Haleelamuun Iraan Tiraamp irra deebiin akka filataman gargaaraa?

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaan tibbana Ameerikaan qilleensarraan Iraan irratti raawwachuun qondaala waraanaa olaanaa Iraan Qaseen Sulaymaanii galaafate siyaasa Ameerikaa keessatti bakka olaanaa akka qabu dubbatama.
Wayita ammaatti yeroo waanti hundi filannoon wal qabsiifamutti haalli amma umame kunis caalaadhumatti walitti hidhamusaan akka hin ollee himama.
Waldhabdee Ameerikaafi iraan jidduutti umame kanaanis, Iraan haleellaadhaan deebisuuf yoo deemte walitti bu'iinsi caalu uumamuu malas jedhameera.
Bu'aan dhumaa kan US Iraaqii baatu yoo ta'e , haalli siyaasaa mataa fi miilli isaa kan badu ta'a.
Yeroo gabaabaa keessatti ammoo, adeemsa na filadhaa pirezidaantummaa yeroo gabaabaa keessatti gaggeefamu irratti dhiibbaa mataasaa ni qabaata.
Pirezidaantii yeroo waraanaa?
Akka aadaatti, pirezidaantiin Ameerikaa imaammata alaatiin rakkinni mudatu yoo xinnaate yeroo gabaabaaf deegarsa ummataa ni argatu turan.
Fakkeenyaaf, Joorji Buush tibba waraana galoo galaanaa bara 1991'tti 'duula alaabaa taasiseen' mo'ateera. halleellaa Fulbaana 11'tti aansee dho'iinsa Afgaaanistaanitti gaggeeffameen sadarkaan galmee isaa akka ol ka'u taasifatee ture.
Hirmaannaa loltummaa baayyeetu taasifame tures.
Baaraak Obaamaas akkasuma waraana bara 2011 tti Libiyaatti gaggeesseen haala waraana mirkanneessu irratti jijjiramni taasisee homtu hin turre.
Pirezidaantiin Ameerikaa amma aangoo harkaa qaban Doonaaldi Tiraampi isa mootummaan Siiriyaa meeshaalee waraanaa keemikaalawoo fayyadame haaloo ba'uuf wayita maandhee waraanaa Siiriyaa misaa'elaan haleeles gurra argatee ture, garuu hagas mara miti.
Haleellaa qondaala waraanaa Olaanaa Iraan irratti raawwate boodas murtee Tiraampi irratti yaadota lamatu turan.
Akkaataan Pirezidaantichi itti tarkaanfii kana fudhatan namoota hedduuf gammachuu, hedduuf ammoo gadda ta'eera.
Deggersa Rippaabilkaanotaa
Wayita haleellaan qondaala waraanaa Iraan Qaseem Sulaymaanii irratti raawwatame rippaabilikaanonni dhibbeentaa 83 tarkaanfii Tiraampi deggeran.
Deggertoonni pirezidaantichaa kaan ammoo iraan irratti haleellaa akkanaa raawwachuun diina dabalataa horachuudha jechuun murtechi sirrii akka hin turre ibsan.
Diraamaan akka waliigalaatti Baha Giddu Galeessaa keessatti hojjetamaa jiru miira uummataa hatee garas geessuun adeemsa aangoorraa buqqisuu pirezidaanti Tiraampi irratti geggeeffamaa ture dagachiisuu mala.
Mala malteen kun sammuu pirezidaanticha keessa akka turee fi innis kana yaadee raawwachuu akka hin hafne dubbatama.
Garee dimokiraatotaa
Gareen dimokiraatotaa gamasaaniin haleellaan Qaseem Sulaymaanii irratti raawwatame osoo hojimaneen waraana Iraaq nurraa hin dhumin rakkoo biraa keessa nu galchuu mala jechuun sodaa qaban ibsu.

Madda suuraa, AFP
Waraana Veetinaam fi Waraana Iraaq irratti yaadannoon qaban hammaataa ta'uu kan kaasan gareen dimokiraatotaa waraana Iraan waliin eegaluun heera Ameerikaa faallessuudha jedhan.
Qormaata Joy Baayiden mudatu...
Haleelamuu Sulayimaan irratti yaadi deggersaa fi yaadi mormii ture nama adda durummaan filannoo Ameerikaa bara 2020 irratti dorgomaa jiran Joy Baayideniif carraa gaariidha.
Namoonni kunneen keessaa harki 62 Joy Baayiden waa'ee Iraan ni tasgabbeessu jedhanii abdatu.
Joy Baayiden nama waggoota saddeettan darbaniif pirezidaantii Itti Aanaa ta'anii tajaajilanii fi imaammata dhimma alaa Ameerikaa tolchuu keessatti qooda qabaniidha.
Turtiin isaanii kun garuu gaarummaa qofaan kan ka'us miti.
Joy Baayiden waraana Iraaq bara 2003 jalqabe keessatti Ameerikaan akka hirmaatu deggeruun namoota loltoota garas ergan keessaati.
Ammas taanaan murteen sun sirrii ta'uu nama itti cichanii deggeraniidha.














