Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zimbaabweetti daa'imman torba halkan tokkotti hospitaala keessatti du'anii dhalatan
Wiixata darbe daa'imman torba hospitaala Haraaree, Zimbaabwee keessatti du'anii dhalatan. Rakkoon kun qacarriin ogeessotaa boodatti harkifachuun waliin wal-qabateetu uumame jechuun doktaroonni lama BBC'f mirkaneessaniiru.
Narsoonni meeshaaleen of eeggannoo (personal protective equipment) nuuf hin guutamne jechuun mormiirra jiru, dabalataan deessuuwwan baay'eetu hospitaalicha keessa jira.
''Waan gaafa Wiixata argine rakkoo guddaa jiru keessaa isa xiqqoo nutti agarsiise,'' jedha hakimni tokko.
Seektarri fayyaa biyyattii dhihoo kana waliigaltee meeshaalee fi tajaajila Covid-19 wal-qabatee salphina guddaa keessa galee jira.
Himannaa waliigalteewwan doolaara miiliyoonota baay'een, meeshaaleen akka bitamaniif kennameetu ture.
Gatiin meeshaalee kanaaf kenname garmalee qaalii yoo tahu, sababii kanaan ministirri fayyaa biyyattii hojiirraa ari'amaniiru.
Odeeffannoon mootummaarraa miliqee bahe komii fi mormii hojii dhaabuu hakiimonni taasisuuf jedhaniif deebii kenneera.
Danqaawwan hospitaalicha keessa jiran kanneen akka yaaliiwwan gahumsa hin qabneefi hanqinni meeshaalee fayyaa sababii sharafa maallaqa biyya alaatiin mudate jedha.
Haa tahu malee hakiimonni yaada isaanii tajaajila kennuu dhaabuu akka irra deebi'anii ilaalan gaafateera.
'Waan guyyuu tahu'
Duuti Hospitaala Haraaree keessatti mudate jalqaba Dr Piitar Magoombaayiitu Twitter irratti barreesse. ''Egeree keenya saamamnee jirra, daa'imman keenya hin dhalatiin dabalatee, maaloo hanna dhaabaa,'' jedhe.
Dhimma kana waliin kallattiin kan hojjechaa turan doktaroonni lama gaafa Wiixataa haadholii saddeetiif yaaliin da'umsa baqaqsanii wal'aanuu kenname. Kunneen keessaa daa'imman torba du'aa isaaniitu dhalate jedha.
''Rakkoo sana furuuf yaaliin taasifame baayyee boodatti harkifataa ture,'' jedha hakiimni miidiyaattii haasa'uuf hayyama hin qabne tokko immoo.
''Haadholiin lama gadameessarra miidhaa waan qabaniifuu yaaliin baqaqsanii wal'aanuu dafeetuu jalqabamuufi qaba ture.
Warri kaan ciniinsuun irra turraanidha yaaliin kun kan kennameef. Haa tahu malee yeroon waan hin qaqqabamneef daa'imti ukkaamamuun rakkoon dhalate.''
Hospitaalota Haraaree lama hakiimaa fi narsiiwwan qubaan lakkaawwamaniin socho'aa jiran keessatti, ''waan jibbisiisaa' argaa jirra jedhe hakiimichi.
Kana malees kiliinikoonnii xixiqqoo magaalattii keessa jiran Waxabajjiirraa qabee mormii hakiimotaan waan cufamaniif, haadholiin ulfaa baayyeen gara hospitaala mootumaatti dhufuun dhiibbaa uumeera.
Waan kun gochaa qofaatti ilaalamu miti. ''Guyyuu yeroo mudatufi daa'imman du'an kan callisnee ilaaluu dha. Maatiifi hakiimota haaraa dhufaniif dararaa hamaa dha,'' jedhan hakiimni kun.
Hakiimichi rakkoon guddaa meeshaalee of eeggannoo ogeessota fayyaa akka jiru hima.
Kana malees, dhukkuba yeroo ulfaa dhufu yaaluufi qorichi gahaan hin jiru, hanqinni dhiigaa yeroo haadholiin dahanitti rakkoo ni uuma jedha.
''Narsooti gameeyyii tahan mormiif deemuu hin danda'an, garuu rakkoo as jiru garuu dandamachuu hin dandeenye,'' jedha hakiimni inni duraa. ''Hakiimonni tajaajila kennaa jiru garuu isaanillee amma mudhukan.
Hakiimonni haaraa immoo rakkoo wal-xaxaa adda baasuun isaan rakkisa. ''Waldaan ogeessota da'umsaa fi gadameesssa haala kana ''hamaa fi jibbisiisaa,'' jedhan.
Haadholiin keenyi gidirfamaa jiru qaamolee mootummaa dabalatee, ogeessonni fayyaa fi warri dhimmi kun ilaallatu akka tarkaanfii fudhataniifi haadhaafi ilmoo baraaran gaafataniiru.
Zimbaabwee keessa gatiin qaala'uun diinagdee biyyattii kokkeetti qabeetu jira, paartii biyyattiin erga bilisa baatee as bulchaa jiru Zanu-PF irratti mormiin taasifamu Jimaataaf qabameera.