Haagiyaa Soofiyaa: Muuziyeemii moo Masjiida?

Haagiyaa Soofiyaa halkaniin

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Haagiyaa Soofiyaa halkaniin

Manni maree biyyaalessaa Turki, bakki seena qabeessi Istaanbuul keessatti argamu Haagiyaa Soofiyaa masjiida ta’uu yoo danda’e murteessuuf adeemsarra jira.

Jaarraa 6ffaa keessa ajaja Mootii Baayizaantaayin Jistiiniyaan 1ffaan kan ijaarame yoo ta’u, waggoota 1,000 oliif kaateediraala guddichaa addunyaa ta’uun tajaajilee jira.

Bakki seena qabeessa UNESCO kun yeroo Impaayerri Otomaan magaalattii 1943’tti qabatee turetti masjiidatti jijjiiree kan ture yoo ta’u, 1930 keessa muuziyeemiitti jijjiirame.

Kamisa har’aa yoo manni murtii ajaje irra deebiin masjiida ta’uu mala.

Pirezidantiin Turki Erdoohaan yeroo filannoof dorgomaa turanitti jijjiiramichi akka raawwatuuf waamicha taasisaa turani.

Rogeeyyiin Islaamaa Turki bakkichi masjiidatti akka jijjiiramuuf yeroo dheeraaf fedhaa turanus warreen walabummaa amantaa deeggaran ammoo faallaa kanaan dhaabbachaa turani. Wixinichi dursitoota amantaafi biyyootaa idil-addunyaa biratti qeeqamaa jira.

Dursaan Bataskaana Ortodooksii Bahaa akkasumas Giriik sochii kana mormanii jiru.

Ministirri aadaa Liinaa Mendoonii, biyyattiin ‘sabboonummaa amantaa’ hin barbaachifne deebisanii kassuuf yaaduun Turkiin himatu. Bakki seena qabeessi UNESCO kun osoo koree dhaaba kanaatiin hin murtaa’in jijjiiramni kamuu hin taasifamu jedhu.

Haagiyaa Soofiyaa keessa

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Haagiyaa Soofiyaa keessa

Daayirektarri I/A UNESCO Erneestoo Raamiireez turtii gaazexaa Giriik Ta Nea jedhamu waliin taasisaniin, waliigalteen taasifamuu akka qabu dubbatani.

Qaamni UN kun Turkitti xalayaa barreessus deebiin akka hin kennamneef himani.

Seenaan isaa maali?

Gamoon seena qabeessi kun kan argamu kutaa Istaanbuul Faatiih jedhamu keessa.

Mootii Justiniiyaan 1ffaa ture gamoon baay’ee guddaa akka ijaaramuuf bara 532’tti kan ajaje. Magaalaan kun Impaayera Baayzaantaayin yookaan Impaayera Roomaa Bahaa yeroo sanaaf magaalaa guddoo kan turteefi Konistaantinooppil jedhamuun waamamti ture.

Injinaroonnis kaateediraala kana ijaaruuf meeshaalee ijaarsaa Meediteraaniyaan irraa guurani.

Bara 537’tti yoo xumuramus, teessoo paatriyaarkii Ortodooksii magaalattii akkasumas bakka muudamaa ta’uun tajaajiluu eegale.

Haagiyaa Soofiyaan Ortodoksii Bahaaf waaggoota 900 ta’aniif tajaajilaa erga tureen booda jaarraa 13ffaa keessa weerartoonni Awurooppaa bakkicha dhaaluun teessoo Kaatoliikii taasisanii turan.

1453’tti garuu Impaayerri Otomaan, Sulxaan Mehmeed jelatti bulaa ture Konistaantinooppiliin to’achuun magaalattii Istaanbuulitti moggaase. Impaayerri Baayizaantaayinis achuumaan bara baraan dhumateef.

Namoota Haagiyaa Soofiyaa fuulduratti salaatan

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota Haagiyaa Soofiyaa fuulduratti salaatan

Mehmed, Haagiyaa Soofiyaa wayita seenetti gamoon sun haaromfamee masjiida akka ta’uuf ajaja dabarse. Guyyoota muraasaan dura weerartootaan bakkichi erga qabamee deebi’een booda salaataa Jum’aa jalqabaa taasifamerrattis hirmaate.

Ogeeyyiin ijaarsaa Otomaan mallattoolee Ortodooksii gamoo keessaa kaasuun minhaaraa itti dabalani. Hanga 1616 xumuramuu Masjiida Cuquliisaa Istaanbuulittis masjiida guddaa magaalattii ta’uun tajaajile.

Masjiida Cuquliisaa dabalatee kan magaalattii keessatti ijaaraman kan biroofis bocni Haagiyaa Soofiyaa ka’umsa ta’ee ture.

Dhuma Waraana Addunyaa 2ffaa irratti impaayerri Otomaan diigamus, sabboontonni walitti dhufuun Turki ammayyaa amma jirtu haftee impaayerichaa walitti qabanii ijaarani.

Hundeessaafi pirizidantiin Turki jalqabaa Musxafaa Kamaal Ataaturki, Haagiyaa Soofiyaa gara muuziyeemiitti akka jijjiiramuuf ajaja dabarse. 1935’tti ummataaf banaa erga ta’ee booda, bakkeen tuuristii Turki hedduu daawwataman keessaa tokko ta’eera.

Maaliif barbaachisaa ta’e?

Seenaa ganna 1,500’f qabuun Haagiyaa Soofiyaan qaamolee Turki keessaafi ala jiraniif faayidaa amantaafi siyaasaa guddaa qaba.

Seera tajaajila amanataa dhorku 1934’tti ba’e mormuun, gareewwan Islaamaafi musliimonni mormii garagaraa aluma gamoo sanaatti taasisanii jiru.

Pirezidantiin biyyattiis filannoo darbe irratti iyya isaanii kana dabarsuun masjiida kana muuziyeemiitti jijjiiruun ‘dogoggora guddaa ture’ jedhanii turani. Akkaataa masjiidatti deebi’uu danda’urrattis gorsitoota isaanii gaafachaa akka turan himama.

Ammallee teessoon isaa Istaanbuul kan ta’e Ortodooksii Bahaa’f paatriyaarkii kan ta’an Baartolomeew 1ffaa, yoo wanti kun raawwate kiristiyaanota miiliyoonotaan lakkaa’aman mufachiisuun wal-hiruu uuma jechuun akeekkachiisani.

Ministira haajaa alaa Turki kan ta’an Mevluut Kaavusoogluu murtee daangaa Turki keessatti taasifamurratti Ateensi angoo hin qabdu jedhani.

‘‘Wanti biyya keenya keessattiifi qabeenya keenya irratti raawwanu nuqofa ilaallata’’ jechuun 24 TV’tti dubbachuun gabaafameera.