Itoophiyaa: Wal-dhabdee Naannoo Kibbaatti uumameen namoonni 17 lubbuu dhabanii kuma 21 ol buqqa'an

Mana citaa baadiyyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mana citaa baadiyyaa

Naannoo Kibbaatti walitti bu’iinsa Godina Koonsoofi Aanaa Addaa Aallee keessatti waldhibdee lafarratti uumameen yoo xiqqaate lubbuun namoota 17 yoo darbu namoonni kuma 21 ol immoo qe'eerraa buqqa’uu isaanii qondaaltonni BBC’tti himan.

Wal-dhabdeen kan uumame lafarratti akka ta'e kan himan bulchaan Aanaa Aaallee Obbo Kaarraa Maammoo, gaaffichi kan tureefi hoggansa qaamolee lamaaniin mariin irratti geggeeffamaa akka ture yaadatu.

Hogganaan qajeelcha Nagaafi tasgabbii Godina Koonsoo Obbo Hasan Walaaloo gama isaaniitiin Godina Koonsoofi Aanaa Aallee gidduu kan jirtu Kilaastariin Kolanee, bosonaan haguugamtee kan turte ta’uufi qonnaan bultoonni Aallee bosona sana mancaasuu himatu.

Walitti bu'iinsi Dilbata eegaluu isaa kan himan qondaaltonni lamaan Godina Konsootti namoota 11 akkasumas Aanaa Alleetti lubbuun namoota 6 darbu himaniiru.

Aanaa Addaa Alleetti namoonni miidhaman akka jiran himamus ragaan qindaa'e akka hin jirre Obbo Kaarraan himaniiru.

Gama Konsoon garuu namoonni sagal miidhamuu Obbo Hasan himaniiru.

Wal-dhabdeen kan mudate keessumaa Kilaastarii Kolaneetti ta’us, naannolee bulchiinsota lameen daangessanitti babal’achuun namoonni kuma 20 ol qe’eerraa akka buqqa’an taasisuu ibsaniiru.

Akka ibsa Obbo Hasanitti, Kolanee keessa jiraachaa kan turan namoonni 15,000 ol fi Tuuruu keessaa ammoo namoonni 6,000 ol buqqa’anii jiru.

Obbo Kaarraan gama isaanii gandoota tokko tokko Aanaa Aallee jala jiranitti marsaa lamaafi sadiin yakki ibiddaan gubu raawwachuu himuun badiin guddaa gahu himu.

Boqqolloo gahe waliti qabamellee gubatu himu.

Gama Koonsootiin gandoonni afur miidhaan yoo irra ga’u, manneen gandoota lama keessa jiran guutummaatti kan lamaan hafanii ammoo gariin barbadaa’uusaa Obbo Hasan BBC’f mirkaneessaniru.

Wal-dhabdeen kun tasa kan uumameefi qaamolee nageenyaa Godinaanis ta’e kan naannootiin to’achuun rakkisaa akka tureefi bakka sadii afuriin haleellaan raawwatamaa akka isaan qore dubbatan.

Rakkoo Aanaa Addaa Aalleefi gandoota daangaa Godina Koonsoo gidduu jiru jaarsummaan hiikuuf yaalamus, akka hin milkoofne Obbo Hasan dabalanii himaniiru.

Kana dura wal-dhabdeen akkasii naannolee daangaarra jiranitti yoo mudatu, guyyoota muraasa gidduutti kan hiikamu akka tureefi, amma qaamoleen Aanaa Aallee hidhatanii jiran dubbicha to’annoof akka rakkisu taasisanii jiru jedhanii himatu.

Walitti bu'iinsi kuni lafni naaf mala mormin jedhu bakka hin jirretti bal'ate mul'ateera kan jedhan Obbo Kaarraan, ammallee dhukaasni waan dhagahamuf midhaa gahe adda baasuun rakkisaa ta'u himu.

Himannaa qondaaltonni Aanaa Aallee walitti bu'iinsa keessa qooda fudhataniiru jedhuf kan gaafanne Obbo Kaarraan osoo hin qoratamiin dubbachuun rakkisaa ta'u himan.

Humnoonni nageenyaa federaalaafi Naannoo Kibbaa walitti bu'iinsa dhalate to'achuuf bakkichatti sosso'u isaanii jiraattonni himaniiru.