Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidha Laga Abbayyaa: Oduu gara Masriin dhagahameen lammiileen Itoophiyaa dheekkamaa jiru
Mariin dhimma Hidha Laga Abbayaa biyyoota sadan gidduutti waliigalteen akka uumamuuf gaggeessummaa Gamtaa Afrikaan taasifame qabxiiwwan ijoo ifa taaiseera.
Isaan keessaa tokko biyyootni sadanuu jechaafi gocha marii Gamtichi jalqabe gufachiisu kamuu akka hin raawwannedha.
Akka ibsa marii sanaan booda Gamtaan Afrikaa baasetti, koree miseensota biyyoota sadanii—Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan keessaa bahanii dhimmi Hidha Haaromsa Laga Abbaaya hordofaa jiran akka ciman taasisuudha.
Koreen kunis warreen taajabdoota ta'an, keessumaa ammoo addatti Afrikaa Kibbaa kan yeroo ammaa kanatti dura-teessuu Gamtaa Afrikaa taate, miseensota Gamtaa Afrikaa marii dhimma Laga Abbayaa kanarratti hirmaataniifi ogeessota Komishinii Gamtaa Afrikaa dhimmoota tekinikaafi seeraa Hidhichaa furuuf jedhaman hundaan kan deegaramu ta'a.
Koreen kun ammoo Dura Ta'aa Gamtaa Afrikaa kan ta'an Pirezedaant Siriil Rmafoosaaf yeroo torban tokko keessatti gabaasa dhiyeessaaf jedha.
Ibsi kun akka mul'isetti, Gamtichiifi gaggeessitoonni biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa marii ture irratti hirmaatan bu'aa marii waliigaltee dhimmoota hafan irratti gabaafame ilaaluudhaaf guyyaa ibsi kun baheerraa kaasee torban lama keessatti walgahu jedha.
Qabxiin ijoon biraa ammoo, biyyoonni sadanuu ibsawwanis ta'e gochawwan adeemsa marii itti jiramuu gufachiisan ykn akka caalaa walxaxu taasisanirraa akka of qusatan gaafateera.
Kan Masirii dabalatee miidiyaaleen idil-addunyaa akkamiin gabaasaa turan?
Itoophiyaa, Masriifi Sudaan haga waliigaltee irra gahamutti hidhaan Laga Abbayyaa bishaan guutuun akka dhaabbatu waliigaluusaanii miidiyaaleen idiladdunyaa keessattuu kan biyya Masrii keessaa gabaasaa turan.
Oduun kun miidiyaaleerratti erga dhagahameen booda lammiileen Itoophiyaa gama fuula Twitter fi Facebook'n aariisaanii dhageessisaa jiru.
Reuters fi AFP dabalatee miidiyaaleen Masrii keessaa akka gabaasanitti, waajirri pireezidantii Masriitu ibsa baaseen waliigaltee kana hime.
Ibsi waajirra pireezidaantichaarraa bahe jedhame kunis ''biyyoonni sadan haga waliigalteerra gahanitti, murtoo hidhicha bishaan guutuu dabalatee tarkaanfiiwwan biroo kophaatti akka hin fudhanne waliigalameera,'' jedha.
Oduun kun kan dhagahames erga gaggeessitoonni biyyoota sadanii walgahii gama viidiyoon waamicha Gamtaa Afrikaan godhame hirmaatanii boodadha.
Gama Sudaniin ammoo ibsa Ministirri Muummee biyyattii Abdallaa Hamdook baasaniin, dhimmi bishaan guutuu achi siquu mirkaneessa jechuun ammas miidiyaan Masrii Ahram Online gabaaseera.
Dhimma kanarratti gama mootummaa Itoophiyaatiin ministirri muummee Abiy Ahimad erga mariin kaleessaa (Jimaata) gaggeeffame booda fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ''marii bu'a-qabeessa gooneerra,'' jedhan.
Ibsa waajirri isaanii har'a (Smbata) baaseen ''dursitoonni biyyootaas dhimmi laga Abbayyaafi Hidha Guddichaa dhimma Afrikaati waan taheef, fala Afrikawaatu itti kennamuu qabu,'' jedha.
Kanaanis Itoophiyaan hidhicha torban lamaan keessatti bishaan guutuu akka eegaltu ibsameera jechuun, hagasiifuu hojiileen ijaarsaa hafan itti fufu jedha.
Yeroo kana keessattis, biyyoonni sadan waliigaltee maayiirra akka gahanis waliigalameera jedha ibsi bahe kun.
Ministirri bishaanii biyyattii Injinar Silashii Baqqala fuula Twitter isaanii gubbaa akka barreessanitti, marii kaleessaatiin ''torban lamaa haga sadii keessatti waliigaltee xumuruuf waliigalameera,'' jedhan.
Kana malees, ''Gamtaan Afrikaa dhimmicha qabachuu Mana Maree Nageenyaa UNtti akka himamu waliigalameera,'' jedha ibsi guyyaa har'aa (Smbata) bahe.
Odeeffannoon BBCn maddeen dippiloomaatii irraa argate akka mirkaneessutti, marii gaggeessitoonni kaleessa taasisaniin Itoophiyaan torban lamaaf hidhicha bishaan guutuun akka achi buttu waliigalteetti.
Ibsa waajjira pireezidant Al-Sisiirraa bahe jedhame kanaanis ''biyyoonni sadan kun koree seeraa fi teeknikaa hundeessuun waliigaltee isa dhumaa qopheessuufis waliigalaniiru,'' jedha.
'Fudhatama hinqabu'
Oduun kun miidiyaaleerratti erga dhagahameen booda lammiileen Itoophiyaa gama fuula Twitter fi Facebook'n aariisaanii dhageessisaa jiru.
Namoonni kaan kun tasumaa fudhatama hinqabu wayita jedhan kaanammoo aarii mootummaa Itoophiyaarratti qaban dhageessisaa jiru.
Kanneen biroo ammoo ''Lakkii kun oduu sobaa mootummaa Masriiti,'' jechuun odicha akka hin fudhanne barreessu.
Xalayaa Mana Maree Nageenyaaf
Guyyoota muraasaan dura biyyoonni sadan kunniin walduraa duubaan Mana Maree Nageenyaa UNtti xalayaa ejjennoo isaanii ibsu ergaa turan.
Xumurarratti guyyootaan dura xalayaa ejjennooshee ibsu kan galfatte Sudaan, biyyattiin ''haga waliigalteerra gahamutti qaamni kamuu hidhicha guutuu akka hin jalqabne ibsuu barbaanna,'' jetteetti.
Ministirri Dhimma alaa Itoophiyaa Obbo Gadduu Andaargaachoo ammoo xalayaa Masriin ergiteef deebii kennuuf barreessuuf dirqamuu himan.
Masriin dhimmicha gara UN geessuun ajaa'iba nutti hin taane kan jedhan Obbo Gadduun, galma ga'iinsa marii biyyoota sadiif Masriin gumaachuu hin feetu jechuun ibsan.
Mariicha sadarkaa idil - addunyaatti geessuu isheefis qeeqaniiru.
Gama kaaniin ammoo, Masriin xalayaa UN'tti barreessiteen hidhi Itoophiyaan ijaartu kuni nageenyaafi waliigaltee idil-addunyaaf yaaddessaadha jechuun ibsiteetti.
Akka oduuwwan dhagahaman jedhanitti, Manni Marichaa dhimmicha ilaaluuf Wiixataaf beellama qabateera jedhama.