Baqattootni Siiriyaa Istaanbuul keessaa dirqiin baafamuuf

Madda suuraa, AFP
Baqattootni Siiriyaa hin galmaahiin hanga Kibxataatti Istaanbul keessaa ofiin hin bahan taanaan dirqiin bahuuf.
Dhiibbaa magaalittiirra gahaa jiru xiqqeessuuf jecha baqattootni magaala Istaanbulitti galmaahanii hin jirre, bakka itti galmaahanitti akka deebi'an akka taasifamu aangawoonni himan.
Lammiileen Siiriyaa BBC'n dubbise bakka waraanni guddaan deemaa jiru Idliibitti deebifamaa jirra jechuun komataniiru.
Hedduun isaanii waraqaa fedha isaaniin deebi'aa akka jiran himu osoo hin duubbisiiniifi hin hubatiin mallatteessaa akka deebifamaa jiranis himan.
Lammiileen Siiriyaa walakkaa miiliyoonaa ta'an magaala Istaanbulitti galmaahanii kan jiran yoo ta'u, amma magaalitti keessa kan jiraatan dachaa lakkoofsa kanaa kan ta'an fi naannolee biraatti galmaahanii garanatti kan dhufaniidha.
Lammiileen Siiriyaa hayyama magaala Istaanbul keessa jiraachuu qaban paaspoortii fi warqaawwan eenyummaa isaanii ibsu yeroo marattuu qabatanii akka socho'an gorfamaniiru.
Gaazexessaan BBC Istaanbulii gabaasu Maark Loween Tarkiin addunyaarraa biyya godaantota hedduuf dahoo taate ta'uun kan boontu ta'uus, obsi Siiriyaaf qabdu dhumachaa akka jiruu dubbata.
Tarkiin baqattoota Siiriyaa miiliyoona 3.6 ta'aniif dahoodha.

Akka seera idila addunyaatti biyyootni baqattoota biyya isaanii galan dirqiin gara naannoo waraanni jiruutti akka hin deebifne ni dhorka.
Mootummaan Tarkiis gama isaan lammiileen Siiriyaa qe'ee isaanitti deebi'an fedhaan deebi'ani, kan deebi'aniis bakka loltootni Tarkii nageenya eeganitti jedhu.
Namoonni BBC'n dubbise garuu dirqiin bakka waraanni cimaan jiru Idlibitti deebifamaa jirra jedhu. Naannoo daangaa siiriyaa fi Tarkiitti oduun baqattoota dirqin qe'eetti deebisuu bal'innaan odeefama.
Tarkiin lammiilee Siiriyaa ''akka nyaattuu dhiiga isaani xuuxxuutti ilaalu'' jedha baqataan Siiriyaa tokko.
Erga waraanni Siiraayaa eegalee waggaa saddeet booda Balballi Tarkii lammiilee Siiriyaatti cufamuu eegalee jira.
Jalqaba ji'a kanaarraa eegalee baqattootni 12,000 ta'an lafa itti galmaahanitti kan deebifaman yoo ta'u, kanneen hin galmaahiin 2,600 ta'an ammoo gidduugala baqattootaatti dabarfamaniiru.

Madda suuraa, AFP
Mootummaan Tarkii baqattoota Siiriyaa biyya isaaniitti lafa waraannii hin jirreefi nageenyi waraana Tarkiin eegamutti akka deebi'an gargaaraa jirraa jedha.
Wiixata darbe haleellaa xiyyaarri mootummaa Siiriyaa konkolaattota Tarkiirraan geessiseen namoonni nagaan sadii ajjeefamanii 12 madaahuu Tarkiin beeksifteetti.













