Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ruusiyaan himannaa looltoota UStti Taalibaanota bittee ajjeesifte jedhu waakkatte
Ruusiyaan himannaa tibbana looltoota Ameerikaa kan NATO Afgaanistaan keessa jiran hidhattoota Taaliibaaniif maallaqa kaffaluun ajjeesifte jedhamu maqa balleessii bu'uura hin qabneedha jechuun waakkatte.
Niiw Yoork Taayimsiifi Waashingtan Poost qondaaltoota Ameerikaa waabeefachuun akka gabaasaniitti, ajjeechaa bara darbee Awurooppaa keessatti yaalamee tureen hidhata qaba kan jedhame kutaa basaasa loltummaa Raashiyaa taree maqaa namoota xiyyeeffannaa keessa turanii himee ture.
Imbaasiin Raashiyaa kan Ameerikaatti argamu gama isaatiin, maqa balleessaan akkasii kun gonkumaa soba jechuun kan kufisee yoo ta'u, dippilomaatotattis yaaddoo uumeera.
Taalibaan gama isaatiin gonkumaa Raashiyaa waliin waliigalteen akkasii hin taasifamne jechuun haaleera.
Ameerikaan wayita ammaa kanattis waraan Afgaanistaan keessatti waggoota 19f gaggeessaa turte dhaabuun waliigaltee nagaa mallatteessuuf yaalii taasisuurratti argamti.
Niiw Yoork Taayims dabaluunis, Pirezidaant Doonaald Tiraamp baatii Bitooteessaa keessa waa'een taatee kanaa itti himamee akka ture gabaasulleen Waayit Hawuus garuu haaleera.
''Pirezidaantichas ta'e pirezidaantiin itti-aanaa wa'ee namoota Raashiyaan irratti xiyyeeffattee ture jedhame kanaa omaa hin dhageenye'' jedheera Waayit Hawuus ibsa kaleessa kenneen.
Kana malees, gabaasni Niiw Yoork Taayiimsiitti akka waan Pirezidaantichi dhimma kana dhaga'ee fakkeessuun gabaasees ragaa dogongoraati jedheera.
Aanga'oonni maqaansaanii hin eeramne Niiw Yoork Taayimsiitti akka himaniitti, kutaan basaasaa Raashiyaa namoota humna gamtaa waraanaa hoogganan balleessuuf kaayyoo qabaachuu isaa gareen nageenya Ameerikaa hubachuu himeera.
Gaazexaan kun dabaluunis, hidhattoonni Taalibaan waliin hidhata qaban kaayyoo kanaaf maallaqaan kan bitaman ta'uus gabaaseera.
Imbaasiin Raashiyaa kan Ameerikaatti argamu garuu ergaa tiwiitaraa irra deddeebiin maxxanseen, odeessi kun oduu sobaa bu'uura hin qabnedha jedheera.
Bara 2019 keessa loltoonni Ameerikaa 20 ta'an kan ajjeefaman yoo ta'u, gabaasni gaazexaa kanaa garuu kam akka shakkee wanti ifa ta'e hin jiru.
Haata'u malee, aanga'oonni gaazeexaa kanaan eeraman akka jedhaniiti, gumiin nageenya biyyaaleessaa Waayit Hawuus dhimma kanaaf deebii kennurratti marii tasisaa kan ture yoo ta'u, Raashiyaa irra qoqqoobbii kaa'uuf akka yaadee ibseera.
Dubbii himaan Taalibaan garuu dhimmichaan maqa balleessaa bu'uura hin qabnee jechuun haaleera.
''Kanneen itti yaaduun ajjeefnu ta'ee, ajjeechaan raawwataa jiru kan waggoota dheeraaf itti fufaniidha. Kanas deeggarsa eenyuu malee ofumaan raawwataa jirra,'' jedhu dubbi himaan Taalibaan Zaabiihulaah Mujaahiid.
Kana malees, erga baatii Guraandhalaa keessa Ameeriikaafi NATOn waraansaanii Afgaanistaan keessaa baasuun, akkasumas qoqqoobbaa ture kaasuuf waliigalanii booda halleellaa raawwachuu dhaabuu dubbateera dubbi himaan kun.
Kanaaf, deebii kennnuufis naannoolee to'annaa Taaliibaan jalatti argaman keessa shorokkeessitoonni akka hin sochooneef waliigalteerra gahanii ture.
Kutaan basaasaa Raashiyaa bara 2018 keessa miseensa basaasa Raashiyaa kan duraa ture Sargeey Iskiriippaaliifi intalasaa Yuliiyaanaaniim Ingliiz keessatti ajjeesuun shakkama.