Fakkiin Dolaara miliyoona 66 baasu waggaa 23 booda argame

Madda suuraa, Getty Images
Fakkiin dubartii tokkoo kan Dolaara Miliyoona 66 baasa jedhameefi bara 1916-17 akka kaafametti yaadamu waggoota 23 booda baatii darbe keessa argamuu isaa aanga'oonni Xaaliyaan mirkaneessaniiru.
Fakkiin kun kan artisitti lammii Ostiriyaa suura kaasuun beekamu Gustaav Kilimantidha.
Fakkiin fuulaafi haala dubartii tokkoo agarsiisu kun magaalaa Kaaba Xaaliyaan Piyaasenzaa jedhamtutti mana kuusaa suuraa keessaa bara 1997tti ture kan hatamee.
Suurri kun waggoota dheeraaf badee ture. Kan argamuu danda'e ammoo namoonni biqiltuufi abaaboo kunuunsan man-kuusa suuraa kana yeroo keenyan isaa karaa duubaa hidda irratti margee ture qulqulleessanitti.
Suurri waggaa 23 dura badee ture kun shaanxaa keessa akkuma dhokatee taa'etti jira.
Fakkiin akka badetti yaadamaa ture kun keenyan keessatti argamuun isaa oduu ajaa'ibaa ta'eera jedhe poolisiin. Tarii hatamee bakka biraa erga geeffameen booda asi deebifamuu mala shakkiin jedhu jiraachuu mala jedhe poolisiin dhimma kana hordofu.
Fakkiin kun yoo xiqqaate dolaara miliyoona 66 akka baasu himama.
Fakkiin dubartii kanaa kan kaafame Artist Gustaav Kiliiimintiin yoo ta'u gara dhuma umurii isaa keessa bara 1916-17 keessa jedhama.
Suurri kun Giyuseeppee Riisii Odiitiin bara 1925 bitamee agarsiisaaf dhiyaatee yeroo turetti hatame kan jedhus yaadamaa tureera.
Abbaan seeraa Orneelaa Chikaa jedhaman, fakkiin kun erga hatamee kaasee achuma keenyan sana keessa turee? Yookaan ammoo erga hatamee booda akka deebi'u taasifame kan jedhu qorannoon biraan boodarra taasifamu akka ifa taasisu dubbataniiru.
Qorannoon erga xumurameen boodas fakiin agarsiisaaf akka dhiyaatu himameera.

















