Daawwattuun kaansarii gaazexeessituu TV'rratti adda baaste

Madda suuraa, Instagram/ Victoria Price
Rippoortarri kutaa Filooridaa keessaa tokko, hordoftuu dhiitoo kaansarii mormasheerra jiru arguun ergaa ergiteefiin galateeffattetti.
''Daawwattuun tokko ji'a dabre imeelii naaf ergite,'' jechuun rippoortarri miidiyaa WFLA Viktooriyaa Piraayis gaafa Kamisaa maxxansite.
''Dhiitoo morma koorra argite. Kunis kanshee waliin akka walfakkaatu yaadatte.''
''Kanshee kaansara ture. Ankoos kaansara tahuun mirkanaa'eera,'' jechuun dhukkuba kana ofirraa qolachuuf yeroof hojii akka dhaabdu beeksiste.
Viktooriyaan akka jettetti, dhiitoo kana yaalii baqaqsanii hodhuun akka keessaa baasaniis dubbatte.
Gabaasni koroonaavaayirasii walitti fufinsaan gabaasaa turte, fayyaasheef xiyyeeffannoo kennuurraa akkashee hambise dubbatte.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

''Akka gaazexeessituutti, weerarri kun erga eegalee hojiin daran nutti baay'ateera. Oduun guyyuu dhagahamus hin dhaabbatu, hojiinis akkasuma,'' jechuun barreessite Viktooriyaa Piraayis.
''Oduu fayyaa jaarraa kanatti guddaa tahe gabaasaa turre, waayeen fayyaan koo garuu tasumaa sammuukootti hin dhufne.''
Doktoroonni dhiitoon kun gidduu mormasheerraa gara biraatti faca'aa akka jiruufi yaaliin akka bahuu qabu itti himan. Kanaanis taayiroodiin ishee muraasni waliin akka bahus barreessiteetti.
''Otoon imeeyiliin sun natti ergamuudhaa baatee, silaa doktorakoo bira hin bilbilu. Kaansarichis faca'uu ykn babal'achuusaa itti fufa ture. Kana yaaduunuu hedduu sodaachisa,'' jechuun dhoobde.
''Dubartiin tasumaa walhinbeekne kana gochuusheetti hanga dhumaatti isheen galateeffadha. Kana godhuuf dirqama takkallee hinqabdu turte, garuu inuma goote.''
Kaansariin Taayirooyidii warra dhiiraa caalaa dubartootarratti hammaata jetti Viktooriyaan. Ameeikaatti kanneen qabaman keessaa harki 75 dubartoota jetti.
''Kanaaf dubartootni... #CheckYourNeck!(morma keessan ilaalaa!'' jechuun barreessite. Torban tokko keessattis gara hojiitti akka deebitus himte.
Kun ka qaraa miti
Daawwattoonni televizhinii gaazexeessitootaaf gorsa fayyaa daran gargaaru yeroo himan kun ka jalqabaa miti.
2018tti, ittisaan Livarpuul duraaniifi xiinxala kubbaa miilaa Maark Laawuransan (Laawuroo), doktora sagantaa BBC irratti isa ilaaluun kaansara qabaachuusaa itti hime galateeffatee ture.

Madda suuraa, Getty Images
2013ttis, narsiin tokko dhiyeessaa sagantaa Flip or Flop ka tahe Taarek El Muusaa, waa'ee dhiitoo mormasaarra jiru itti himte.
''Dhimma kana quba qabaachuu qaba jedheen itti hime,'' jette narsiin Ryan Reade jedhamtu.
Ergasii El Muusaan kaansara taayirooyidii sadarkaa-2ffarraa bayyanateera.













