'Qaala'iinsi meeshaalee bu'uuraa nu yaaddesse' - jiraattota magaalota Oromiyaa

Erga Koronaavaayirasiin biyyattii seenee meeshaalee bu'uuraa hawaasni guyyuu fayyadamu irratti daballiin gatii mul'achaa akka ture jiraattonni BBC'tti himan.
Yeroo dhihoo asitti ammoo kanneen nyaataaf oolan gatii amma dura dhagahamee hin beeknerra gahuu jirattonni magaalota Oromiyaa adda addaa ni himu.
Jiraataa Magaala Adaamaa kan tahan Obbo Jarman Kabbadaa, daballiin gatii omishawan qonnaa irratti tibbana mul'ate kan amma duraarra adda jedhu.
"Qaala'iinsi gatii baay'ee mul'achaa jira. Keessummaa wantoota jireenya namaatiif guyyaarraa barbaachisan irratti gatiin baayyee dabale. Fakkeenyaaf gatiin Qullubbii fi Timaatimaa akka malee dabaleera."
Gabaa keessatti Qullubbiin baayinaan gurguramaa jiraatus gatii isaa irratti garuu daballii malee hir'inni akka hin jiraannes himu.
Magaala Fiichee kan jiraatan Aadde Zawdituu Asaffaa, qaala'insi jireenyaa magaalota keessatti galii argamu wajjin wal-madaalaa hin jiru jedhu.
"Magaala keenyatti qullubbiin/shunkurtiin kiiloogiraamni tokko hanga qarshii 45'ti, Xaafiinis kilogiraamni tokko birrii 43 caalaa jira. Walumaagala magaala keessatti gatii waan kanaatu hin daballe wanti jedhamu hin jiru. Waanuma hundatu dabale."
Meeshaalee bu'uuraa jedhamuun ammaan dura karaa waldaaleetiin uummataaf kan dhihaachaa ture wantoonni akka sukkaaraa fi Zayitaas dhiheessiin isaa erga hafee waan tureef rakkoo dabalataa uumeras jedhan.

Yeroo Sababa Koronaavaayirasiitiin hojiin yarate kanatti daballiin gatii fi qaalayiinsi jireenyaa waldhaansoo jireenyaa daran akka itti hammeesse himu jiraattonni.
Magaala Mojoo irraa kan dubbisne Obbo Tolasaa Barkeessaa, torbee tokkoon asitti daballiin gatii meeshaalee irratti mul'ate mootummaan yoo sirreesse malee jiraachuuf yaaddoo kan namatti uumu akka ta'e himan.
'Mootummaan quba'
Hogganaan Biroo Daldalaa fi Misooma Gabaa Oromiyaa Obbo Dhengee Boruu, daballii gatii meeshaalee fi qaala'insa jireenyaa magaalota Oromiyaa keessatti mul'achaa jiru mootummaan quba qaba jedhan.
"Biyya kana keessatti daballiin gatiis, qaala'iinsi jireenyaas mul'ateera. Qaala'iinsi jireenyaa dhukkuba guddina dinagdee biyyattii keessa turerraa kan madde dabalaa dhufe."
"Kana ittisuuf silaa omishni qonnaa fi indastirii haalan dabaluu male. Guddinni dameewwan kanaa baayyina uummataa wajjin wal hin simne" jedhan.
Daballiingatii meeshaalee bu'uuuraa amma mul'achaa jiru kanaafis sababni meeshaaleen kunneen biyya keessa dhihessii gahaan waan hin jireefi jedhu Obbo Dheengeen.
"Uummanni sukkaara, zayita, paastaa, Ruuzii fi kan akkanaa biroo barbaada. Kunneen immoo baay'inaan alaa gala. Waan kana mootummaan dhiheessuuf yaalaa ture garuu humnii fi fedhiin jiru walgituu dadhabeera" jedhan.

Yeroo ammaa kanattis rakkoo kana hubachuun meeshaalee bu'uuraa uummanni fayyadamu kana namoota alaa galchuu barbaadaniif qaraxa malee akka galchan mootummaan haala mijeessaafii jiraachuu eeran.
Carraan kuni dhiheessii guddaan gara biyyaa akka galu waan taasisuuf rakkoon gama kanaan jiru yeroo dhihootti ni laaffata jedhan.
Oromiyaa keessatti dhaabbileen koronaavaayirasii sababeeffachuun meeshaalee dhiheessiin gahaan jiruu irratti gatii dabalan dhaabbilee daldalaa kuma 37 caalan adabamuus eeran.
Omisha Qullubbii kan gatiinsaa gabaarratti dabale kunis biyya Sudaan irraa kan galuu fi waqtii omishaa wajjiin walqabatee kan mudate ta'uu eeran.
"Qullubbiin amma omishnisaa dhaqqabaa jira. Gama Sudaanin waqtii itti seenuu jalqabudha waqtiin kuni. Odeefannoo hanga ammaa qabuunis gara biyyaa seenee gabaadhaaf dhaqqabaa jira. Omishni waan hin turreefi gatiin kan dabale" jedhan Obbo Dheengeen.













