Qabxiilee ijoo sagal waa'ee Gaaddiddeessuu aduu guyyaa Dilbataa Ittoophiyaatti mul'atuuf jiruurratti beekuu qabdan

Madda suuraa, Hindustan Times
Gaaddiddeessuu aduu (eclipse) Dilbata boruu kutaalee Itoophiyaa garaa garaatti akka mul'atu eegama.
Haaluma kana ilaalchisuun BBC'n hogganaa itti aanaa Hawaasa Saayinsii Hawaa Itoophiyaa (Ethiopian Space Science Society) kan ta'an Obbo Sisaay Faantaahun turtii taasiseera.
Obbo Sisaay gaaddideessuun kun maal akka tahee fi dhiibbaa qabaachuu danda'u irrattis dubbataniiru.
1. Gaaddiddeessuun aduu kun wayita addeessi lafa fi aduu gidduu ooltu uummama. Yeroo kanatti hammi ifa aduu lafa gahuu qabu guutumatti lafa hin gahu. Kanaaf iddoowwan tokko tokkotti duukkanni uummamuu danda'a. Iddoowwan kaanitti immoo ifti aduu gariin qofatu lafa gaha.
2. Waqtiin amma keessa jirru kan addeessi lafarraa faggaattee itti argamu waan ta'eef Dilbata Waxabajjii 14 bara 2012 gaaddiddeessuu aduu bifa qubeellaa (giingoo) wallakkaa fakkaatuutu uummama.
3. Gaaddiddeessuun aduu kun guyyaa Dilbata ganama sa'aa 12:45 hanga 3:20 Itoophiyaa keessatti kan turu ta'aa. Kunis sa'aa lama fi daqiiqaa 35f tura jechuudha.
4. Haaluma kanaanis kutaaleen lixa fi kibba lixaa biyyattis iddoowwan gaaddiddeessuu aduu kana jalqaba ilaalaniidha.
5. Iddoowwan muraasni gaaddiddeessuu aduu bifa qubeellaa qabu fi ibidda fakkaatu itti mullatu jiru. Idoowwan kunneenis naannoo Oromiyaatii magaalonni akka Beegii fi Mandii, naannoo Benishaangul Gumuz Bombaasii, naannoo Gaambeellaa Meexxii ni mullata.
Akkasumas naannoo Amaaraa Laalibalaa fi Xis Abbaay, naannoo Baahirdaar akkasumas Naannoo Tigraay Alaamaaxaa dha. Iddoowwan kunneenitti gaadiideessun aduu bifa qubeellaa qabu yeroo daqiiqaa tokko ta'uuf ni mul'ata.
6. Gaaddiddeessuu aduu kanaan Itoophiyaa keessatti guyyaan hin dukkanaa'u garuu ifni aduu yeroo kaan lafa qaqqabu ni hir'ata.
7. Gaaddiddeessuun aduu iddoo tokkotti deebi'ee mul'achuuf waggoota 400f tura. Haa ta'u malee gaadiddeessuun aduu bifa qubeellaa qabu kun Itoophiyaatti waggoota 18 booda Gaambeellaa keessatti ni mul'ata.
8. Namoonni gizaaza (haguuggii) ijaa gaaddiddeessuu aduu ilaaluuf hojjetametti fayyadamuun ilaaluu danda'u. Yookiin 'pinhole camera' fayyadamuu, kaartoonii uruun hulaa keessa ifti akka darbu gochuun gaaddidduu uummamu ilaaluu fi gaadiduu mukkeenii ilaaluun gaaddiddeessuu aduu kana daawwachuun ni danda'ama.
Kana malees tamsaasa kallattii gama toora 'youtube- Ethiopian Space Science Society' fi miidiyaalee biyya keessaan darbu hordofuunis ni danda'ama jedhan.
9. Gaaddiddeessuu aduu kana ija duwwaan ilaaluun keessoo ijaa miidhuun balaaf kan nama saaxiluudha jedhan.
















