Waraana Siiriyaa: Dhohinsi Idliib naannoo finciltootaan qabamte keessatti yoo xiqqaate namoota 23 ajjeeseera

Hojjetonni balaa atattamaa bakka dhohiinsi itti ta'e Idliib -naannoo to'annaa finciltootaa jala jirtutti argamanii wayita gara ambulaansiitti nama balaan irra gahe geessan

Madda suuraa, AFP/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Hojjetonni balaa atattamaa bakka balaan qaqqabetti argamaniiru

Naannoo finciltotaan to'atamtu Idliib, Kaaba-dhiha Siiriyaa keessatti erga dhodho'e booda yoo xiqqaate namoonni 23 wayita lubbuu dhaban hedduun ammoo akka balaan irra gahu gabaafameera.

Akka dhaabbata Siiriyaa dhimma mirga namoomaa biyyattii keessatti to'atuu fi buufata isaa Yunaayitid Kingidam(UK) , dhohinsi kun buufata olaanaa murna finciltoota keessatti akka ta'e dubbataniiru.

Namoota du'an keessaas torba lammiilee nagaadha jedhamanii amanamu.

Magaalatti aanaa Taalatiin keessatti wanti dho'e kun sababin isaa hanga ammaatti ifatti hinbeekamne.

Gabaasni tokko tokko akka jedhanitti boombii konkolaataa irratti qabameen kan mudate wayita jedhan kan biroon ammoo haleellaa diroonii (yookaan xiyyaara nama of keessaa hinbalaliineen) kan raawwateedhaa jedhu.

Dhaabbanni dhimma Siiriyaa hordofu karaa caasa madda garaa garaa qabaniin akka jedhanitti, gartuun lubbuu baraartotaa kan du'aniif kan miidhaan irraa gahee gamoo fi manneen naannootti argaman kan halleellaan irra gahe keessaa baasuuf tattaafataa akka jiran dubbatu.

Namoonni hedduun balaan irraa gahees jiraachuu akka malan dubbatama.

Murni finciltoota kunis Ajnaad al-Qaawqaaz kan jedhamu wayita ta'u, looltoota Eshiyaa dhibbaan lakkaawaman of keessaa qaba.

Murni kunis Faateeh al-Sham kan jedhamu fi dhaabbata duraan al-Qaa'idaa jedhamuun kan hundaa'e waliin ta'uun kan lolaa jiruudha.