Buruundii: Namoonni konkolaataa pirezidaantiitti dhakaa darbachuun yaalii ajjeechaa taasisan adabaman

Pirezedantii haaraa Buruundii

Madda suuraa, Getty Images

Manni murtii Kaaba Buruundii dhiira lamaafi dubartii tokko konkolaattota pireezidaantii haaraa biyyattii Evariste Ndayishimiye irratti dhagaa darbatan hidhaa waggoota 30 akka adabaman murteesseera.

Jalqabarratti abbaan alagaa namoonni kunneen nageenya pireezidaantichaa booressuusaaniitiif waggaa torbaan akka hidhaman gaafatee ture.

Haata'u malee, boodarra manni murtichaa jarri kun pireezidaanticha ajjeesuuf yaalii godhaniiru jechuun yakkamaa gochuun hidhaa waggoota 30 irratti murteesseera.

Namoonni sadan kunneen hojjattoota buufata boba'aa yoo ta’an, bakka hojiisaanii konkolaattota pireezidaantichatti dhagaa darbatuun ture kan himataman.

Taateen kunis yeroo pireezidaantichi bakka sana daawwatanitti akka ta’e himameera.

Namoonni yakka jedhame kanaan himatamanis himannaa isaaniirratti dhiyaate haalaniiru.

“Taatee mudateen booda namoonni hedduu to’annaa jala oolaniiru. Boodarra garuu muraasni gadhiifamaniiru. Ta’us garuu dubartiin tokkoofi dhiirri lama kan buufata boba'aa keessa hojjetan achumatti hafaniiru,” jechuun jiraattonni magaalaa Kayaanzaa BBCtti himaniiru.

Pireezidaant Ndayishimiye filannoo Caamsaa keessa taasifame erga mo’atanii booda Hagayya 20 aangoo ni qabatu jedhamee eegama ture.

Ta’us garuu erga pireezidaantiin duranii tasa du’anii booda Waxabajjii ture kan aangoo qabatan.