooggansi sadarkaa aanaa fi godinaatti jiru uummata akka tasgabbeessuu hooggantootaa naannoofi federaalarraa dhufan waliin mariif taa'ee ture.
Hooggansa godinichaa dabalatee namooti dhageettii sabaa qaban 20 ol hidhamanii akkasumas namootni hedduun bakka ajjeefamanii jiranitti walgahii hin teenyu yaadni jedhu ka'uu isaan marichi milkii malee xumuramuu miseensa hojii raawwachiiftuu Sosochii Biyyaalessaa Walaayittaa kan ta'an obbo Maatiwoos Baalchaa BBC'tti himaniiru.
''Hooggantootni haala seera hin eegneen hidhaman, osoo wanti isaan gaafachiisullee jiraate adeemsi seeraa eegamuutu irra ture, maaliif lubbuun nama hanga kanaa akka darbu ta'e? qaamni ajaja kana dabarse eenyu?'' gaaffileen jedhan ka'uu isaanii namoota maricha irratti hirmaatan keessa tokko waabeffachuun obbo Maatiwoos himaniiru.
Hoogganoota hidhaman hiikuufi kanneen qaamolee nageenyaan ajjeefamaniif qaamni itti gaafatama fudhatu jiraachuufi dhimmi isaanii qaama walabaan qoratamuun akka haalduree mariitti dhiyaachuullee dubbatan.
Hoogganoonni hidhaman kun Shanee fi TPLF waliin shiraa turan jedhamee Poolisii naannichaatiin ibsi kennames sirrii miti jechuun namootni hirmaatan yaada kennuu isaaniillee dabalanii himaniiru obbo Maatiwoos.
Bu'uura kunneeniin mariin kun yeroo biraa haa gaggeeffamu jedhamee xumurameera jedhan.
Jaarsolii biyyaa hidhaman keessaa obbo Seeyifuu Lataanaafi obbo Daani'eel Dassaalanyi hiikamaniirus jedhameera.
Kanneen hidhaa jiran abbootii amantaan dubbifamuufi haala gaariirra akka jiranis hubatamuu obbo Maatiwoos himaniiru.
Kaleessa magaalaalee aanaa keessatti hooggantootni akka hiikaman, kanneen namoota ajjeesan haa gaafataman fi hiriirri mormii gaaffilee kaaniis of keessaa qabu gaggeeffameera jedhan obbo Maatiwoos.
Pireezidantiin naannoo Uummattoota Kibbaa ibsa kennaniin rakkoon uumame sababa hogganoonni Godina Walaayittaa gaaffii naannoo ta'uu karaa hin malle deebisuuf yaalaniin kan uumamedha jechuu isaanii ETV'n gabaaseera.
Hogganoonni kunneen qaama biyya diiguuf socho'urraa ergama fudhatanii hojjechaa jirus jedhan.
Gaaffiin naannoo ta'uu uummata Walaayittaa bu'uura seeraa qofaan kan deebi'u qofa ta'as jedhaniiru.