Meeshaan Aduu akka qorattuuf ergamte saayintistootaan hawwiin eegamaa jirti

Meeshaa dhiyeenya aduutti

Madda suuraa, European Space Agency

Qorannoon Sirna Soolaarii Awurooppaa SoLO jedhamu meeshaa qorannoo bicuu Aduu qorattu Wixata 15, 2020 gara hawwaatti ergeera. Meeshaattiin kun Aduutti baayyee dhiyaattee darbiti waan jedhamteef saayintistootaan hedduu eegama jirtillee.

Meeshaan anteenaa (gaafa) qabdi jedhamte kun Aduutti dhiyaattee dabarti kan jedhamu Aduurraa kiiloomeetira miliyoona 77 fagaattee kan marsuu dandeessu yoo taatedha.

Dacheen kun kan mataa ishiirra naannoftu Aduurraa kiiloomeetira miliyoona 149 fagaatteeti.

Meeshaan bicuu gaafee fakkaattu kun amaloota urjii qorchuuf kaayyoo godhatteeti.

Keessumaa ammoo urjiiwwan Aduu waliin walitti dhufeenya akkamii akka qaban xiinxaluudhaf odeeffannoo dandeessisan sassaabuudhaan gara Dacheetti ergiti jedhameera.

Meeshaan kun Veenusiifi Merkurii gidduu toora jiruun kan naannoftu yoo ta'u, gara hawwaatti kan ergamte Onkoloolessa keessa ture.

Meeshaan SOLO jedhamte kun turtii keessa gara Aduutti dhiyaachaa waan dhufteef Aduu waliin walirr fageenya jiru gara kiiloomeetira miliyoona 43tti carraan ittiin dhiphistu ni jiraate jedhamee hawwii guddaadhaan eegamaa jira.

Sirna Soolaari keessatti SOLOn gara Aduutti dhiyaattee darbuudhaan sadarkaa qabatteetti.

Kanaan dura ammoo Maariiner 10, Heliyoos 1 fi 2 Meseenger, akkasums Paarker Soolar Piroob warra Ameerikaa Aduutti dhiyaachuudhaan amala ishee qorachudhaaf yaalaniiru.

SOLOn qabeenyumman isheekan Aurooppa Soolaa Ejensii yoo taatu, kan tolfamte ammoo UK dhaabbata Heroospeesii keessatti.

SOLOn erga deemtee baatii afur guutteetti. Turtii ishee kanattis qorannoo adda dd gaggeessuufi meeshaalee qaamasheerratti tolfame hangam fayyaa akka ta'an sakkatta'aa turteetti.

Meshaaleen qorannoo akkanaa gara Hawwaatti ergman kunneen gara fuula duraatti Dacheen jijjiirama qilleensaa akkamii akka qabattu, Aduufi urjiiwwan hariiroo akkamii akka qabatanirratti gaffii ka'aniif deebii kennuuf odeeffannoo murteessoo ta'an dhiyeessu.