Filannoo Ameerikaa: Weellistoonni Tiraamp sirba isaanii akka hin fayyadamneef akeekkachiisan

Garee baandii 'The rolling stones'

Madda suuraa, reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Garee baandii 'The rolling stones'

Weellsitoonni baandii ‘TheRrolling Stones’ Pirezdaant Tiraamp duula na filadhaa isaaf sirba isaanii fayyadamuu yoo itti fufe seeraan akka isa gaafatan akeekkachiisaniiru.

Gareen dhimma seeraa baandichaa ibsa kenneen dhabbata mirga artistoota BMI waliin ta’uun hayyama malee sirba isaanii akka hin fayyadamamneef hojjaachaa jiru.

Duulli na filaadhaa Tiraamp torbee darbe Tulsaa Oklahoomaatti gaggeeffame sirba baandii kanaa ‘You Can't Always Get What You Want’ jedhu fayyadameera.

Yeroo filannoo bara 2016ttis dulli na filaadhaa Tiraamp sirbuma isaanii kana fayyadamee ture.

Yeroo sanattis baandichi Tiwiitara gubbaatti “Baandiin keenya ‘The Rolling Stones’ Donaald Tiraamoiin hin deeggaru,” jechuun barreessanii ture.

Ibsa Sanbata baasaniin , bakka buutonni baandichaa gara fulduraatti duula na filadhaa isaa irratti Tiraamp sirba baandichaa kamuu fayyadamuu akka dhaabuu gochuuf murteessuun isaa barbaachisaa ta’uu ibseera.

Dhaabbatni BMI’s baandichaa bakka bu’uun sirba isaanii hayyama malee fayyadamuun himannaa seeraa akka fiduu danda’u duula na filadhaa Tiraamp akeekkachiiseera jedhameera.

Jalqaba ji’a kanaatti maatiin weellisaa Toom Peeti duulli na filaadhaa Tiraamp Tulsa booda, sirba isaa ‘I won’t back down’ hayyama malee fayyadamuurraa akka hayyamsiisuuf xalayaa barreesaniiru.

Ibsa Tiwiitara gubbaatti barreessaniin, maatiin weellisaa lubbuun hin jirre kanaa, weellisaan kun “sirbi isaa duula jibbaaf akka fayyadamamu hin barbaadu,” jedhaniiru.

Petiin bara 2017 ture tasa qorichaa bayyinaan fudhachuun ganna 66tti lubbuun isaa darbe.

Filannoo Pireezdaantummaa Sadaasaf Tiraamp morkataa isaa Joo Baayden waliin wal dorgomuuf yeroo qophaa’anitti duulli na filaadha ji’oota dhufaniif itti fufa.