Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Addunyaarratti namoonni mil. 10 Covid-19 qabamanii walaakka kan ta'an fayyan
Addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19 qabaman miliiyoon 10 yoo ta'u, kan lubbunsaanii darbee walakkaa miliyoonaa caaluuf akka ta'e ragaan Yunvarsitii Joons Hopkings irraa argame mulliseera.
Namoota vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'ee kanneen keessaayis kan miliyoona 2,510.323 ta'an Ameerikaa keessatti kan argaman yoo ta'u, Biraazilitti namoonni 1,313,667 qabamnii sadarkaa lammaffaarra akka jirtu ragaan kun ni mullisa.
Raashiyaa namoota kuma 633 oliifi Indiyaan namoota kuma 528 ol qabaachuun sadarkaa sadaffaafi arfaffaarratti argamu.
Biyyoota Afriikaa keessaa ammoo Afriikaan Kibaa namoota 131,800 galmeessuun ardii keessaa sadarkaa tokkooffarratti kan argamtu ta'u ragaan kun dabalee ibseera.
Haaluma walfakkaatunis namoonni 5,06,869 ammoo erga dhukkubichaan qabamanii booda fayyunsaanii mirkanaa'uu ragaan Joos Hopkiins kun ni mullisa.
Gama biraatiin ammoo addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19n lubbunsaanii darbee wallakkaa miliyoonaa caaluuf jira.
Haaluma kanaanis Ameerikaa keessatti namoonni kuma 125 ol kan du'an yoo ta'u, Biraazil keessatti kuma 57 dhabuun biyyoota vaayirasichaan irra caalaa miidhaman jedhameera.
Itoophiyaatti namoonni kuma 5,570 vaayirasichaan qabamanii, kanneen 2,015 ta'an dhukkubicha irraa bayyanatanii, 94 ammoo lubbunsaanii dhabuun ministira fayyaa biyyattiin himame.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras